< Ermiyaas 3 >

1 “Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha Waaqayyo.
They say, If a man put away his wife, and she go from him, and become another man's, shall he return unto her again? shall not that land be greatly polluted? but you have played the harlot with many lovers; yet return again to me, says the LORD.
2 “Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; sagaagaltummaa fi hammina keetiin biyyattii xureessiteerta.
Lift up your eyes unto the high places, and see where you have not been lien with. In the ways have you sat for them, as the Arabian in the wilderness; and you have polluted the land with your whoredoms and with your wickedness.
3 Kanaafuu tiifuun ni ittifame; birraa keessa illee bokkaan hin roobne. Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; qaanaʼuus ni didde.
Therefore the showers have been withheld, and there has been no latter rain; and you had a whore's forehead, you refused to be ashamed.
4 Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee? ‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
Will you not from this time cry unto me, My father, you are the guide of my youth?
5 ati yeroo hunda ni aartaa? Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’ Ati akkasitti dubbatta; garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.”
Will he reserve his anger for ever? will he keep it to the end? Behold, you have spoken and done evil things as you could.
6 Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte.
The LORD said also unto me in the days of Josiah the king, Have you seen that which backsliding Israel has done? she is gone up upon every high mountain and under every green tree, and there has played the harlot.
7 Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite.
And I said after she had done all these things, Turn you unto me. But she returned not. And her treacherous sister Judah saw it.
8 Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
And I saw, when for all the causes whereby backsliding Israel committed adultery I had put her away, and given her a bill of divorce; yet her treacherous sister Judah feared not, but went and played the harlot also.
9 Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite.
And it came to pass through the levity of her whoredom, that she defiled the land, and committed adultery with stones and with stocks.
10 Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
And yet for all this her treacherous sister Judah has not turned unto me with her whole heart, but feignedly, says the LORD.
11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha.
And the LORD said unto me, The backsliding Israel has justified herself more than treacherous Judah.
12 Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi: “‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Waaqayyo; ‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu; ani araara qabeessaatii’ jedha Waaqayyo. ‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
Go and proclaim these words toward the north, and say, Return, you backsliding Israel, says the LORD; and I will not cause mine anger to fall upon you: for I am merciful, says the LORD, and I will not keep anger for ever.
13 Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte, akka mukkeen lalisoo hunda jalatti jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, balleessaa kee sana qofa himadhu’” jedha Waaqayyo.
Only acknowledge your iniquity, that you have transgressed against the LORD your God, and have scattered your ways to the strangers under every green tree, and all of you have not obeyed my voice, says the LORD.
14 “Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
Turn, O backsliding children, says the LORD; for I am married unto you: and I will take you one of a city, and two of a family, and I will bring you to Zion:
15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.
And I will give you pastors according to mine heart, which shall feed you with knowledge and understanding.
16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
And it shall come to pass, when all of you be multiplied and increased in the land, in those days, says the LORD, they shall say no more, The ark of the covenant of the LORD: neither shall it come to mind: neither shall they remember it; neither shall they visit it; neither shall that be done any more.
17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan.
At that time they shall call Jerusalem the throne of the LORD; and all the nations shall be gathered unto it, to the name of the LORD, to Jerusalem: neither shall they walk any more after the imagination of their evil heart.
18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
In those days the house of Judah shall walk with the house of Israel, and they shall come together out of the land of the north to the land that I have given for an inheritance unto your fathers.
19 “Ani mataan koo akkana nan jedhe; “‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti si fudhadhee biyya namatti toltu, dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’ Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf, waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
But I said, How shall I put you among the children, and give you a pleasant land, a goodly heritage of the hosts of nations? and I said, You shall call me, My father; and shall not turn away from me.
20 Yaa mana Israaʼel, ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, anaaf hin amanamne turte” jedha Waaqayyo.
Surely as a wife treacherously departs from her husband, so have all of you dealt treacherously with me, O house of Israel, says the LORD.
21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif gaara duwwaa irratti iyyi, booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
A voice was heard upon the high places, weeping and supplications of the children of Israel: for they have perverted their way, and they have forgotten the LORD their God.
22 “Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa; ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.” “Kunoo, nu gara kee ni dhufna; Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
Return, all of you backsliding children, and I will heal your backslidings. Behold, we come unto you; for you are the LORD our God.
23 Dhugumaan wacni gaarranii fi tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha; dhugumaan fayyinni Israaʼel harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
Truly in vain is salvation hoped for from the hills, and from the multitude of mountains: truly in the LORD our God is the salvation of Israel.
24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan, buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa jechuunis bushaayee fi loon isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
For shame has devoured the labour of our fathers from our youth; their flocks and their herds, their sons and their daughters.
25 Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; salphinni keenyas nu haa haguugu. Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti cubbuu hojjenneerra; nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne.”
We lie down in our shame, and our confusion covers us: for we have sinned against the LORD our God, we and our fathers, from our youth even unto this day, and have not obeyed the voice of the LORD our God.

< Ermiyaas 3 >