< 詩篇 24 >

1 地とそれに充るもの世界とその中にすむものとは皆ヱホバのものなり
Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
2 ヱホバはそのもとゐを大海のうへに置これを大川のうへに定めたまへり
inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.
3 ヱホバの山にのぼるべきものは誰ぞ その聖所にたつべき者はたれぞ
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
4 手きよく心いさぎよき者そのたましひ虚きことを仰ぎのぞまず偽りの誓をせざるものぞ その人なる
Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
5 かかる人はヱホバより福祉をうけ そのすくひの神より義をうけん
Inni Waaqayyo biraa eebba, Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
6 斯のごとき者は神をしたふものの族類なり ヤコブの神よなんぢの聖顔をもとむる者なり (セラ)
Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.
7 門よなんぢらの首をあげよ とこしへの戸よあがれ 榮光の王いりたまはん
Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
8 えいくわうの王はたれなるか ちからをもちたまふ猛きヱホバなり 戰闘にたけきヱホバなり
Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
9 門よなんぢらの首をあげよ とこしへの戸よあがれ 榮光の王いりたまはん
Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf mataa keessan ol qabadhaa.
10 この榮光の王はたれなるか 萬軍のヱホバ是ぞえいくわうの王なる (セラ)
Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.

< 詩篇 24 >