< ヨブ 記 41 >

1 なんぢ鈎をもて鱷を釣いだすことを得んや その舌を糸にひきかくることを得んや
“Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuu yookaan arraba isaa funyoodhaan hidhuu ni dandeessaa?
2 なんぢ葦の繩をその鼻に通し また鈎をその齶に衝とほし得んや
Funyaan isaa keessa funyoo baasuu yookaan lafee mangaagaa isaa hokkoodhaan uruu ni dandeessaa?
3 是あに頻になんぢに願ふことをせんや 柔かになんぢに言談んや
Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa? Afaan nagaatiinis sitti ni dubbataa?
4 あに汝と契約を爲んや なんぢこれを執て永く僕と爲しおくを得んや
Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf inni si wajjin kakuu ni galaa?
5 なんぢ鳥と戲むるる如くこれとたはむれ また汝の婦人等のために之を繋ぎおくを得んや
Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa? Yookaan shamarran keetiif isa ni hiitaa?
6 また漁夫の社會これを商貨と爲して商賣人の中間に分たんや
Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu? Warra bitee gurguruufis isa ni qooduu?
7 なんぢ漁叉をもてその皮に滿し 魚矛をもてその頭を衝とほし得んや
Ati gogaa isaa xiyyaan, yookaan mataa isaa hokkoo ittiin qurxummii qabaniin wawwaraanuu ni dandeessaa?
8 手をこれに下し見よ 然ばその戰鬪をおぼえて再びこれを爲ざるべし
Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta; deebitees waan sana hin gootu!
9 視よその望は虚し 之を見てすら倒るるに非ずや
Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba; ijumaan isa ilaaluunuu nama hollachiisa.
10 何人も之に激する勇氣あるなし 然ば誰かわが前に立うる者あらんや
Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru. Egaa namni na dura dhaabachuu dandaʼu eenyu?
11 誰か先に我に與へしところありて我をして之に酬いしめんとする者あらん 普天の下にある者はことごとく我有なり
Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu? Wanni samii jala jiru hundinuu kanuma koo ti.
12 我また彼者の肢體とその著るしき力とその美はしき身の構造とを言では措じ
“Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa, waaʼee jabinaa fi dhaaba toluu isaa dubbachuu hin dhiisu.
13 誰かその外甲を剥ん 誰かその雙齶の間に入ん
Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa? Eenyutu luugama qabatee isatti dhiʼaata?
14 誰かその面の戸を開きえんや その周圍の齒は畏るべし
Eenyutu balbala afaan isaa isa ilkaan isaa sodaachisaa sanaan marfame banuu dandaʼa?
15 その並列る鱗甲は之が誇るところ その相闔たる樣は堅く封じたるがごとく
Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan, kanneen akka malee walitti maxxanfaman qaba;
16 此と彼とあひ接きて風もその中間にいるべからず
tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa akka qilleensi gidduu isaanii hin baaneef baayʼee walitti maxxanu.
17 一々あひ連なり堅く膠て離すことを得ず
Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman; waan walitti fayyaniif gargar hin baafaman.
18 嚔すれば即はち光發す その目は曙光の眼瞼(を開く)に似たり
Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa; iji isaa immoo akkuma ifa biiftuu reefuu baatuu ti.
19 その口よりは炬火いで火花發し
Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa; qaanqeenis afaan isaa keessaa ni faffacaʼa.
20 その鼻の孔よりは煙いできたりて宛然葦を焚く釜のごとし
Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo irratti dafqu keessaa baʼuu funyaan isaatii aarri ni baʼa.
21 その氣息は炭火を爇し 火燄その口より出づ
Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa; afaan isaa keessaas arrabni ibiddaa ni baʼa.
22 力氣その頸に宿る 懼るる者その前に彷徨まよふ
Morma isaa keessa jabinatu jira; sodaachisuunis fuula isaa dura ni utaala.
23 その肉の片は密に相連なり 堅く身に着て動かす可らず
Dachaan foon isaa wal qabateera; dachaan sunis walitti fayyeera; hin sochoʼus.
24 その心の堅硬こと石のごとく その堅硬こと下磨のごとし
Lapheen isaa akka kattaa jabaata; akka dhagaa daakuus jabaa dha.
25 その身を興す時は勇士も戰慄き 恐怖によりて狼狽まどふ
Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu; yommuu inni lafa sochoosaa dhufutti isaan of irra garagalanii baqatu.
26 劍をもて之を撃とも利ず 鎗も矢も漁叉も用ふるところ無し
Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu; eeboon yookaan xiyyi yookaan ankaaseenis homaa isa hin godhu.
27 是は鐡を見ること稿のごとくし銅を見ること朽木のごとくす
Inni sibiila akka cidiitti, naasii immoo akka muka tortoreetti heda.
28 弓箭もこれを逃しむること能はず 投石機の石も稿屑と見做る
Xiyyi isa hin baqachiisu; dhagaan furrisaa isaaf akkuma habaqii ti.
29 棒も是には稿屑と見ゆ 鎗の閃めくを是は笑ふ
Bokkuun isaaf akkuma cidii ti; inni mirmirfamuu eebootti ni kolfa.
30 その下腹には瓦礫の碎片を連ね 泥の上に麥打車を引く
Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti; akka muka ittiin midhaan dhaʼaniittis dhoqqee baqaqsa.
31 淵をして鼎のごとく沸かへらしめ 海をして香油の釜のごとくならしめ
Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa; galaanas akkuma bilqaaxxii dibataa raasa.
32 己が後に光る道を遺せば淵は白髮をいただけるかと疑がはる
Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha; namni waan tuujubni sun rifeensa adii qabu seʼa.
33 地の上には是と並ぶ者なし 是は恐怖なき身に造られたり
Uumamni homaa hin sodaanne, kan isaan qixxaatu tokko iyyuu lafa irra hin jiru.
34 是は一切の高大なる者を輕視ず 誠に諸の誇り高ぶる者の王たるなり
Inni warra of tuulu ni tuffata; warra of jaju hunda irratti mootii dha.”

< ヨブ 記 41 >