< 箴言 知恵の泉 6 >

1 我子よ汝もし朋友のために保證をなし 他人のために汝の手を拍ば
Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
2 汝その口の言によりてわなにかかり その口の言によりてとらへらるるなり
yoo waanuma dubbatteen qabamtee dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
3 我子よ汝友の手に陷りしならば斯して自ら救へ すなはち往て自ら謙だり只管なんぢの友に求め
yoos yaa ilma ko, ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf ati of baasuudhaaf dafii dhaqiitii gad of qabii jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
4 汝の目をして睡らしむることなく 汝の眼瞼をして閉しむること勿れ
Ija keetiif hirriba, baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
5 かりうどの手より鹿ののがるるごとく 鳥とる者の手より鳥ののがるる如くして みづからを救へ
Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti, akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.
6 惰者よ蟻にゆき其爲すところを觀て智慧をえよ
Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
7 蟻は首領なく有司なく君主なけれども
Inni ajajaa hin qabu; toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
8 夏のうちに食をそなへ 収穫のときに糧を斂む
taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.
9 惰者よ汝いづれの時まで臥息むや いづれの時まで睡りて起ざるや
Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? Ati yoomi hirriba keetii kaata?
10 しばらく臥ししばらく睡り 手を叉きてまた片時やすむ
Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, xinnoo harka walitti marachuu,
11 さらば汝の貧窮は盗人の如くきたり汝の缺乏は兵士の如くきたるべし
hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
12 邪曲なる人あしき人は虚偽の言をもて事を行ふ
Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
13 彼は眼をもて眴せし 脚をもてしらせ 指をもて示す
inni ijaan dhaʼa; miilla isaatiinis mallattoo kenna; quba isaatiin argisiisa;
14 その心に虚偽をたもち 常に惡をはかり 爭端を起す
inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada; yeroo hundas lola kakaasa.
15 この故にその禍害にはかに來り 援助なくして立刻に敗らるべし
Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.
16 ヱホバの憎みたまふもの六あり 否その心に嫌ひたまふもの七あり
Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
17 即ち驕る目いつはりをいふ舌 つみなき人の血を流す手
Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
18 惡き謀計をめぐらす心 すみやかに惡に趨る足
garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
19 詐僞をのぶる證人 および兄弟のうちに爭端をおこす者なり
dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
20 我子よ汝の父の誡命を守り 汝の母の法を棄る勿れ
Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
21 常にこれを汝の心にむす び之をなんぢの頸に佩よ
Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu.
22 これは汝のゆくとき汝をみちびき 汝の寝るとき汝をまもり 汝の寤るとき汝とかたらん
Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
23 それ誡命は燈火なり 法は光なり 敎訓の懲治は生命の道なり
Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
24 これは汝をまもりて惡き婦よりまぬかれしめ 汝をたもちて淫婦の舌の諂媚にまどはされざらしめん
isaan dubartii hamtuu irraa, niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.
25 その艶美を心に戀ふことなかれ その眼瞼に捕へらるること勿れ
Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.
26 それ娼妓のために人はただ僅に一撮の糧をのこすのみにいたる 又淫婦は人の尊き生命を求むるなり
Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
27 人は火を懐に抱きてその衣を焚れざらんや
Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
28 人は熱火を踏て其足を焚れざらんや
Namni ibidda cilee irra ejjetee miilli isaa hin gubanne jiraa?
29 その隣の妻と姦淫をおこなふ者もかくあるべし 凡て之に捫る者は罪なしとせられず
Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
30 竊む者もし饑しときに其饑を充さん爲にぬすめるならば人これを藐ぜじ
Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, namoonni hin tuffatan.
31 もし捕へられなばその七倍を償ひ其家の所有をことごとく出さざるべからず
Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; miʼa mana isaa hundas ni kenna.
32 婦と姦淫をおこなふ者は智慧なきなり 之を行ふ者はおのれの霊魂を亡し
Namni sagaagalu qalbii hin qabu; namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
33 傷と陵辱とをうけて其恥を雪ぐこと能はず
Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha; qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
34 妒忌その夫をして忿怒をもやさしむればその怨を報ゆるときかならず寛さじ
Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii; inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
35 いかなる贖物をも顧みず 衆多の饋物をなすともやはらがざるべし
Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu; hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.

< 箴言 知恵の泉 6 >