< エズラ記 10 >

1 エズラ神の室の前に泣伏して禱りかつ懺悔しをる時に男女および兒女はなはだし多くイスラエルの中より集ひて彼の許に聚り來れり すべての民はいたく泣かなしめり
Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan.
2 時にエラムの子ヱヒエルの子シカニヤ答へてエズラに言ふ 我らはわれらの神に對ひて罪を犯し此地の民なる異邦人の婦女を娶れり 然ながら此事につきてはイスラエルに今なほ望あり
Ergasiis sanyii Eelaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehiiʼeel Izraadhaan akkana jedhe; “Nu waan saboota naannoo keenya jiraatan keessaa dubartoota ormaa fuuneef Waaqa keenyaaf hin amanamne. Wanni kun taʼu illee amma iyyuu Israaʼeliif abdiin jira.
3 然ば我儕わが主の敎晦にしたがひ又我らの神の命令に戰慄く人々の敎晦にしたがひて斯る妻をことごとく出し之が產たる者を去んといふ契約を今われらの神に立てん 而して律法にしたがひて之を爲べし
Kanaafuu kottaa akkuma gorsa gooftaa koo fi kan warra ajaja Waaqa keenyaa sodaatanitti dubartoota kanneenii fi ijoollee isaanii hunda of irraa geggeessuuf fuula Waaqa keenyaa duratti kakuu ni galla. Kunis akkuma Seeraatti haa raawwatamu.
4 起よ是事は汝の主どる所なり 我ら汝を助くべし心を強くして之を爲せと
Kaʼi; wanni kun suma harka jira. Nu si deeggarra; egaa jabaadhuu hojjedhu.”
5 エズラやがて起あがり祭司の長等レビ人およびイスラエルの人衆をして此言のごとく爲んと誓はしめたり 彼ら乃ち誓へり
Kanaafuu Izraan kaʼee akka isaan waan jedhame sana raawwataniif luboota hangafoota, Lewwotaa fi Israaʼel hunda ni kakachiise; isaanis ni kakatan.
6 かくてエズラ神の家の前より起いでてエリアシブの子ヨハナンの室に入しが彼處に至りてもパンを食ず水を飮ざりき 是は俘囚より歸り來りし者の愆を憂へたればなり
Ergasii Izraan fuula mana Waaqaa duraa kaʼee kutaa manaa kan Yehohaanaan ilma Eliyaashiib seene. Inni yeroo achi turetti nyaata tokko illee hin nyaanne; bishaanis hin dhugne; sababii amanamummaa dhabiisa warra boojuudhaa deebiʼaniif gaddaa tureetii.
7 斯てユダおよびヱルサレムに遍ねく宣て俘囚の人々に盡く示して云ふ 汝ら皆ヱルサレムに集まるべし
Ergasii akka warri boojuudhaa deebiʼan hundi Yerusaalem keessatti walitti qabamaniif Yihuudaa fi Yerusaalem guutuu keessatti labsiin ni labsame.
8 凡そ牧伯等と長老等の諭言にしたがひて三日の内に來らざる者は皆その一切の所有を取あげられ俘擄人の會より黜けらるべしと
Namni kam iyyuu bultii sadii keessatti yoo dhiʼaachuu baate akkuma murtii qondaaltotaa fi maanguddootaatti qabeenyi isaa hundi irraa ni fudhatama; inni mataan isaas waldaa warra boojuudhaa deebiʼee keessaa ni ariʼama.
9 是においてユダとベニヤミンの人々みな三日の内にヱルサレムに集まれり 是は九月にして恰もその月の廿日なりき 民みな神の室の前なる廣塲に坐して此事のためまた大雨のために震ひ慄けり
Bultii sadan sana keessatti namoonni Yihuudaa fi Beniyaam hundi Yerusaalem keessatti walitti qabaman. Bultii digdammaffaa jiʼa saglaffaatti namoonni hundi sababii waan kanaa fi sababii rooba guddaatiif akka malee raafamanii oobdii mana Waaqaa dura jiru irra ni tataaʼan.
10 時に祭司エズラ起て之に言けるは汝らは罪を犯し異邦の婦人を娶りてイスラエルの愆を増り
Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu.
11 然ば今なんぢらのの先祖の神ヱホバに懺悔してその御旨を行へ 即ち汝等この地の民等および異邦の婦人とはなるべしと
Egaa amma cubbuu keessan Waaqayyo Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.”
12 會衆みな聲をあげて答へて言ふ 汝が我らに諭せるごとく我儕かならず爲べし
Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna.
13 然ど民は衆し 又今は大雨の候なれば我儕外に立こと能はず 且これは一日二日の事業にあらず 其は我らこの事について大に罪を犯したればなり
Garuu nama hedduutu as jira; yeroon kunis yeroo roobaa ti; kanaafuu nu ala dhaabachuu hin dandeenyu. Sababii nu waan kana keessatti cubbuu guddaa hojjenneef wanni kun guyyaa tokkotti yookaan guyyaa lamatti fala argachuu hin dandaʼu.
14 然ば我らの牧伯等この全會衆のために立れよ 凡そ我儕の邑の内にもし異邦の婦人を娶りし者あらば皆定むる時に來るべし 又その各々の邑の長老および裁判人これに伴ふべし 斯して此事を成ば我らの神の烈しき怒つひに我らを離るるあらんと
Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.”
15 その時立てこれに逆ひし者はアサヘルの子ヨナタンおよびテクワの子ヤハジア而已メシユラムおよびレビ人シヤベタイこれを贊く
Yoonaataan ilma Asaaheelii fi Yahizeyaa ilma Tiqwaa qofatu waan kana morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichi immoo isaan deeggaran.
16 俘囚より歸り來りし者つひに然なし 祭司エズラおよび宗家の長數人その宗家にしたがひて名指して撰ばれ十月の一日より共に坐してこの事を査べ
Warri boojuudhaa deebiʼan sunis akkasuma godhan. Izraan lubichis namoota hangafoota maatii taʼan tokkoo tokkoo garee maatii keessaa nama tokko filatee hunduma isaanii maqaa maqaan ramade. Isaanis bultii tokkoffaa jiʼa kurnaffaatti dhimma sana qorachuudhaaf tataaʼanii
17 正月の一日に至りてやうやく異邦の婦人を娶りし人々を盡く査べ畢れり
guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti waaʼee namoota dubartoota ormaa fuudhan hundaa qoratanii fixan.
18 祭司の徒の中にて異邦の婦人を娶りし者は即ちヨザダクの子ヱシユアの子等およびその兄弟マアセヤ、エリエゼル、ヤリブ、ゲダリヤ
Sanyii lubootaa keessaa namoonni dubartoonni ormaa fuudhan kanneenii dha: Sanyii Iyyaasuu ilma Yoozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa: Maʼaseyaa, Eliiʼezer, Yaariibii fi Gedaaliyaas.
19 彼らはその妻を出さんといふ誓をなし已に愆を獲たればとて牡羊一匹をその愆のために獻げたり
Isaan hundinuu niitota isaanii hiikuudhaaf waadaa ni galan; tokkoon tokkoon isaanii balleessaa ofii isaaniitiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif ni dhiʼeessan.
20 インメルの子孫ハナニおよびゼバデヤ
Sanyii Imeer keessaa: Hanaanii fi Zebaadiyaa.
21 ハリムの子孫マアセヤ、エリヤ、シマヤ、ヱヒエル、ウジヤ
Sanyii Haariim keessaa: Maʼaseyaa, Eeliyaas, Shemaaʼiyaa, Yehiiʼeelii fi Uziyaa.
22 パシユルの子孫エリオエナイ、マアセヤ、イシマエル、ネタンエル、ヨザバデ、エラサ
Sanyii Phaashihuur keessaa: Eliiyooʼeenayi, Maʼaseyaa, Ishmaaʼeel, Naatnaaʼel, Yoozaabaadii fi Eleʼaasaa.
23 レビ人の中にてはヨザバデ、シメイ、ケラヤ(即ちケリタ)ペタヒヤ、ユダ、エリエゼル
Lewwota keessaa immoo: Yoozaabaad, Shimeʼii, Qeelaayaa isa Qeliixaa jedhamu sana, Phetaayaa, Yihuudaa fi Eliiʼezer.
24 謳歌者の中にてはエリアシブ 門を守る者の中にてはシヤルム、テレムおよびウリ
Faarfattoota keessaa: Eliyaashiib. Warra karra eegan keessaa: Shaluum, Telemii fi Uuri.
25 イスラエルの中にてはパロシの子孫ラミヤ、エジア、マルキヤ、ミヤミン、エレアザル、マルキヤ、ベナヤ
Israaʼeloota kaan keessaa: Sanyii Phaarosh keessaa: Raamiyaa, Yeziyaa, Malkiyaa, Miyaamiin, Eleʼaazaar, Malkiyaa fi Benaayaa.
26 エラムの子孫マッタニヤ、ゼカリヤ、ヱヒエル、アブデ、ヱレモテ、エリヤ
Sanyii Eelaam keessaa: Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiiʼeel, Abdii, Yireemootii fi Eeliyaas.
27 ザットの子孫エリオエナイ、エリアシブ、マッタニヤ、ヱレモテ、ザバデ、アジザ
Sanyii Zaatuu keessaa: Eliiyooʼeenayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yireemooti, Zaabaadii fi Aziizaa.
28 ベバイの子孫ヨハナン、ハナニヤ、ザバイ、アテライ
Sanyii Beebay keessaa: Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
29 バニの子孫メシユラム、マルク、アダヤ、ヤシュブ、シヤル、ヱレモテ
Sanyii Baanii keessaa: Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaasuub, Sheʼaalii fi Raamoot.
30 パハテモアブの子孫アデナ、ケラル、ベナヤ、マアセヤ、マッタニヤ、ベザレル、ビンヌイ、マナセ
Sanyii Fahat Moʼaab keessaa: Adinaa, Kelaal, Benaayaa, Maʼaseyaa, Mataaniyaa, Bezaliʼeel, Binuuyii fi Minaasee.
31 ハリムの子孫エリエゼル、ヱシヤ、マルキヤ、シマヤ、シメオン
Sanyii Haariim keessaa: Eliiʼezer, Yishiyaa, Malkiyaa, Shemaaʼiyaa, Simiʼoon,
32 ベニヤミン、マルク、シマリヤ
Beniyaam, Maluukii fi Shemaariyaa.
33 ハシュムの子孫マッテナイ、マツタタ、ザバデ、エリパレテ、ヱレマイ、マナセ、シメイ
Sanyii Haashum keessaa: Matenaayi, Matataa, Zaabaadii, Eliiphelexi, Yereemaayi, Minaasee fi Shimeʼii.
34 バニの子孫マアダイ、アムラム、ウエル
Sanyii Baanii keessaa: Maʼadaay, Amraam, Uuʼeel,
35 ベナヤ、ベデヤ、ケルヒ
Benaayaa, Beediyaa, Keluuhii,
36 ワニヤ、メレモテ、エリアシブ
Waaneyaa, Mereemooti, Eliyaashiib,
37 マッタニヤ、マッテナイ、ヤアス
Mataaniyaa, Matenaayii fi Yaʼasaawuu,
38 バニ、ビンヌイ、シメイ
Baanii, Binuuyii, Shimeʼii,
39 シレミヤ、ナタン、アダヤ
Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa,
40 マクナデバイ、シヤシヤイ、シヤライ
Maknaadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi,
41 アザリエル、シレミヤ、シマリヤ
Azariʼeel, Shelemiyaa, Shemaariyaa,
42 シヤルム、アマリヤ、ヨセフ
Shaluum, Amariyaa fi Yoosef.
43 ネボの子孫ヱイエル、マッタテヤ、ザバデ、ゼビナ、イド、ヨエル、ベナヤ
Sanyii Neboo keessaa: Yeʼiiʼeel, Matiitiyaa, Zaabaadii, Zebiinaa, Yaadaayi, Yooʼeelii fi Benaayaa.
44 是みな異邦の婦人を娶りし者なり その婦人の中には子女を產し者もありき
Warri kunneen hundinuu dubartoota ormaa ni fuudhan; isaan keessaas tokko tokko niitota kanneen irraa ijoollee ni dhalchan.

< エズラ記 10 >