< Keessa Deebii 8 >

1 Isin akka lubbuun jiraattan, akka baayʼattanii fi akka biyya Waaqayyo kakuudhaan abbootii keessan abdachiise sanatti galtanii dhaaltaniif ajaja ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
All the commandments which I command you this day shall all of you observe to do, that all of you may live, and multiply, and go in and possess the land which the LORD swore unto your fathers.
2 Waaqayyo Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu.
And you shall remember all the way which the LORD your God led you these forty years in the wilderness, to humble you, and to prove you, to know what was in your heart, whether you would keep his commandments, or no.
3 Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
And he humbled you, and suffered you to hunger, and fed you with manna, which you knew not, neither did your fathers know; that he might make you know that man does not live by bread only, but by every word that proceeds out of the mouth of the LORD does man live.
4 Waggoota afurtamman kanneen keessa uffanni kee hin dhumne; miilli kees hin iitofne.
Your raiment waxed not old upon you, neither did your foot swell, these forty years.
5 Akka Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki.
You shall also consider in your heart, that, as a man chastens his son, so the LORD your God chastens you.
6 Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii eegi.
Therefore you shall keep the commandments of the LORD your God, to walk in his ways, and to fear him.
7 Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii kan lageen, haroowwanii fi burqaawwan sululootaa fi gaarran keessaa yaaʼaniitti si galchaatii.
For the LORD your God brings you into a good land, a land of brooks of water, of fountains and depths that spring out of valleys and hills;
8 Biyya qamadii fi garbuu, wayinii fi harbuu, roomaanii, zayitii ejersaatii fi damma baasutti,
A land of wheat, and barley, and vines, and fig trees, and pomegranates; a land of oil olive, and honey;
9 biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha.
A land wherein you shall eat bread without scarceness, you shall not lack any thing in it; a land whose stones are iron, and out of whose hills you may dig brass.
10 Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu.
When you have eaten and are full, then you shall bless the LORD your God for the good land which he has given you.
11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu.
Beware that you forget not the LORD your God, in not keeping his commandments, and his judgments, and his statutes, which I command you this day:
12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti,
Lest when you have eaten and are full, and have built goodly houses, and dwelt therein;
13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti,
And when your herds and your flocks multiply, and your silver and your gold is multiplied, and all that you have is multiplied;
14 ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta.
Then your heart be lifted up, and you forget the LORD your God, which brought you forth out of the land of Egypt, from the house of bondage;
15 Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise.
Who led you through that great and terrible wilderness, wherein were fiery serpents, and scorpions, and drought, where there was no water; who brought you forth water out of the rock of flint;
16 Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne.
Who fed you in the wilderness with manna, which your fathers knew not, that he might humble you, and that he might prove you, to do you good at your latter end;
17 Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa.
And you say in your heart, My power and the might of mine hand has got me this wealth.
18 Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.
But you shall remember the LORD your God: for it is he that gives you power to get wealth, that he may establish his covenant which he swore unto your fathers, as it is this day.
19 Yoo ati Waaqayyo Waaqa kee irraanfattee waaqota biraa duukaa buute, yoo isaan waaqeffattee fi isaaniif sagadde akka isin dhugumaan baddan ani harʼa dhugaa isinitti nan baʼa.
And it shall be, if you do at all forget the LORD your God, and walk after other gods, and serve them, and worship them, I testify against you this day that all of you shall surely perish.
20 Akkuma Saboota Waaqayyo fuula keessan duraa balleesse sanaa Waaqayyo Waaqa keessaniif waan ajajamuu didaniif akkasuma isinis ni balleeffamtu.
As the nations which the LORD destroys before your face, so shall all of you perish; because all of you would not be obedient unto the voice of the LORD your God.

< Keessa Deebii 8 >