< 創世記 47 >

1 ヨセフは行って、パロに言った、「わたしの父と兄弟たち、その羊、牛およびすべての持ち物がカナンの地からきて、今ゴセンの地におります」。
Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime.
2 そしてその兄弟のうちの五人を連れて行って、パロに会わせた。
Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse.
3 パロはヨセフの兄弟たちに言った、「あなたがたの職業は何か」。彼らはパロに言った、「しもべらは羊を飼う者です。われわれも、われわれの先祖もそうです」。
Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate. Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif.
4 彼らはまたパロに言った、「この国に寄留しようとしてきました。カナンの地はききんが激しく、しもべらの群れのための牧草がないのです。どうかしもべらをゴセンの地に住ませてください」。
Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.”
5 パロはヨセフに言った、「あなたの父と兄弟たちとがあなたのところにきた。
Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru;
6 エジプトの地はあなたの前にある。地の最も良い所にあなたの父と兄弟たちとを住ませなさい。ゴセンの地に彼らを住ませなさい。もしあなたが彼らのうちに有能な者があるのを知っているなら、その者にわたしの家畜をつかさどらせなさい」。
lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
7 そこでヨセフは父ヤコブを導いてパロの前に立たせた。ヤコブはパロを祝福した。
Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee,
8 パロはヤコブに言った、「あなたの年はいくつか」。
Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate.
9 ヤコブはパロに言った、「わたしの旅路のとしつきは、百三十年です。わたしのよわいの日はわずかで、ふしあわせで、わたしの先祖たちのよわいの日と旅路の日には及びません」。
Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.”
10 ヤコブはパロを祝福し、パロの前を去った。
Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
11 ヨセフはパロの命じたように、父と兄弟たちとのすまいを定め、彼らにエジプトの国で最も良い地、ラメセスの地を所有として与えた。
Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne.
12 またヨセフは父と兄弟たちと父の全家とに、家族の数にしたがい、食物を与えて養った。
Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
13 さて、ききんが非常に激しかったので、全地に食物がなく、エジプトの国もカナンの国も、ききんのために衰えた。
Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman.
14 それでヨセフは人々が買った穀物の代金としてエジプトの国とカナンの国にあった銀をみな集め、その銀をパロの家に納めた。
Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche.
15 こうしてエジプトの国とカナンの国に銀が尽きたとき、エジプトびとはみなヨセフのもとにきて言った、「食物をください。銀が尽きたからとて、どうしてあなたの前で死んでよいでしょう」。
Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan.
16 ヨセフは言った、「あなたがたの家畜を出しなさい。銀が尽きたのなら、あなたがたの家畜と引き替えで食物をわたそう」。
Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe.
17 彼らはヨセフの所へ家畜をひいてきたので、ヨセフは馬と羊の群れと牛の群れ及びろばと引き替えで、食物を彼らにわたした。こうして彼はその年、すべての家畜と引き替えた食物で彼らを養った。
Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore.
18 やがてその年は暮れ、次の年、人々はまたヨセフの所へきて言った、「わが主には何事も隠しません。われわれの銀は尽き、獣の群れもわが主のものになって、われわれのからだと田地のほかはわが主の前に何も残っていません。
Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu.
19 われわれはどうして田地と一緒に、あなたの目の前で滅んでよいでしょう。われわれと田地とを食物と引き替えで買ってください。われわれは田地と一緒にパロの奴隷となりましょう。また種をください。そうすればわれわれは生きながらえ、死を免れて、田地も荒れないでしょう」。
Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.”
20 そこでヨセフはエジプトの田地をみなパロのために買い取った。ききんがエジプトびとに、きびしかったので、めいめいその田畑を売ったからである。こうして地はパロのものとなった。
Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe;
21 そしてヨセフはエジプトの国境のこの端からかの端まで民を奴隷とした。
Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche.
22 ただ祭司の田地は買い取らなかった。祭司にはパロの給与があって、パロが与える給与で生活していたので、その田地を売らなかったからである。
Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre.
23 ヨセフは民に言った、「わたしはきょう、あなたがたとその田地とを買い取って、パロのものとした。あなたがたに種をあげるから地にまきなさい。
Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa.
24 収穫の時は、その五分の一をパロに納め、五分の四を自分のものとして田畑の種とし、自分と家族の食糧とし、また子供の食糧としなさい」。
Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.”
25 彼らは言った、「あなたはわれわれの命をお救いくださった。どうかわが主の前に恵みを得させてください。われわれはパロの奴隷になりましょう」。
Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.
26 ヨセフはエジプトの田地について、収穫の五分の一をパロに納めることをおきてとしたが、それは今日に及んでいる。ただし祭司の田地だけはパロのものとならなかった。
Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe.
27 さてイスラエルはエジプトの国でゴセンの地に住み、そこで財産を得、子を生み、大いにふえた。
Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan.
28 ヤコブはエジプトの国で十七年生きながらえた。ヤコブのよわいの日は百四十七年であった。
Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture.
29 イスラエルは死ぬ時が近づいたので、その子ヨセフを呼んで言った、「もしわたしがあなたの前に恵みを得るなら、どうか手をわたしのももの下に入れて誓い、親切と誠実とをもってわたしを取り扱ってください。どうかわたしをエジプトには葬らないでください。
Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin;
30 わたしが先祖たちと共に眠るときには、わたしをエジプトから運び出して先祖たちの墓に葬ってください」。ヨセフは言った、「あなたの言われたようにいたします」。
yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.” Innis, “Akkuma ati jette nan godha” jedhe.
31 ヤコブがまた、「わたしに誓ってください」と言ったので、彼は誓った。イスラエルは床のかしらで拝んだ。
Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade.

< 創世記 47 >