< 詩篇 88 >

1 わがすくひの神ヱホバよわれ晝も夜もなんぢの前にさけべり
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa. Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu, ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.
2 願くはわが祈をみまへにいたらせ汝のみみをわが號呼のこゑにかたぶけたまへ
Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu; atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.
3 わがたましひは患難にてみち我がいのちは陰府にちかづけり (Sheol h7585)
Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii; jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera. (Sheol h7585)
4 われは穴にいるものとともにかぞへられ依仗なき人のごとくなれり
Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame; akka nama humna hin qabnees nan taʼe.
5 われ墓のうちなる殺されしもののごとく死者のうちにすてらる汝かれらを再びこころに記たまはず かれらは御手より斷滅されしものなり
Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti, akka nama ati deebitee hin yaadanneetti, akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti, warra duʼan wajjin gatameera.
6 なんぢ我をいとふかき穴 くらき處 ふかき淵におきたまひき
Ati boolla gad fagoo keessa, dukkana hamaa keessas na buufteerta.
7 なんぢの怒はいたくわれにせまれり なんぢそのもろもろの浪をもて我をくるしめ給へり (セラ)
Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera; dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.
8 わが相識ものを我よりとほざけ我をかれらに憎ませたまへり われは錮閉されていづることあたはず
Michoota koo narraa fageessiteerta; isaan biratti jibbamaa na gooteerta; akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.
9 わが眼はなやみの故をもておとろへぬ われ日ごとに汝をよべり ヱホバよなんぢに向ひてわが兩手をのべたり
Iji koo gaddaan dadhabeera. Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.
10 なんぢ死者にくすしき事跡をあらはしたまはんや 亡にしもの立てなんぢを讃たたへんや (セラ)
Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa? Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?
11 汝のいつくしみは墓のうちに汝のまことは滅亡のなかに宣傳へられんや
Jaalalli kee awwaala keessatti, amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?
12 汝のくすしきみわざは幽暗になんぢの義は忘失のくにに知るることあらんや
Dinqiiwwan kee dukkana keessatti, yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?
13 されどヱホバよ我なんぢに向ひてさけべり わがいのりは朝にみまへに達らん
Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha; ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.
14 ヱホバよなんぢ何なればわが霊魂をすてたまふや何なればわれに面をかくしたまふや
Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta? Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?
15 われ幼稚よりなやみて死るばかりなり我なんぢの恐嚇にあひてくるしみまどへり
Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture; naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.
16 汝のはげしき怒わがうへをすぐ汝のおびやかし我をほろぼせり
Dheekkamsi kee narra yaaʼe; naasisuun kees na balleesseera.
17 これらの事ひねもす大水のごとく我をめぐり ことごとく來りて我をかこみふさげり
Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu; guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.
18 なんぢ我をいつくしむ者とわが友とをとほざけ わが相識るものを幽暗にいれたまへり
Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta; dukkana qofatu michuu naa taʼe.

< 詩篇 88 >