< ゼパニヤ書 3 >

1 此暴虐を行ふ悖りかつ汚れたる邑は禍なるかな
Magaalaa cunqursitootaa, finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!
2 是は聲を聽いれず敎晦を承ずヱホバに依賴まずおのれの神に近よらず
Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. Isheen Waaqayyoon hin amanattu; Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.
3 その中にをる牧伯等は吼る獅子の如くその審士は明旦までに何をも遺さざる 夜求食する狼のごとし
Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.
4 その預言者は傲りかつ詐る人なり その祭司は聖物を汚し律法を破ることをなせり
Raajonni ishee of tuultota; isaan namoota hin amanamnee dha. Luboonni ishee iddoo qulqulluu xureessanii seeras cabsu.
5 その中にいますヱホバは義くして不義を行なひたまはず朝な朝な己の公義を顯して缺ることなし 然るに不義なる者は恥を知ず
Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
6 我國々の民を滅したればその櫓は凡て荒たり 我これが街を荒凉れしめたれば往來する者なし その邑々は滅びて人なく住む者なきに至れり
“Ani saboota nan balleessa; daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef ani daandiiwwan ishee onseera. Magaalaawwan isaanii onanii nama malee, duwwaa hafu.
7 われ前に言り 汝ただ我を畏れまた警敎を受べし 然らばその住家は我が凡て之につきて定めたる所の如くに滅されざるべしと 然るに彼等は夙に起て己の一切の行状を壞れり
Ani magaalaa sanaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta; sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti daba hojjechuutti ciman.
8 ヱホバ曰たまふ 是ゆゑに汝らわが起て獲物をする日いたるまで我を俟て 我もろもろの民を集へ諸の國を聚めてわが憤恨とわが烈き忿怒を盡くその上にそそがんと思ひ定む 全地はわが嫉妬の火に燒ほろぼさるべし
Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha Waaqayyo; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
9 その時われ國々の民に清き唇をあたへ彼らをして凡てヱホバの名を呼しめ心をあはせて之につかへしめん
“Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Waaqayyoo waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.
10 わが散せし者等の女即ち我を拜む者エテオピアの河々の彼旁よりもきたりて我に禮ものをささぐべし
Warri anaaf sagadan, intallan koo kanneen bittinnaaʼan lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.
11 その日には汝われに對てをかしきたりし諸の行爲をもて羞を得ことなかるべし その時には我なんぢの中より高ぶり樂む者等を除けば汝かさねてわが聖山にて傲り高ぶることなければなり
Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan magaalaa kana keessaa baasuuf, gaafas yakka ati natti hojjette sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. Ati lammata gaara koo qulqulluu irratti of hin tuultu.
12 われ柔和にして貧き民をなんぢの中にのこさん 彼らはヱホバの名に依賴むべし
Ani garuu garraamotaa fi gad of qabeeyyii kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan si keessatti nan hambisa.
13 イスラエルの遺れる者は惡を行はず 謊をいはず その口のうちには詐僞の舌なし 彼らは草食ひ臥やすまん 之を懼れしむる者なかるべし
Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.”
14 シオンの女よ歡喜の聲を擧よ イスラエルよ樂み呼はれ エルサレムの女よ心のかぎり喜び樂め
Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii garaa kee guutuudhaan ililchi!
15 ヱホバすでに汝の鞫を止め汝の敵を逐はらひたまへり イスラエルの王ヱホバ汝の中にいます 汝はかさねて災禍にあふことあらじ
Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; inni diinota kee sirraa deebiseera. Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.
16 その日にはエルサレムに向ひて言あらん 懼るるなかれ シオンよ 汝の手をしなえ垂るるなかれと
Isaan gaafas Yerusaalemiin akkana ni jedhu; “Yaa Xiyoon hin sodaatin; harki kees hin laafin.
17 なんぢの神ヱホバなんぢの中にいます 彼は拯救を施す勇士なり 彼なんぢのために喜び樂み愛の餘りに默し汝のために喜びて呼はりたまふ
Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
18 われ節會のことにつきて憂ふるものを集めん 彼等は汝より出し者なり 恥辱かれらに蒙むること重負のごとし
“Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu sirraa nan fuudha; isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.
19 視よその時われ汝を虐遇る者を盡く處置し足蹇たるものを救ひ逐はなたれたる者を集め彼らをして其羞辱を蒙りし一切の國にて稱譽を得させ名を得さすべし
Ani yeroo sanatti warra si cunqursan hunda nan adaba; ani okkolaa nan baraara; warra gatamanis walitti nan qaba. Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.
20 その時われ汝らを携へその時われ汝らを集むべし 我なんぢらの目の前において汝らの俘囚をかへし汝らをして地上の萬國に名を得させ稱譽を得さすべし ヱホバこれを言ふ
Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. Ani yeroo utuma isin argitanuu boojuu keessan deebisutti saba lafaa hunda gidduutti ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” jedha Waaqayyo.

< ゼパニヤ書 3 >