< 詩篇 49 >

1 もろもろの民よきけ賤きも貴きも富るも貧きもすべて地にすめる者よ なんぢらともに耳をそばだてよ
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
2 もろもろの民よきけ賤きも貴きも富るも貧きもすべて地にすめる者よ なんぢらともに耳をそばだてよ
xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis:
3 わが口はかしこきことをかたり わが心はさときことを思はん
Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
4 われ耳を喩言にかたぶけ琴をならしてわが幽玄なる語をときあらはさん
Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
5 わが踵にちかかる不義のわれを打圍むわざはひの日もいかで懼るることあらんや
Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
6 おのが富をたのみ財おほきを誇るもの
Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
7 たれ一人おのが兄弟をあがなふことあたはず之がために贖價を神にささげ
Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
8 之をとこしへに生存へしめて朽ざらしむることあたはず(霊魂をあがなふには費いとおほくして此事をとこしへに捨置ざるを得ざればなり)
furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
9 之をとこしへに生存へしめて朽ざらしむることあたはず(霊魂をあがなふには費いとおほくして此事をとこしへに捨置ざるを得ざればなり)
silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
10 そは智きものも死 おろかものも獣心者もひとしくほろびてその富を他人にのこすことは常にみるところなり
Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
11 かれら竊におもふ わが家はとこしへに存りわがすまひは世々にいたらんと かれらはその地におのが名をおはせたり
Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
12 されど人は譽のなかに永くとどまらず亡びうする獣のごとし
Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
13 斯のごときは愚かなるものの途なり 然はあれど後人はその言をよしとせん (セラ)
Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
14 かれらは羊のむれのごとくに陰府のものと定めらる 死これが牧者とならん直きもの朝にかれらををさめん その美容は陰府にほろぼされて宿るところなかるべし (Sheol h7585)
Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti. (Sheol h7585)
15 されど神われを接たまふべければわが霊魂をあがなひて陰府のちからより脱かれしめたまはん (セラ) (Sheol h7585)
Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata. (Sheol h7585)
16 人のとみてその家のさかえくははらんとき汝おそるるなかれ
Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
17 かれの死るときは何一つたづさへゆくことあたはず その榮はこれにしたがひて下ることをせざればなり
Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
18 かかる人はいきながらふるほどに己がたましひを祝するとも みづからを厚うするがゆゑに人々なんぢをほむるとも
Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
19 なんぢ列祖の世にゆかん かれらはたえて光をみざるべし
inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
20 尊貴なかにありて暁らざる人はほろびうする獣のごとし
Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada.

< 詩篇 49 >