< 詩篇 48 >

1 ヱホバは大なり われらの神の都そのきよき山のうへにて甚くほめたたへられたまふべし
Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha; waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
2 シオンの山はきたの端たかくしてうるはしく喜悦を地にあまねくあたふ ここは大なる王のみやこなり
Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; dheerina isaatiinis ni bareeda. Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; magaalaa Mooticha Guddaatis.
3 そのもろもろの殿のうちに神はおのれをたかき櫓としてあらはしたまへり
Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
4 みよ王等はつどひあつまりて偕にすぎゆきぬ
Mootonni humna walitti daratanii tokkummaadhaan itti qajeelan.
5 かれらは都をみてあやしみ且おそれて忽ちのがれされり
Isaanis ishee arganii dinqifatan; sodaataniis baqatan.
6 戰慄はかれらにのぞみ その苦痛は子をうまんとする婦のごとし
Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, hollannaan isaan qabate.
7 なんぢは東風をおこしてタルシシの舟をやぶりたまふ
Atis bubbee baʼa biiftuutiin dooniiwwan Tarshiish caccabsite.
8 曩にわれらが聞しごとく今われらは萬軍のヱホバの都われらの神のみやこにて之をみることをえたり 神はこの都をとこしへまで固くしたまはん (セラ)
Akkuma dhageenye sana, magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
9 神よ我らはなんぢの宮のうちにて仁慈をおもへり
Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
10 神よなんぢの譽はその名のごとく地の極にまでおよべり なんぢの右手はただしきにて充り
Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii handaara lafaa gaʼa; harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
11 なんぢのもろもろの審判によりてシオンの山はよろこびユダの女輩はたのしむべし
Sababii murtii keetiitiif, Tulluun Xiyoon haa gammaddu; intallan Yihuudaas haa ililchan.
12 シオンの周圍をありき徧くめぐりてその櫓をかぞへよ
Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
13 その石垣に目をとめよ そのもろもろの殿をみよ なんぢらこれを後代にかたりつたへんが爲なり
Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; galma ishees ilaalaa.
14 そはこの神はいや遠長にわれらの神にましましてわれらを死るまでみちびきたまはん
Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

< 詩篇 48 >