< 詩篇 108 >

1 神よわが心はさだまれり われ謳ひまつらん 稱まつらん わが榮をもてたたへまつらん
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.
2 筝よ琴よさむべし われ黎明をよびさまさん
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
3 ヱホバよ我もろもろの民のなかにてなんぢに感謝し もろもろの國のなかにてなんぢをほめうたはん
Yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
4 そは汝のあはれみは大にして天のうへにあがり なんぢの眞實は雲にまでおよぶ
Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
5 神よねがはくはみづからを天よりもたかくし榮光を全地のうへに擧たまへ
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6 ねがはくは右の手をもて救をほどこし われらに答をなして愛しみたまふものに助をえしめたまへ
Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;
7 神はその聖をもていひたまへり われ甚くよろこばん我シケムをわかちスコテの谷をはからん
Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera: “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
8 ギレアデはわがものマナセはわが有なりエフライムも亦わが首のまもりなりユダはわが杖
Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti; Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
9 モアブはわが足盥なりエドムにはわが履をなげんペリシテよわが故によりて聲をあげよと
Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
10 誰かわれを堅固なる邑にすすましめんや 誰かわれをみちびきてエドムにゆきしや
Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
11 神よなんぢはわれらを棄たまひしにあらずや 神よなんぢはわれらの軍とともに出ゆきたまはず
Yaa Waaqi kan nu gatte, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
12 ねがはくは助をわれにあたへて敵にむかはしめたまへ 人のたすけは空しければなり
Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar, gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
13 われらは神によりて勇しくはたらかん われらの敵をふみたまふものは神なればなり
Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.

< 詩篇 108 >