< 1 Mootota 1 >

1 Daawit Mootichi yeroo jaaree dulloometti yoo uffata itti tuulan illee dhagni isaa hin hoʼuuf ture.
When King David was old and advanced in years, they covered him with blankets, but he could not keep warm.
2 Kanaafuu tajaajiltoonni isaa akkana jedhaniin; “Durba qulqulluu mooticha tajaajiltuu fi kunuunsitu haa barbaannu. Isheenis gooftaa keenya mootichatti bira ciiftee isa haa hoʼiftu.”
So his servants said to him, “Let us look for a young virgin for our master the king. Let her serve the king and take care of him. Let her lie in his arms so that our master the king may keep warm.”
3 Isaanis biyya Israaʼel guutuu keessa durba miidhagduu barbaadanii intala Abiishagi jedhamtu kan gosa Suunam tokko argatanii mootichatti fidan.
So they searched for a beautiful girl within all the borders of Israel. They found Abishag the Shunammite and brought her to the king.
4 Intalattiin akka malee miidhagduu turte; isheenis mooticha kunuunsite; ni tajaajiltes; mootichi garuu ishee bira hin gaʼu ture.
The girl was very beautiful. She served the king and took care of him, but the king did not have sexual relations with her.
5 Yeroo sanatti Adooniyaan ilmi Hagiit kan isheen Daawitiif deesse, “Ani mootii nan taʼa” jedhee ol ol of qabe. Kanaafuu inni gaariiwwanii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama qopheeffate.
At that time, Adonijah son of Haggith exalted himself, saying, “I will be king.” So he prepared for himself chariots and horsemen with fifty men to run ahead of him.
6 Abbaan isaa immoo, “Ati maaliif waan akkanaa goota?” jedhee gonkumaa isa ifatee hin beeku. Inni gurbaa akka malee miidhagaa kan Abesaaloomitti aanee dhalatee dha.
His father had never troubled him, saying, “Why have you done this or that?” Adonijah was also a very handsome man, born next after Absalom.
7 Adooniyaanis Yooʼaab ilma Zeruuyaatii fi Abiyaataar lubichaan mariʼate; isaanis isa deeggaran.
He conferred with Joab son of Zeruiah and with Abiathar the priest. They followed Adonijah and helped him.
8 Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Naataan raajichi, Shimeʼiin, Reeʼii fi eegdonni Daawit filatamoon Adooniyaa wajjin hin turre.
But Zadok the priest, Benaiah son of Jehoiada, Nathan the prophet, Shimei, Rei, and the mighty men who belonged to David did not follow Adonijah.
9 Adooniyaanis dhagaa Zoohelet isa naannoo Een Roogeelitti argamu biratti hoolaa, korma looniitii fi jabboota coccoomoo aarsaa dhiʼeesse. Innis obboloota isaa ilmaan mootichaa hunda, namoota Yihuudaa kanneen qondaaltota mootichaa taʼan hunda ni waame;
Adonijah sacrificed sheep, oxen, and fattened calves by the stone of Zoheleth, which is beside En Rogel. He invited all his brothers, the king's sons, and all the men of Judah, the king's servants.
10 garuu Naataan raajicha yookaan Benaayaa yookaan eegdota filatamoo yookaan obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.
But he did not invite Nathan the prophet, Benaiah, the mighty men, or his brother Solomon.
11 Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Solomoon gaafate; “Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawit quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee?
Then Nathan spoke to Bathsheba the mother of Solomon, saying, “Have you not heard that Adonijah son of Haggith has become king, and David our master does not know it?
12 Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Solomoon oolchuu dandeessu si gorsaa.
Now therefore let me give you advice, so that you may save your own life and the life of your son Solomon.
13 Amma gara Daawit mootichaa dhaqiitii, ‘Yaa gooftaa koo mootii, ati, “Ilmi kee Solomoon anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa” jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?’ jedhiin.
Go to King David; say to him, 'My master the king, did you not swear to your servant, saying, “Surely Solomon your son will reign after me, and he will sit on my throne?” Why then is Adonijah reigning?'
14 Anis utuma ati achitti mooticha wajjin dubbachaa jirtuu dhufee waan ati jettu sana siif mirkaneessa.”
While you are there speaking with the king, I will come in after you and confirm your words.”
15 Kanaafuu Batisheebaan kaatee mootii dulloome sana arguuf gara kutaa Abiishagi intalli gosa Suunam sun itti isa kunuunsaa turteetti ol seente.
So Bathsheba went into the king's room. The king was very old, and Abishag the Shunammite was serving the king.
16 Batisheebaan gad jettee fuula mootichaa duratti jilbeenfatte. Mootichis, “Ati maal barbaadda?” jedhee gaafate.
Bathsheba bowed and prostrated herself before the king. Then the king said, “What do you desire?”
17 Isheenis akkana jettee deebifteef; “Yaa gooftaa ko, ati mataan kee, ‘Ilmi kee Solomoon natti aanee mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jettee maqaa Waaqayyo Waaqa keetiitiin ana garbittii keetiif kakattee turte.
She said to him, “My master, you swore to your servant by Yahweh your God, saying, 'Surely Solomon your son shall reign after me, and he shall sit on my throne.'
18 Amma garuu Adooniyaan mootii taʼeera; ati gooftaan koo mootichis waan kana quba hin qabdu.
Now, see, Adonijah is king, and you, my master the king, do not know it.
19 Inni kunoo sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeessee ilmaan mootii hunda, Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ajajaa loltootaa waameera; garuu garbicha kee Solomoonin hin waamne.
He has sacrificed oxen, fatted calves, and sheep in abundance, and has invited all the sons of the king, Abiathar the priest, and Joab the captain of the army, but he has not invited Solomon your servant.
20 Yaa gooftaa koo mooticha, si booddeedhaan eenyu teessoo gooftaa koo mootichaa irra akka taaʼu sirraa beekuudhaaf iji Israaʼel hundi sirra jira.
As for you, my master the king, the eyes of all Israel are on you, waiting for you to tell them who will sit on the throne after you, my master.
21 Yoo kanaa achii yeroo gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqotutti anii fi ilmi koo Solomoon akka nama balleessaa qabuutti ilaalamna.”
Otherwise it will happen, when my master the king sleeps with his fathers, that I and my son Solomon will be regarded as criminals.”
22 Utuma isheen amma illee mooticha wajjin dubbachaa jirtuu Naataan raajichi ni dhufe.
While she was still speaking with the king, Nathan the prophet came in.
23 Isaanis, “Naataan raajichi as jira” jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
The servants told the king, “Nathan the prophet is here.” When he came in before the king, he prostrated himself before the king with his face to the ground.
24 Naataanis akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mootii, ati, ‘Adooniyaan natti aanee mootii taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jetteertaa?
Nathan said, “My master the king, have you said, 'Adonijah will reign after me, and he will sit on my throne?'
25 Inni harʼa gad buʼee sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeesseera. Ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota loltootaatii fi Abiyaataar lubicha waameera. Isaan amma iyyuu isa wajjin nyaachaa dhugaa, ‘Adooniyaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jechaa jiru.
For he has gone down today and sacrificed oxen, fatted calves, and sheep in abundance, and has invited all the king's sons, the captains of the army, and Abiathar the priest. They are eating and drinking before him, and saying, 'Long live King Adonijah!'
26 Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaatii fi garbicha kee Solomoonin hin waamne.
But as for me, your servant, Zadok the priest, Benaiah son of Jehoiada, and your servant Solomon, he has not invited us.
27 Egaa kun waan gooftaan koo mootichi utuu isa booddeedhaan eenyu akka teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu garbicha isaa hin beeksisin hojjeteedhaa?”
Has my master the king done this without telling us, your servants, who should sit on the throne after him?”
28 Daawit mootichi, “Mee Batisheebaa ol waamaa” jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.
Then King David answered and said, “Call Bathsheba back to me.” She came into the king's presence and stood before the king.
29 Mootichis akkana jedhee kakateef; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa,
The king made an oath and said, “As Yahweh lives, who has redeemed me out of all trouble,
30 ani waan duraan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Solomoon na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa.”
as I vowed to you by Yahweh, the God of Israel, saying, 'Solomon your son will reign after me, and he will sit on my throne in my place,' I will do this today.”
31 Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, “Gooftaan ko, Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.
Then Bathsheba bowed with her face to the ground and prostrated herself before the king and said, “May my master King David live forever!”
32 Daawit mootichis, “Mee Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa” jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti,
King David said, “Call to me Zadok the priest, Nathan the prophet, and Benaiah son of Jehoiada.” So they came before the king.
33 inni akkana isaaniin jedhe: “Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Solomoonin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa.
The king said to them, “Take with you the servants of your master, and have Solomon my son ride on my own mule and take him down to Gihon.
34 Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa.
Let Zadok the priest and Nathan the prophet anoint him king over Israel and blow the trumpet and say, 'Long live King Solomon!'
35 Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera.”
Then you will come up after him, and he will come and sit on my throne; for he will be king in my place. I have appointed him to be ruler over Israel and Judah.”
36 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; “Ameen! Waaqayyo Waaqni gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu.
Benaiah son of Jehoiada answered the king, and said, “So let it be! May Yahweh, the God of my master the king, confirm it.
37 Waaqayyo akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Solomoon wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!”
As Yahweh has been with my master the king, so may he be with Solomon, and make his throne greater than the throne of my master King David.”
38 Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawit mootichaa irra Solomoon teessisanii Giihoonitti geessan.
So Zadok the priest, Nathan the prophet, Benaiah son of Jehoiada, and the Kerethites and the Pelethites went down and had Solomon ride upon King David's mule; they brought him to Gihon.
39 Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
Zadok the priest took the horn of oil out of the tent and anointed Solomon. Then they blew the trumpet, and all the people said, “Long live King Solomon!”
40 Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.
Then all the people went up after him, and the people played the flutes and rejoiced with great joy, so that the earth shook with their sound.
41 Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, “Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?” jedhee gaafate.
Adonijah and all the guests who were with him heard it as they finished eating. When Joab heard the sound of the trumpet, he said, “Why is there an uproar in the city?”
42 Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, “Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa” jedhe.
While he was still speaking, Jonathan son of Abiathar the priest came. Adonijah said, “Come in, for you are a worthy man and bring good news.”
43 Yonaataanis akkana jedhee deebise; “Akkas miti! Gooftaan keenya Daawit mootichi, Solomoonin mootii godheera.
Jonathan answered and said to Adonijah, “Our master King David has made Solomon the king,
44 Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan;
and the king has sent with him Zadok the priest, Nathan the prophet, Benaiah son of Jehoiada, and the Kerethites and the Pelethites. They have had Solomon ride on the king's mule.
45 Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha.
Zadok the priest and Nathan the prophet have anointed him king at Gihon, and have come up from there rejoicing, so that the city is in an uproar. This is the noise that you have heard.
46 Kana caalaa iyyuu Solomoon teessoo mootummaa irra taaʼeera.
Also, Solomon is sitting on the throne of the kingdom.
47 Qondaaltonni mootiis, ‘Waaqni kee maqaa kee caalaa maqaa Solomoon beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawit mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade;
Moreover, the king's servants came to bless our master King David, saying, 'May your God make the name of Solomon better than your name, and make his throne greater than your throne.' Then the king bowed down on the bed.
48 innis, ‘Waaqayyo, Waaqni Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe.”
The king also said, 'Blessed be Yahweh, the God of Israel, who has given a person to sit on my throne this day, and that my own eyes should see it.'”
49 Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan.
Then all the guests of Adonijah were terrified. They stood up and each man went his way.
50 Adooniyaan garuu Solomoonin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate.
Adonijah was afraid of Solomon and rose up, went, and took hold of the horns of the altar.
51 Solomoonittis akkana jedhamee himame; “Adooniyaan Solomoon mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Solomoon mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe.”
Then it was told Solomon, saying, “See, Adonijah is afraid of King Solomon, for he has laid hold on the horns of the altar, saying, 'Let King Solomon swear to me first that he will not kill his servant with the sword.'”
52 Solomoonis, “Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa” jedhee deebise.
Solomon said, “If he will show himself a worthy man, not a hair of his will fall to the earth, but if wickedness is found in him, he will die.”
53 Solomoon mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Solomoon mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Solomoonis, “Deemi, mana keetti gali” jedheen.
So King Solomon sent men, who brought Adonijah down from the altar. He came and bowed down to King Solomon, and Solomon said to him, “Go to your house.”

< 1 Mootota 1 >