< 詩篇 83 >

1 神よもだしたまふなかれ神よものいはで寂靜たまふなかれ
Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi gab hin jedhin; yaa Waaqi, hin calʼisin; akkasumattis hin dhiisin.
2 視よなんぢの仇はかしがきしき聲をあげ汝をにくむものは首をあげたり
Diinonni kee akkam akka kakaʼan, warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.
3 かれらはたくみなる謀略をもてなんぢの民にむかひ相共にはかりて汝のかくれたる者にむかふ
Isaan saba keetti daba karoorfatu; warra ati eegdutti mariʼatu.
4 かれらいひたりき 來かれらを斷滅してふたたび國をたつることを得ざらしめイスラエルの名をふたたび人にしられざらしめんと
Isaanis, “Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef, akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa” jedhu.
5 かれらは心を一つにしてともにはかり互にちかひをなしてなんぢに逆ふ
Isaan yaada tokkoon walii galu; sittis ni gurmaaʼu;
6 こはエドムの幕屋にすめる人イシマエル人モアブ、ハガル人
isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota, Moʼaabii fi gosa Aggaar,
7 ゲバル、アンモン、アマレク、ペリシテおよびツロの民などなり
Gebaal, Amoonii fi Amaaleq, Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.
8 アッスリヤも亦かれらにくみせり 斯てロトの子輩のたすけをなせり (セラ)
Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa taʼuudhaaf isaanitti makaman.
9 なんぢ曩にミデアンになしたまへる如くキションの河にてシセラとヤビンとに作たまへるごとく彼等にもなしたまへ
Ati akkuma Midiyaanin goote, akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;
10 かれらはエンドルにてほろび地のために肥料となれり
isaan Eendooritti dhumanii akkuma kosii lafaa taʼan.
11 かれらの貴人をオレブ、ゼエブのごとくそのもろもろの侯をゼバ、ザルムンナのごとくなしたまへ
Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb, ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;
12 かれらはいへり われら神の草苑をえてわが有とすべしと
isaan warra, “Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee kan dhuunfaa keenyaa godhannaa” jedhanii dha.
13 わが神よかれらをまきあげらるる塵のごとく風のまへの藁のごとくならしめたまへ
Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu, akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.
14 林をやく火のごとく山をもやす熖のごとく
Akkuma ibiddi bosona balleessu, yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,
15 なんぢの暴風をもてかれらを追ひなんぢの旋風をもてかれらを怖れしめたまへ
atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi; bubbee keetiin isaan sodaachisi.
16 かれらの面に恥をみたしめたまへ ヱホバよ然ばかれらなんぢの名をもとめん
Yaa Waaqayyo, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif, fuula isaanii qaaniin haguugi.
17 かれらをとこしへに恥おそれしめ惶てまどひて亡びうせしめたまへ
Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan; salphinaanis haa badan.
18 然ばかれらはヱホバてふ名をもちたまふ汝のみ全地をしろしめす至上者なることを知るべし
Isaan akka ati kan maqaan kee Waaqayyo taʼe sun qofti, lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan.

< 詩篇 83 >