< ネヘミヤ 記 1 >

1 ハカリヤの子ネヘミヤの言詞/第二十年キスレウの月我シユシヤンの都にありける時
Dubbii Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa: Waggaa digdammaffaatti jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa utuu ani gamoo Suusaa keessa jiruu,
2 わが兄弟の一人なるハナニ數人の者とともにユダより來りしかば我俘虜人の遺餘なる夫の逃れかへりしユダヤ人の事およびヱルサレムの事を問たづねしに
obboloota koo keessaa Hanaaniin namoota biraa wajjin Yihuudaadhaa dhufe; anis waaʼee hambaa Yihuudoota boojuu jalaa baʼanii fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe.
3 彼ら我に言けるは俘虜人の遺餘なる夫の州内の民は大なる患難に遭ひ凌辱に遭ふ又ヱルサレムの石垣は打崩され其門は火に焚たりと
Isaanis akkana naan jedhan; “Warri boojuudhaa deebiʼanii kutaa biyyaa kana keessa jiraatan rakkinaa fi salphina guddaa keessa jiru. Dallaan Yerusaalem diigamee karraawwan ishees ibiddaan gubamaniiru.”
4 我この言を聞坐りて泣き數日の間哀しみ斷食し天の神に祈りて言ふ
Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe.
5 天の神ヱホバ大なる畏るべき神己を愛し己の誡命を守る者にむかひて契約を保ち恩惠を施こしたまふ者よ
Akkanas nan jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu,
6 ねがはくは耳を傾むけ目を開きて僕の祈祷を聽いれたまへ我いま汝の僕なるイスラエルの子孫のために日夜なんぢの前に祈り我儕イスラエルの子孫が汝にむかひて犯せし罪を懺悔す誠に我も我父の家も罪を犯せり
akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima.
7 我らは汝にむかひて大に惡き事を行ひ汝の僕モーセに汝の命じたまひし誡命をも法度をも例規をも守らざりき
Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne.
8 請ふ汝の僕モーセに命じたまひし言を憶ひたまへ其言に云く汝ら若罪を犯さば我汝らを國々に散さん
“Qajeelfama garbicha kee Museetti kennite sana yaadadhu; innis akkana jedha; ‘Yoo isin amanamuu baattan ani saboota keessa isin nan bittinneessa;
9 然れども汝らもし我にたちかへり我誡命を守りてこれを行なはば暇令逐れゆきて天の涯にをるとも我そこより汝等をあつめ我名を住はせんとて撰びし處にきたらしめんと
garuu yoo isin gara kootti deebitanii ajaja koo eegdan, yoo namoonni keessan kanneen boojiʼaman daarii lafaa jiraatan illee ani achii walitti isaanin qabee gara iddoo ani akka Maqaan koo achi jiraatuuf filadhe sanaatti isaan nan fida.’
10 そもそも是等の者は汝が大なる能力と強き手をもて贖ひたまひし汝の僕なんぢの民なり
“Isaan garboota kee fi saba kee warra ati humna kee guddaa fi harka kee jabaa sanaan furtee dha.
11 主よ請ふ僕の祈祷および汝の名を畏むことを悦こぶ汝の僕等の祈祷に耳を傾けたまへ願くは今日僕を助けて此人の目の前に憐憫を得させたまへこの時我は王の酒人なりき
Yaa Gooftaa, gurri kee kadhannaa garbicha kee kanaa fi kadhannaa garboota kee warra maqaa kee sodaachuutti gammadanii sirriitti haa dhagaʼu. Fuula namicha kanaa duratti surraa isaaf kennuudhaan harʼa garbicha kee milkeessi.” Ani nama mootichaaf daadhii buusun ture.

< ネヘミヤ 記 1 >