< 詩篇 126 >

1 ヱホバ、シオンの俘囚をかへしたまひし時 われらは夢みるもののごとくなりき
Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane.
2 そのとき笑はわれらの口にみち歌はわれらの舌にみてり ヱホバかれらのために大なることを作たまへりといへる者もろもろの國のなかにありき
Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
3 ヱホバわれらのために大なることをなしたまひたれば我儕はたのしめり
Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne.
4 ヱホバよ願くはわれらの俘囚をみなみの川のごとくに歸したまへ
Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi.
5 涙とともに播くものは歡喜とともに穫らん
Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
6 その人は種をたづさへ涙をながしていでゆけど禾束をたづさへ喜びてかへりきたらん
Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

< 詩篇 126 >