< 詩篇 90 >

1 主よなんぢは往古より世々われらの居所にてましませり
Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa. Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti iddoo jireenyaa nuu taateerta.
2 山いまだ生いでず汝いまだ地と世界とをつくりたまはざりしとき 永遠よりとこしへまでなんぢは神なり
Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
3 なんぢ人を塵にかへらしめて宣はく 人の子よなんぢら歸れと
Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa” jettee namoota biyyootti deebista.
4 なんぢの目前には千年もすでにすぐる昨日のごとく また夜間のひとときにおなじ
Fuula kee duratti waggaan kumni tokko, akkuma guyyaa kaleessa darbee ti; yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.
5 なんぢこれらを大水のごとく流去らしめたまふ かれらは一夜の寝のごとく朝にはえいづる靑草のごとし
Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita; isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;
6 朝にはえいでてさかえ夕にはかられて枯るなり
margi sun ganama ganama bayyanatu illee galgala galgala garuu coollagee goga.
7 われらはなんぢの怒によりて消うせ 汝のいきどほりによりて怖まどふ
Aariin kee nu fixeera; dheekkamsi kees nu naasiseera.
8 汝われらの不義をみまへに置 われらの隠れたるつみを聖顔のひかりのなかにおきたまへり
Yakka keenya fuula kee dura, cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.
9 われらのもろもろの日はなんぢの怒によりて過去り われらがすべての年のつくるは一息のごとし
Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii; umurii keenyas aaduudhaan fixanna.
10 われらが年をふる日は七十歳にすぎず あるひは壯やかにして八十歳にいたらん されどその誇るところはただ勤勞とかなしみとのみ その去ゆくこと速かにしてわれらもまた飛去れり
Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
11 誰かなんぢの怒のちからを知らんや たれか汝をおそるる畏にたくらべて汝のいきどほりをしらんや
Humna aarii keetii eenyutu beeka? Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa guddaadhaatii.
12 願くはわれらにおのが日をかぞふることををしへて智慧のこころを得しめたまへ
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
13 ヱホバよ歸りたまへ斯ていくそのときを歴たまふや ねがはくは汝のしもべらに係れるみこころを變へたまへ
Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa? Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.
14 ねがはくは朝にわれらを汝のあはれみにてあきたらしめ 世をはるまで喜びたのしませたまへ
Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf, ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
15 汝がわれらを苦しめたまへるもろもろの日と われらが禍害にかかれるもろもろの年とにたくらべて我儕をたのしませたまへ
Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa, hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.
16 なんぢの作爲をなんぢの僕等に なんぢの榮光をその子等にあらはしたまへ
Hojiin kee tajaajiltoota keetti, ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
17 斯てわれらの神ヱホバの佳美をわれらのうへにのぞましめ われらの手のわざをわれらのうへに確からしめたまへ 願くはわれらの手のわざを確からしめたまへ
Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

< 詩篇 90 >