< 詩篇 59 >

1 わが神よねがはくは我をわが仇よりたすけいだし われを高處におきて我にさからひ起立つものより脱かれしめたまへ
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; warra natti kaʼan jalaas na furi.
2 邪曲をおこなふものより我をたすけいだし血をながす人より我をすくひたまへ
Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
3 視よかれらは潜みかくれてわが霊魂をうかがひ猛者むれつどひて我をせむ ヱホバよ此はわれに愆あるにあらず われに罪あるにあらず
Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
4 かれら趨りまはりて過失なきに我をそこなはんとて備をなす ねがはくは我をたすくるために目をさまして見たまへ
Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
5 なんぢヱホバ萬軍の神イスラエルの神よ ねがはくは目をさましてもろもろの國にのぞみたまへ あしき罪人にあはれみを加へたまふなかれ (セラ)
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
6 かれらは夕にかへりきたり犬のごとくほえて邑をへありく
Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
7 視よかれらは口より惡をはく そのくちびるに劍あり かれらおもへらく誰ありてこの言をきかんやと
Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; hidhii isaanii irra goraadeetu jira; isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
8 されどヱホバよ汝はかれらをわらひ もろもろの國をあざわらひたまはん
Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta.
9 わが力よわれ汝をまちのぞまん 神はわがたかき櫓なり
Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo,
10 憐憫をたまふ神はわれを迎へたまはん 神はわが仇につきての願望をわれに見させたまはん
Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
11 願くはかれらを殺したまふなかれ わが民つひに忘れやはせん 主われらの盾よ 大能をもてかれらを散し また卑したまへ
Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, ati garuu isaan hin ajjeesin; yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
12 かれらがくちびるの言はその口のつみなり かれらは詛と虚偽とをいひいづるによりてその傲慢のためにとらへられしめたまへ
Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
13 忿恚をもてかれらをほろぼしたまへ 再びながらふることなきまでに彼等をほろぼしたまへ ヤコブのなかに神いまして統治めたまふことをかれらに知しめて地の極にまでおよぼしたまへ (セラ)
dheekkamsaan isaan balleessi; akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, hamma handaara lafaatti ni beekama.
14 かれらは夕にかへりきたり犬のごとくほえて邑をへありくべし
Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
15 かれらはゆききして食物をあさり もし飽ことなくば終夜とどまれり
Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
16 されど我はなんぢの大能をうたひ清晨にこゑをあげてなんぢの憐憫をうたひまつらん なんぢわが迫りくるしみたる日にたかき櫓となり わが避所となりたまひたればなり
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
17 わがちからよ我なんぢにむかひて頌辭をうたひまつらん 神はわがたかき櫓われにあはれみをたまふ神なればなり
Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; ati Waaqa ani abdadhuu dha.

< 詩篇 59 >