< ハガイ書 1 >

1 ダリヨス王の二年六月其月の一日にヱホバの言預言者ハガイによりてシヤルテルの子ユダの方伯ゼルバベルおよびヨザダクの子 祭司の長ヨシユアに臨めりいはく
Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
2 萬軍のヱホバかくいひたまふ是民はヱホバの殿を建べき時期未だ來らずといへり
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
3 ヱホバの言また預言者ハガイによりて臨めり曰く
Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe:
4 此殿かく毀壞をれば汝等板をもてはれる家に居るべき時ならんや
“Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
5 されば今萬軍のヱホバかく曰たまふ 汝等おのれの行爲を省察べし
Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa.
6 汝らは多く播ども収入るところは少く食へども飽ことを得ず 飮ども滿足ことを得ず 衣れども暖きことを得ず 又工價を得るものは之を破れたる袋に入る
Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
7 萬軍のヱホバまた曰たまふ 汝等おのれの行爲を省察べし
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa.
8 山に上り木を携へ來て殿を建てよ さすれば我これを悦び又榮光を受ん ヱホバこれを言ふ
Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo.
9 なんぢら多く得んと望みたりしに反て少かりき 又汝等これを家に携へ歸りしとき我これを吹はらへり 萬軍のヱホバいひたまふ 是何故ぞや 是は我が殿破壞をるに汝等おのおの己の室に走り至ればなり
“Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif.
10 この故になんぢらの上の天は雨露を止め地はその產物を止めたり
Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte.
11 且われ地にも山にも穀物にも新酒にも油にも地の生ずる物にも人にも家畜にも手のもろもろの工にもすべて毀壞を召きかうむらしめたり
Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
12 シヤルテルの子ゼルバベルとヨザダクの子祭司の長ヨシユアおよびその殘れるすべての民ともに其神ヱホバの聲と預言者ハガイの言に聽したがへり 是は其神ヱホバかれを遣したまひしに因る 民みなヱホバの前に敬畏たり
Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
13 時にヱホバの使者ハガイ、ヱホバの命により民に告て曰けるは我なんぢらと偕に在りとヱホバ曰たまふと
Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo.
14 ヱホバ、シヤルテルの子ユダの方伯ゼルバベルの心とヨザダクの子 祭司の長ヨシユアの心およびその殘れるすべての民の心をふりおこしたまひければ彼等來りて其神萬軍のヱホバの殿にて工作を爲り
Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban;
15 これダリヨス王の二年六月二十四日なりき
kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.

< ハガイ書 1 >