< Ermiyaas 2 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Moreover the word of the LORD came to me, saying,
2 “Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa, akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee lafa gammoojjii keessa, lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
Go and cry in the ears of Jerusalem, saying, Thus says the LORD; I remember you, the kindness of your youth, the love of your espousals, when you went after me in the wilderness, in a land that was not sown.
3 Israaʼel kan Waaqayyoof qulqulloofte sun, mataa midhaan isaa turte; warri ishee nyaatan hundis akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture; badiisnis isaanitti dhufe’” jedha Waaqayyo.
Israel was holiness unto the LORD, and the first-fruits of his increase: all that devour him shall offend; evil shall come upon them, says the LORD.
4 Yaa mana Yaaqoob, isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Hear all of you the word of the LORD, O house of Jacob, and all the families of the house of Israel:
5 Waaqayyo akkana jedha: “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan balleessaa maalii narratti arganiitii? Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
Thus says the LORD, What iniquity have your fathers found in me, that they are gone far from me, and have walked after vanity, and are become vain?
6 Isaanis, ‘Waaqayyo inni Gibxii nu baasee, gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan, lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan lafa hongee fi dukkanaa, biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi keessa hin jiraanne keessaan dabarsee nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
Neither said they, Where is the LORD that brought us up out of the land of Egypt, that led us through the wilderness, through a land of deserts and of pits, through a land of drought, and of the shadow of death, through a land that no man passed through, and where no man dwelt?
7 Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif gara lafa gabbataatti isin fideera. Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan; handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
And I brought you into a plentiful country, to eat the fruit thereof and the goodness thereof; but when all of you entered, all of you defiled my land, and made mine heritage an abomination.
8 Luboonnis, ‘Waaqayyo eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne. Warri seera wajjin oolanis na hin beekne; bulchitoonni natti fincilan; raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
The priests said not, Where is the LORD? and they that handle the law knew me not: the pastors also transgressed against me, and the prophets prophesied by Baal, and walked after things that do not profit.
9 “Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba” jedha Waaqayyo. “Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
Wherefore I will yet plead with you, says the LORD, and with your children's children will I plead.
10 Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa; gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa; yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
For pass over the isles of Chittim, and see; and send unto Kedar, and consider diligently, and see if there be such a thing.
11 Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa? Uummanni koo garuu ulfina isaa waaqota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
Has a nation changed their gods, which are yet no gods? but my people have changed their glory for that which does not profit.
12 Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa; naasuu guddaadhaanis holladhaa” jedha Waaqayyo.
Be astonished, O all of you heavens, at this, and be horribly afraid, be all of you very desolate, says the LORD.
13 “Uummanni koo cubbuu lama hojjete: Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii boolla bishaanii ofii isaanii, boolla bishaanii baqaqaa bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
For my people have committed two evils; they have forsaken me the fountain of living waters, and hewed them out cisterns, broken cisterns, that can hold no water.
14 Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee? Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
Is Israel a servant? is he a native slave? why is he spoiled?
15 Leenconni aadaniiru; isattis gururiʼaniiru. Isaan biyya isaa onsaniiru; magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
The young lions roared upon him, and yelled, and they made his land waste: his cities are burned without inhabitant.
16 Akkasumas namoonni Memfiisii fi Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
Also the children of Noph and Tahapanes have broken the crown of your head.
17 Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti, Waaqayyoon Waaqa kee dhiisuudhaan waan kana ofitti fiddeerta mitii?
Have you not procured this unto yourself, in that you have forsaken the LORD your God, when he led you by the way?
18 Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee biyya Gibxi dhaqxa? Maaliifis bishaan laga Efraaxiis dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
And now what have you to do in the way of Egypt, to drink the waters of Sihor? or what have you to do in the way of Assyria, to drink the waters of the river?
19 Hamminni kee si adaba; duubatti deebiʼuun kees si ifata. Ati Waaqayyoon Waaqa kee dhiiftee na sodaachuu diduun kee hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
your own wickedness shall correct you, and your backslidings shall reprove you: know therefore and see that it is an evil thing and bitter, that you have forsaken the LORD your God, and that my fear is not in you, says the Lord GOD of hosts.
20 “Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera; hidhaa kees sirraa kukkuteera. Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette! Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
For of old time I have broken your yoke, and burst your bands; and you said, I will not transgress; when upon every high hill and under every green tree you wander, playing the harlot.
21 Ani garuu muka wayinii filatamaa, kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture. Yoos ati akkamitti wayinii diidaa taatee natti geeddaramte ree?
Yet I had planted you a noble vine, wholly a right seed: how then are you turned into the degenerate plant of a strange vine unto me?
22 Ati yoo daaraadhaan dhiqattee saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu, xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira” jedha Waaqayyo Gooftaan.
For though you wash you with alkali, and take you much soap, yet your iniquity is marked before me, says the Lord GOD.
23 “Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne; Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa? Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu; waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu. Ati gaala dhalaa asii fi achi fiigduu dha;
How can you say, I am not polluted, I have not gone after Baalim? see your way in the valley, know what you have done: you are a swift dromedary traversing her ways;
24 harree diidaa kan gammoojjii barattee fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko, maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa? Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu; inni yeroo gaanaatti ishee argata.
A wild ass used to the wilderness, that snuffs up the wind at her pleasure; in her occasion who can turn her away? all they that seek her will not weary themselves; in her month they shall find her.
25 Miilla kee kophee malee deemuu irraa, laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu. Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha! Ani waaqota ormaa nan jaalladha; isaan faanas nan buʼa’ jette.
Withhold your foot from being unshod, and your throat from thirst: but you said, There is no hope: no; for I have loved strangers, and after them will I go.
26 “Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana manni Israaʼel ni salphifama; isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu.
As the thief is ashamed when he is found, so is the house of Israel ashamed; they, their kings, their princes, and their priests, and their prophets.
27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’ dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu. Isaan dugda isaanii malee fuula isaanii natti hin deebifanneetii; taʼus isaan yeroo rakkatanitti, ‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
Saying to a stock, You are my father; and to a stone, You have brought me forth: for they have turned their back unto me, and not their face: but in the time of their trouble they will say, Arise, and save us.
28 Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru? Isaan yoo si baasuu dandaʼan mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan! Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana waaqota hedduu qabdaatii.
But where are your gods that you have made you? let them arise, if they can save you in the time of your trouble: for according to the number of your cities are your gods, O Judah.
29 “Isin maaliif na himattu? Isin hundinuu natti finciltaniirtu” jedha Waaqayyo.
Wherefore will all of you plead with me? all of you all have transgressed against me, says the LORD.
30 “Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe; isaan sirreeffama fudhachuu didan. Goraadeen keessan akkuma leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe.
In vain have I smitten your children; they received no correction: your own sword has devoured your prophets, like a destroying lion.
31 “Isin dhaloonni ammaa dubbii Waaqayyoo qalbeeffadhaa: “Ani Israaʼeliif gammoojjii yookaan biyya dukkana hamaan turee? Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya; siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
O generation, see all of you the word of the LORD. Have I been a wilderness unto Israel? a land of darkness? wherefore say my people, We are lords; we will come no more unto you?
32 Durbi tokko faaya ishee, misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii? Sabni koo garuu, guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
Can a maid forget her ornaments, or a bride her attire? yet my people have forgotten me days without number.
33 Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha! Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
Why trim you your way to seek love? therefore have you also taught the wicked ones your ways.
34 Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
Also in your skirts is found the blood of the souls of the poor innocent persons: I have not found it by secret search, but upon all these.
35 ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; inni natti hin dheekkamu’ jetta. Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
Yet you say, Because I am innocent, surely his anger shall turn from me. Behold, I will plead with you, because you say, I have not sinned.
36 Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan, asii fi achi deemuu baayʼifta? Akkuma Asoor si qaanessite sana Gibxis si qaanessiti.
Why arm you about so much to change your way? you also shall be ashamed of Egypt, as you were ashamed of Assyria.
37 Ati mataa kee qabattee, iddoo sanaa baata; Waaqayyo warra ati itti irkatte tuffateeraatii; ati isaaniin hin milkooftu.
Yea, you shall go forth from him, and your hands upon your head: for the LORD has rejected your confidences, and you shall not prosper in them.

< Ermiyaas 2 >