< Псалми 4 >

1 Кад Те зовем чуј ме, Боже, правдо моја! У тескоби дај ми простор; смилуј се на ме и услиши молитву моју.
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. Yaa Waaqa qajeelumma kootii, yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.
2 Синови човечији! Докле ће слава моја бити у срамоти? Докле ћете љубити ништавило и тражити лажи?
Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?
3 Знајте да Господ дивно чува светог свог; Господ чује кад Га зовем.
Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.
4 Гневећи се не грешите; размислите у срцима својим на постељама својим, и утолите.
Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; yommuu siree keessan irra jirtanitti, garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.
5 Принесите жртву за правду, и уздајте се у Господа.
Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; Waaqayyonis amanadhaa.
6 Многи говоре: Ко ће нам показати шта је добро? Обрати к нама, Господе, светло лице своје.
Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.
7 А мени си дао у срце радост већу него што је они имају, кад им роди пшеница и вино.
Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.
8 Ја мирно лежем и спавам; јер Ти, Господе, сам дајеш ми, те сам без страха.
Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.

< Псалми 4 >