< 詩篇 107 >

1 ヱホバに感謝せよ ヱホバは惠ふかくましましてその憐憫かぎりなし
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 ヱホバの救贖をかうぶる者はみな然いふべきなり
Warri Waaqayyo isaan fure, warri inni harka diinaatii baase,
3 ヱホバは敵の手よりかれらを贖ひもろもろの地よ東西北南よりとりあつめたまへり
warri inni biyya gara garaatii, baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
4 かれら野にてあれはてたる路にさまよひその住ふべき邑にあはざりき
Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
5 かれら饑また渇きそのうちの霊魂おとろへたり
Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
6 斯てその困苦のうちにてヱホバをよばはりたればヱホバこれを患難よりたすけいだし
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
7 住ふべき邑にゆかしめんとて直き路にみちびきたまへり
Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
8 願くはすべての人はヱホバの惠により人の子になしたまへる奇しき事跡によりてヱホバを讃稱へんことを
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
9 ヱホバは渇きしたふ霊魂をたらはせ饑たるたましひを嘉物にてあかしめ給へばなり
inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
10 くらきと死の蔭とに居るもの患難とくろがねとに縛しめらるるもの
Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
11 神の言にそむき至高者のをしへを蔑しめければ
isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
12 勤勞をもてその心をひくうしたまへり かれら仆れたれど助くるものもなかりき
Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
13 斯てその困苦のうちにてヱホバをよばはりたればヱホバこれを患難よりすくひ
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
14 くらきと死のかげより彼等をみちびき出してその械をこぼちたまへり
Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; foncaa isaanis gargar kukkute.
15 願くはすべての人はヱホバの惠により人の子になしたまへる奇しき事跡によりてヱホバを讃稱へんことを
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
16 そはあかがねの門をこぼち くろがねの關木をたちきりたまへり
inni balbalawwan naasii caccabsee danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
17 愚かなる者はおのが愆の道により己がよこしまによりて惱めり
Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
18 かれらの霊魂はすべての食物をきらひて死の門にちかづく
Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii afaan boolla duʼaa gaʼan.
19 かくてその困苦のうちにてヱホバをよばふ ヱホバこれを患難よりすくひたまふ
Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
20 その聖言をつかはして之をいやし之をその滅亡よりたすけいだしたまふ
Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
21 願くはすべての人ヱホバのめぐみにより人の子になしたまへる奇しき事跡によりてヱホバをほめたたへんことを
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
22 かれらは感謝のそなへものをささげ喜びうたひてその事跡をいひあらはすべし
Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
23 舟にて海にうかび大洋にて事をいとなむ者は
Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
24 ヱホバのみわざを見また淵にてその奇しき事跡をみる
Isaanis hojii Waaqayyootii fi hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
25 ヱホバ命じたまへばあらき風おこりてその浪をあぐ
Inni dubbatee bubbee jabaa dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
26 かれら天にのぼりまた淵にくだり患難によりてその霊魂とけさり
Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
27 左た右たにかたぶき酔たる者のごとく踉蹌てなす所をしらず
Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
28 かくてその困苦のうちにてヱホバをよばふ ヱホバこれを患難よりたづさへいで
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
29 狂風をしづめて浪をおだやかになし給へり
Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
30 かれらはおのが靜かなるをよろこぶ 斯てヱホバはかれらをその望むところの湊にみちびきたまふ
Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
31 願くはすべての人ヱホバの惠により人の子になしたまへる奇しき事跡によりてヱホバをほめたたへんことを
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
32 かれら民の會にてこれをあがめ長老の座にてこれを讃稱ふべし
Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
33 ヱホバは河を野にかはらせ泉をかわける地に變らせ
Innis lagoota gammoojjii taasisee burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
34 また豊かなる地にすめる民の惡によりてそこを鹵の地にかはらせ給ふ
sababii hammina warra achi jiraataniitiif, biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
35 野を池にかはらせ乾ける地をいづみにかはらせ
Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
36 ここに餓たるものを住はせたまふ されば彼らは己がすまひの邑をたて
inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
37 畠にたねをまき葡萄園をまうけてそのむすべる實をえたり
Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; midhaan gaariis argatan.
38 ヱホバはかれらの甚くふえひろごれるまでに惠をあたへ その牲畜のへることをも許したまはず
Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
39 されどまた虐待くるしみ悲哀によりて減ゆき且うなたれたり
Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
40 ヱホバもろもろの君に侮辱をそそぎ道なき荒地にさまよはせたまふ
inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
41 然はあれど貧しきものを患難のうちより擧てその家族をひつじの群のごとくならしめたまふ
Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
42 直きものは之をみて喜びもろもろの不義はその口をふさがん
Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
43 すべて慧者はこれらのことに心をよせヱホバの憐憫をさとるべし
Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.

< 詩篇 107 >