< Књига о Јову 38 >

1 Тада одговори Господ Јову из вихора и рече:
Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes:
2 Ко је то што замрачује савет речима неразумно?
“Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?
3 Опаши се сада као човек; ја ћу те питати, а ти ми казуј.
Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni.
4 Где си ти био кад ја оснивах земљу? Кажи, ако си разуман.
“Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi.
5 Ко јој је одредио мере? Знаш ли? Или ко је растегао уже преко ње?
Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?
6 На чем су подножја њена углављена? Или ко јој је метнуо камен угаони?
Hundeen ishee maal irra dhaabame? Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?
7 Кад певаху заједно звезде јутарње и сви синови Божји кликоваху.
Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
8 Или ко је затворио море вратима кад као из утробе изиђе?
“Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti eenyutu balbala itti cufee ittise?
9 Кад га одех облаком и пових тамом;
Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee dukkana guddaan maretti,
10 Кад поставих за њ уредбу своју и метнух му преворнице и врата;
yeroo ani daangaa isaa dhaabee balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,
11 И рекох: Довде ћеш долазити, а даље нећеш, и ту ће се устављати поносити валови твоји.
anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
12 Јеси ли свог века заповедио јутру, показао зори место њено,
“Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?
13 Да се ухвати земљи за крајеве, и да се растерају с ње безбожници,
Akka inni handaara lafaa qabatee namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?
14 Да се она промени као блато печатно, а они да стоје као хаљина,
Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti; bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.
15 Да се одузме безбожницима светлост њихова и рука подигнута да се сломи?
Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru; irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
16 Јеси ли долазио до дубина морских? И по дну пропасти јеси ли ходио?
“Ati gara burqaa galaanaa gad buutee yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?
17 Јесу ли ти се отворила врата смртна, и врата сена смртног јеси ли видео?
Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa? Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?
18 Јеси ли сагледао ширину земаљску? Кажи, ако знаш све то.
Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa? Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
19 Који је пут к стану светлости? И где је место тами,
“Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami? Dukkannis eessa jiraata?
20 Да би је узео и одвео до међе њене, и знао стазе к дому њеном?
Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa? Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?
21 Знаш ти; јер си се онда родио, и број је дана твојих велик.
Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii! Ati bara hedduu jiraatteerta!
22 Јеси ли улазио у ризнице снежне? Или ризнице градне јеси ли видео,
“Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa dhagaa cabbii argiteertaa?
23 Које чувам за време невоље, за дан боја и рата?
Kan ani yeroo rakkinaatiif, guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?
24 Којим се путем дели светлост и устока се разилази по земљи?
Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?
25 Ко је разделио јазове поводњу и пут светлици громовној?
Eenyutu lolaadhaaf boʼoo, bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,
26 Да би ишао дажд на земљу где нема никога, и на пустињу где нема човека,
lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,
27 Да напоји пуста и неродна места, и учини да расте трава зелена.
lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee margas itti biqilchu eenyu?
28 Има ли дажд оца? Или ко је родио капље росне?
Roobni abbaa qabaa? Copha fixeensaa eenyutu dhalche?
29 Из чије је утробе изашао лед, и ко је родио слану небеску,
Cabbiin garaa eenyuutii baʼa? Qorra samii eenyutu dhala?
30 Да се воде скривају и постају као камен и крајеви пропасти срастају?
Bishaanonni akka dhagaa jabaatu, fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
31 Можеш ли свезати милине влашићима? Или свезу штапима разрешити?
“Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa? Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?
32 Можеш ли извести јужне звезде на време? Или кола са звездама њиховим хоћеш ли водити?
Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?
33 Знаш ли ред небески? Можеш ли ти уређивати владу његову на земљи?
Seera samiiwwanii beektaa? Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
34 Можеш ли дигнути глас свој до облака да би те мноштво воде покрило?
“Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee, lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?
35 Можеш ли пустити муње да иду, и да ти кажу: Ево нас?
Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa? Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?
36 Ко је метнуо човеку у срце мудрост? Или ко је дао души разум?
Eenyutu yaada garaatiif ogummaa yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?
37 Ко ће избројати облаке мудрошћу, и мехове небеске ко ће излити,
Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba? Eenyutu okkotee bishaan samii
38 Да се расквашен прах згусне и груде се слепе?
yeroo biyyoon jabaattutti, yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
39 Ловиш ли ти лаву лов? И лавићима трбух пуниш,
“Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee saafela leencaas beela baaftee
40 Кад леже у пећинама и вребају у заклону свом?
yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?
41 Ко готови гаврану храну његову кад птићи његови вичу к Богу и лутају немајући шта јести?
Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan, yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti, arraagessaaf nyaata kenna?

< Књига о Јову 38 >