< 詩篇 40 >

1 我たへしのびてヱホバを俟望みたり ヱホバ我にむかひてわが號呼をききたまへり
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
2 また我をほろびの阱より泥のなかよりとりいだしてわが足を磐のうへにおきわが歩をかたくしたまへり
Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.
3 ヱホバはあたらしき歌をわが口にいれたまへり此はわれらの神にささぐる讃美なり おほくの人はこれを見ておそれ かつヱホバによりたのまん
Innis faarfannaa haaraa, faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe. Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu; isas ni amanatu.
4 ヱホバをおのが賴となし高るものによらず虚偽にかたぶく者によらざる人はさいはひなり
Namni Waaqayyoon abdatu, kan gara of tuultotaa hin ilaalle, namni warra karaa irraa jalʼatanii waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
5 わが神ヱホバよなんぢの作たまへる奇しき迹と われらにむかふ念とは甚おほくして汝のみまへにつらねいふことあたはず 我これをいひのべんとすれどその數かぞふることあたはず
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, dinqiin ati hojjette baayʼee dha; waan ati nuuf yaadde, namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee, baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
6 なんぢ犠牲と祭物とをよろこびたまはず汝わが耳をひらきたまへり なんぢ燔祭と罪祭とをもとめたまはず
Ati aarsaa fi kennaa hin feene; gurra koo garuu naa banteerta; aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
7 そのとき我いへらく 觀よわれきたらんわがことを書の巻にしるしたり
Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
8 わが神よわれは聖意にしたがふことを樂む なんぢの法はわが心のうちにありと
Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.”
9 われ大なる會にて義をつげしめせり 視よわれ口唇をとぢず ヱホバよなんぢ之をしりたまふ
Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, ani afaan koo hin qabadhu.
10 われなんぢの義をわが心のうちにひめおかず なんぢの眞實となんぢの拯救とをのべつたへたり 我なんぢの仁慈となんぢの眞理とをおほいなる會にかくさざりき
Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; jaalala keetii fi dhugaa kees yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
11 ヱホバよなんぢ憐憫をわれにをしみたまふなかれ 仁慈と眞理とをもて恒にわれをまもりたまへ
Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin; jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
12 そはかぞへがたき禍害われをかこみ わが不義われに追及てあふぎみること能はぬまでになりぬ その多きことわが首の髮にもまさり わが心きえうするばかりなればなり
Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii; cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera; cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata; onneen koos na keessatti laafteerti.
13 ヱホバよ願くはわれをすくひたまへ ヱホバよ急ぎきたりて我をたすけたまへ
Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi; yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
14 願くはわが霊魂をたづねほろぼさんとするものの皆はぢあわてんことを わが害はるるをよろこぶもののみな後にしりぞきて恥をおはんことを
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis. Warri badii koo hawwan hundi, qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
15 われにむかひて ああ視よや視よやといふ者おのが恥によりておどろきおそれんことを
Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan, qaanii isaaniitiin haa rifatan.
16 願くはなんぢを尋求むるものの皆なんぢによりて樂みよろこばんことを なんぢの救をしたふものの恒にヱホバは大なるかなととなへんことを
Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan. Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan.
17 われはくるしみ且ともし 主われをねんごろに念ひたまふ なんぢはわが助なり われをすくひたまふ者なり ああわが神よねがはくはためらひたまふなかれ
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin.

< 詩篇 40 >