< Псалми 99 >

1 Господ царује: нека стрепе народи; седи на херувимима: нек се дрма земља!
Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu.
2 Господ је на Сиону велик, и висок над свима народима.
Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; inni saboota hunda irra ol ol jedheera.
3 Нека славе велико и страшно име Твоје; да је свет!
Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; inni qulqulluu dha.
4 Нека славе силу цара који љуби правду. Ти си утврдио правду; суд и правду Ти си уредио у Јакову.
Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; ati tola hundeessiteerta; Yaaqoob keessattis haqaa fi qajeelummaa hojjetteerta.
5 Узвишујте Господа Бога нашег, и клањајте се подножју Његовом; да је свет!
Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha.
6 Мојсије и Арон, свештеници Његови, и Самуило један од оних који призивају име Његово, призиваху Бога, и Он их услиши.
Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; isaan Waaqayyoon waammatan; innis deebii kenneef.
7 У ступу од облака говораше њима; они чуваше заповести Његове и уредбу коју им даде.
Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
8 Господе, Боже наш, Ти си их услишио; Ти си им био Бог благ и плаћао за дела њихова.
Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, ati deebii isaanii kennite; ati balleessaa isaanii adabdu illee, Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.
9 Узвишујте Господа Бога нашег, и клањајте се на светој гори Његовој, јер је свет Господ Бог наш.
Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.

< Псалми 99 >