< 2 Mootota 3 >

1 Yehooraam ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche.
Now in the eighteenth year of Jehoshaphat king of Judah, Joram son of Ahab began to reign over Israel in Samaria; he reigned twelve years.
2 Yehooraam fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka abbaa fi haati isaa hojjetan sana miti. Inni siidaa Baʼaal kan abbaan isaa hojjechiise sana balleesseeraatii.
He did what was evil in the sight of Yahweh, but not like his father and his mother; for he removed the sacred stone pillar of Baal that his father had made.
3 Taʼus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni saba Israaʼel hojjechiise sana cimsee qabate malee irraa hin deebine.
Nevertheless he held on to the sins of Jeroboam son of Nebat, who caused Israel to sin; he did not turn away from them.
4 Yeroo kanatti Meeshaan mootichi Moʼaab hoolota horsiisa ture; inni waggaa waggaatti xobbaallaa hoolaa kuma dhibba tokkoo fi rifeensa korbeeyyii hoolaa kuma dhibba tokko mootii Israaʼeliif gibira kenna ture.
Now Mesha king of Moab bred sheep. He had to give to the king of Israel 100,000 lambs and the wool of 100,000 rams.
5 Erga Ahaab duʼee garuu mootichi Moʼaab mootii Israaʼelitti ni fincile.
But after Ahab died, the king of Moab rebelled against the king of Israel.
6 Kanaafuu yeroo sanatti Yehooraam mootichi Samaariyaadhaa kaʼee saba Israaʼel hunda duulaaf hiriirse.
So King Joram left Samaria at that time to mobilize all Israel for war.
7 Innis, “Mootiin Moʼaab natti fincileera; Moʼaabin loluudhaaf ati na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatti ergaa ergate. Yehooshaafaaxis, “Ani si wajjin nan baʼa; ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee deebiseef.
He sent a message to Jehoshaphat king of Judah, saying, “The king of Moab has rebelled against me. Will you go with me against Moab to battle?” Jehoshaphat replied, “I will go. I am as you are, my people as your people, my horses as your horses.”
8 Innis, “Karaa kamiin yaana?” jedhee gaafate. Yehooraam immoo, “Karaa Gammoojjii Edoomiitiin” jedhee deebiseef.
Then he said, “By which way should we attack?” Jehoshaphat answered, “By way of the wilderness of Edom.”
9 Kanaafuu mootiin Israaʼel mootii Yihuudaatii fi mootii Edoom wajjin kaʼee qajeele. Erga guyyaa torba irra nanaannaʼanii booddee loltoonni sun ofii isaaniitiif yookaan horii isaaniitiif bishaan tokko illee hin qaban ture.
So the king of Israel went with the king of Judah and the king of Edom. They wandered around for seven days, and then there was no water for the army or for the animals that followed them.
10 Kana irratti mootiin Israaʼel, “Wayyoo kaa! Waaqayyo nu mootota sadanuu dabarsee mootii Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waamee?” jedhee iyye.
So the king of Israel said, “What is this? Has Yahweh called three kings to give them into the hand of Moab?”
11 Yehooshaafaax garuu, “Raajiin Waaqayyoo kan nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafannu tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. Qondaalli mootii Israaʼel tokkos, “Elsaaʼi ilmi Shaafaax as jira. Inni Eeliyaasiif bishaan harkaa buusa ture” jedhee deebise.
But Jehoshaphat said, “Is there not here a prophet of Yahweh, that we may consult Yahweh by him?” One of the king of Israel's servants answered and said, “Elisha son of Shaphat is here, who poured water on the hands of Elijah.”
12 Yehooshaafaaxis, “Dubbiin Waaqayyoo isa bira jira” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel, Yehooshaafaaxii fi mootiin Edoom gara Elsaaʼitti gad buʼan.
Jehoshaphat said, “The word of Yahweh is with him.” So the king of Israel, Jehoshaphat, and the king of Edom went down to him.
13 Elsaaʼi mootii Israaʼeliin, “Nu maal wal irraa qabna? Ati gara raajota abbaa keetiitii fi gara raajota haadha keetii dhaqi” jedhe. Mootiin Israaʼel, “Akkas miti; Waaqayyo nu mootota sadanuu dabarsee Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waameeraatii” jedhee deebise.
Elisha said to the king of Israel, “What have I to do with you? Go to the prophets of your father and mother.” So the king of Israel said to him, “No, because Yahweh has called these three kings together to give them into the hand of Moab.”
14 Elsaaʼi immoo akkana jedhee deebise; “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa; ani utuu Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatiif ulfina kennuu baadhee silaa garagalee si hin ilaalu yookaan wayittuu si hin hedun ture.
Elisha replied, “As Yahweh of hosts lives, before whom I stand, surely were it not for the fact that I honor the presence of Jehoshaphat king of Judah, I would not pay any attention to you, or even look at you.
15 Amma garuu nama baganaa taphatu tokko naa fidaa.” Utuma namichi sun baganaa taphachaa jiruu harki Waaqayyoo Elsaaʼi irra buʼe;
But now bring me a musician.” Then it came to pass when the harpist played, the hand of Yahweh came upon Elisha.
16 innis akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Sulula kana keessatti boolla hedduu qotaa.
He said, “Yahweh says this, 'Make this dry river valley full of trenches.'
17 Waaqayyo akkana jedhaatii: Isin bubbee yookaan bokkaa hin argitan; taʼus sululli kun bishaaniin guutama; isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan ni dhugdu.
For Yahweh says this, 'You will not see wind, neither will you see rain, but this river valley will be filled with water, and you will drink, you and your livestock and all your animals.'
18 Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti waan salphaa dha; inni Moʼaabinis dabarsee harka keessanitti ni kenna.
This is an easy thing in the sight of Yahweh. He will also give you victory over the Moabites.
19 Isin magaalaa dallaan itti ijaarame hundaa fi magaalaawwan hunda ni moʼattu. Muka gaarii hunda ni murtu; burqaa hunda gogsitanii lafa qotiisaa gaarii hunda dhagaan balleessitu.”
You will attack every fortified city and every good city, cut down every good tree, stop up all springs of water, and ruin every good piece of land with rocks.”
20 Guyyaa itti aanu ganama gara saʼaatii aarsaan itti dhiʼeeffamuutti kunoo karaa Edoomiin bishaan gad ni dhangalaʼe! Biyyi sunis bishaaniin guutamte.
So in the morning about the time of offering the sacrifice, there came water from the direction of Edom; the country was filled with water.
21 Yeroo kanatti Moʼaabonni hundi akka mootonni sun isaan loluu dhufan dhagaʼan; kanaafuu dargaggeessas taʼu jaarsi miʼa lolaa baachuu dandaʼu hundi walitti waamamee daangaa irratti walitti qabame.
Now when all the Moabites heard that the kings had come to fight against them, they gathered themselves together, all who were able to put on armor, and they stood at the border.
22 Yommuu isaan ganama barii kaʼanitti biiftuun bishaan sana irratti baʼaa turte. Bishaan sunis Moʼaabota gama jiranitti akkuma dhiigaa diimatee mulʼate.
They awakened early in the morning and the sun reflected on the water. When the Moabites saw the water opposite them, it looked as red as blood.
23 Isaanis, “Wanni sun dhiiga! Mootonni sun wal lolanii wal fixuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaa Moʼaab boojuudhaaf kaʼi!” jedhan.
They exclaimed, “This is blood! The kings have certainly been destroyed, and they have killed each other! So now, Moab, let us go plunder them!”
24 Garuu yeroo Moʼaabonni qubata Israaʼel gaʼanitti, Israaʼeloonni itti kaʼanii lolan; jarri sunis ni baqatan. Israaʼeloonnis biyya sana weeraranii Moʼaabota gogorraʼan.
When they came to the camp of Israel, the Israelites surprised them and attacked the Moabites, who fled before them. The army of Israel drove the Moabites across the land, killing them.
25 Isaanis akkasiin magaalaawwan balleessan; tokkoon tokkoon namaas lafa qotiisaa gaggaarii hunda irratti dhagaa darbatee lafti qotiisaa sun dhagaadhaan guutame. Isaan burqaawwan hunda gogsanii muka gaggaarii hunda ciran. Qiir Hareesheti qofatu dhagaa ishee wajjin hafe; taʼus namoonni furrisaa qaban marsanii ishee dhaʼan.
They destroyed the cities, and on every good piece of land every man threw a rock until it was covered up. They stopped up every spring of water and chopped down all the good trees. Only Kir Hareseth was left with its rocks in place. But the soldiers armed with slings surrounded and attacked it.
26 Mootiin Moʼaab yommuu akka lolli isatti jabaate argetti mooticha Edoomitti cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan dhibba torba fudhatee qajeele; jarri garuu hin dandeenye.
When King Mesha of Moab saw that the battle was lost, he took with him seven hundred swordsmen to break through to the king of Edom, but they failed.
27 Innis ilma isaa hangafa kan iddoo isaa buʼee mootii taʼuuf jiru fudhatee dallaa magaalaa sanaa irratti aarsaa gubamu godhee dhiʼeesse. Dheekkamsi guddaanis Israaʼelitti dhufe. Isaanis dugda duubatti deebiʼanii biyya isaaniitti ni galan.
Then he took his oldest son, who should have reigned after him, and offered him as a burnt offering upon the wall. So there was great anger against Israel, and the Israelite army left King Mesha and returned to their own land.

< 2 Mootota 3 >