< ヨブ 記 11 >

1 是においてナアマ人ゾパル答へて言けるは
Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
2 言語多からば豈答へざるを得んや 口おほき人あに義とせられんや
“Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
3 汝も空しき言あに人をして口を閉しめんや 汝嘲らば人なんぢをして羞しめざらんや
Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
4 汝は言ふ 我敎は正し 我は汝の目の前に潔しと
Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
5 願くは神言を出し 汝にむかひて口を開き
Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, utuu afaan isaas sitti saaqqatee
6 智慧の秘密をなんぢに示してその知識の相倍するを顯したまはんことを 汝しれ神はなんぢの罪よりも輕くなんぢを處置したまふなり
icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.
7 なんぢ神の深事を窮むるを得んや 全能者を全く窮むることを得んや
“Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
8 その高きことは天のごとし 汝なにを爲し得んや 其深きことは陰府のごとし 汝なにを知えんや (Sheol h7585)
Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa? (Sheol h7585)
9 その量は地よりも長く海よりも濶し
Safarri isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa balʼata.
10 彼もし行めぐりて人を執へて召集めたまふ時は誰か能くこれを阻まんや
“Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
11 彼は僞る人を善く知りたまふ 又惡事は顧みること無して見知たまふなり
Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
12 虚しき人は悟性なし その生るるよりして野驢馬の駒のごとし
Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.
13 汝もし彼にむかひて汝の心を定め 汝の手を舒べ
“Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee harka kees gara isaatti diriirsite,
14 手に罪のあらんには之を遠く去れ 惡をなんぢの幕屋に留むる勿れ
cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
15 然すれば汝 面を擧て玷なかるべく堅く 立て懼るる事なかるべし
ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
16 すなはち汝憂愁を忘れん 汝のこれを憶ゆることは流れ去し水のごとくならん
Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
17 なんぢの生存らふる日は眞晝よりも輝かん 假令暗き事あるとも是は平旦のごとくならん
Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
18 なんぢは望あるに因て安んじ 汝の周圍を見めぐりて安然に寐るにいたらん
Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
19 なんぢは何にも懼れさせらるること無して偃やまん 必ず衆多の者なんぢを悦こばせんと務むべし
Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
20 然ど惡き者は目曚み逃遁處を失なはん 其望は氣の斷ると等しかるべし
Iji hamootaa ni dadhaba; karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; abdiin isaaniis duʼa qofa.”

< ヨブ 記 11 >