< 詩篇 30 >

1 ヱホバよわれ汝をあがめん なんぢ我をおこしてわが仇のわがことによりて喜ぶをゆるし給はざればなり
Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, ani sin jajadha.
2 わが神ヱホバよわれ汝によばはれば汝我をいやしたまへり
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
3 ヱホバよ汝わがたましひを陰府よりあげ我をながらへしめて墓にくだらせたまはざりき (Sheol h7585)
Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte. (Sheol h7585)
4 ヱホバの聖徒よ ヱホバをほめうたへ奉れ きよき名に感謝せよ
Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa; maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
5 その怒はただしばしにてその惠はいのちとともにながし 夜はよもすがら泣かなしむとも朝にはよろこびうたはん
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.
6 われ安けかりしときに謂く とこしへに動かさるることなからんと
Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
7 ヱホバよなんぢ惠をもてわが山をかたく立せたまひき 然はあれどなんぢ面をかくしたまひたれば我おぢまどひたり
Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate.
8 ヱホバよわれ汝によばはれり 我ひたすらヱホバにねがへり
Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
9 われ墓にくだらばわが血なにの益あらん 塵はなんぢを讃たたへんや なんぢの眞理をのべつたへんや
“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas faayidaa maaliitu argama? Biyyoon si galateeffataa? Amanamummaa kees ni odeessaa?
10 ヱホバよ聽たまへ われを憐みたまへ ヱホバよ願くはわが助となりたまへ
Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris; Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”
11 なんぢ踴躍をもてわが哀哭にかへわが麁服をとき歓喜をもてわが帶としたまへり
Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
12 われ榮をもてほめうたひつつ默すことなからんためなり わが神ヱホバよわれ永遠になんぢに感謝せん
kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

< 詩篇 30 >