< 詩篇 55 >

1 神よねがはくは耳をわが祈にかたぶけたまへ わが懇求をさけて身をかくしたまふなかれ
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi; waammata koo jalaas hin didin.
2 われに聖意をとめ 我にこたへたまへ われ歎息によりてやすからず悲みうめくなり
Na dhagaʼiitii deebii naa kenni; komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
3 これ仇のこゑと惡きものの暴虐とのゆゑなり そはかれら不義をわれに負せ いきどほりて我におひせまるなり
Sagalee diinaatiin, cunqursa namoota hamoos dhufe; isaan dhiphina natti fiduutii; aariidhaanis na jibbu.
4 わが心わがうちに憂ひいたみ死のもろもろの恐懼わがうへにおちたり
Lapheen koo na keessatti dhiphatte; sodaan duʼaas na qabate.
5 おそれと戰慄とわれにのぞみ甚だしき恐懼われをおほへり
Sodaa fi hollannaan natti dhufeera; naasuunis na fudhateera.
6 われ云ねがはくは鴿のごとく羽翼のあらんことを さらば我とびさりて平安をえん
Anis akkana nan jedhe; “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee! Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
7 みよ我はるかにのがれさりて野にすまん (セラ)
Silaa fagootti baqadhee gammoojjii keessa nan bubbula ture;
8 われ速かにのがれて暴風と狂風とをはなれん
silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”
9 われ都のうちに強暴とあらそひとをみたり 主よねがはくは彼等をほろぼしたまへ かれらの舌をわかれしめたまへ
Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi; dubbii isaaniis waliin dhaʼi; ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
10 彼等はひるもよるも石垣のうへをあるきて邑をめぐる 邑のうちには邪曲とあしき企圖とあり
Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu; jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
11 また惡きこと邑のうちにあり しへたげと欺詐とはその街衢をはなるることなし
Ishee keessa badiisatu jira; nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.
12 われを謗れるものは仇たりしものにあらず もし然りしならば尚しのばれしなるべし 我にむかひて己をたかくせし者はわれを恨たりしものにあらず若しかりしならば身をかくして彼をさけしなるべし
Utuu diinni na arrabsee, silaa obsuu nan dandaʼa ture; utuu amajaajiin natti kaʼee, silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
13 されどこれ汝なり われとおなじきもの わが友われと親しきものなり
Garuu siʼi namuma akka kootii, hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
14 われら互にしたしき語らひをなし また會衆のなかに在てともに神の家にのぼりたりき
Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne; haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.
15 死は忽然かれらにのぞみ その生るままにて陰府にくだらんことを そは惡事その住處にありその中にあればなり (Sheol h7585)
Duuti tasa isaanitti haa dhufu; utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan; hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii. (Sheol h7585)
16 されど我はただ神をよばんヱホバわれを救ひたまふべし
Ani garuu Waaqa nan waammadha; Waaqayyos jalaa na baasa.
17 夕にあしたに晝にわれなげき且かなしみうめかん ヱホバわが聲をききたまふべし
Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; innis sagalee koo ni dhagaʼa.
18 ヱホバは我をせむる戰闘よりわが霊魂をあがなひいだして平安をえしめたまへり そはわれを攻るもの多かりければなり
Yoo namni baayʼeen anaan morme illee, inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
19 太古よりいます者なる神はわが聲をききてかれらを惱めたまべし (セラ) かれらには變ることなく神をおそるることなし
Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun, Namoota karaa isaanii hin geeddaranne, kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa; isaan qaanessas.
20 かの人はおのれと睦みをりしものに手をのべてその契約をけがしたり
Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate; kakuu isaa illee ni cabse.
21 その口はなめらかにして乳酥のごとくなれどもその心はたたかひなり その言はあぶらに勝りてやはらかなれどもぬきたる劍にことならず
Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; garuu goraadee luqqifamee dha.
22 なんぢの荷をヱホバにゆだねよさらば汝をささへたまはん ただしき人のうごかさるることを常にゆるしたまふまじ
Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
23 かくて神よなんぢはかれらを亡の坑におとしいれたまはん血をながすものと詭計おほきものとは生ておのが日の半にもいたらざるべし 然はあれどわれは汝によりたのまん
Yaa Waaqayyo, ati garuu namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta; warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni, walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan. Ani garuu sin amanadha.

< 詩篇 55 >