< ヨブ 記 40 >

1 ヱホバまたヨブに對へて言たまはく
Waaqayyos Iyyoobiin akkana jedhe:
2 非難する者ヱホバと爭はんとするや 神と論ずる者これに答ふべし
“Namni Waaqa Waan Hunda Dandaʼuun falmu tokko isa ni qajeelchaa? Namni Waaqa himatu deebii haa kennuuf!”
3 ヨブ是においてヱホバに答へて曰く
Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebise:
4 嗚呼われは賤しき者なり 何となんぢに答へまつらんや 唯手をわが口に當んのみ
“Ani nama faayidaa hin qabnee dha; akkamittin deebii siif kenna? Harka koo afaan koo irra nan kaaʼadha.
5 われ已に一度言たり 復いはじ 已に再度せり 重ねて述じ
Ani yeroo tokko dubbadheera; garuu ani waanan deebisu hin qabu; siʼa lama dubbadheera; kana caalaa garuu homaa hin jedhu.”
6 是に於てヱホバまた大風の中よりヨブに應へて言たまはく
Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate:
7 なんぢ腰ひきからげて丈夫のごとくせよ 我なんぢに問ん なんぢ我にこたへよ
“Akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kennita.
8 なんぢ我審判を廢んとするや 我を非として自身を是とせんとするや
“Ati murtii koo qajeelaa sana gatii dhabsiistaa? Ofii keetii qajeelaa taʼuuf na himattaa?
9 なんぢ神のごとき腕ありや 神のごとき聲をもて轟きわたらんや
Irree akka irree Waaqaa qabdaa? Sagaleen kees akka sagalee isaa qaqawweessaʼuu dandaʼaa?
10 さればなんぢ威光と尊貴とをもて自ら飾り 榮光と華美とをもて身に纒へ
Ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi; kabajaa fi barreedina uffadhu.
11 なんぢの溢るる震怒を洩し 高ぶる者を視とめて之をことごとく卑くせよ
Dheekkamsa kee kan guutee irra yaaʼu sana dhangalaasi; nama of tuulu kam iyyuu ilaalii qaanessi.
12 すなはち高ぶる者を見てこれを盡く鞠ませ また惡人を立所に踐つけ
Nama of tuulu hunda ilaalii gad deebisi; hamoota illee iddoodhuma isaan dhaabatanitti caccabsi.
13 これを塵の中に埋め これが面を隱れたる處に閉こめよ
Isaan hunda walitti qabii biyyoo keessatti awwaali; fuula isaaniis awwaala keessa dhoksi.
14 さらば我もなんぢを讚てなんぢの右の手なんぢを救ひ得ると爲ん
Yoos ani mataan koo, akka harki kee mirgaa si oolchuu dandaʼu siifin mirkaneessa.
15 今なんぢ我がなんぢとともに造りたりし河馬を視よ 是は牛のごとく草を食ふ
“Bihemootin ani akkuman si uumettin uume, kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali.
16 觀よその力は腰にあり その勢力は腹の筋にあり
Jabinni isaa dugda isaa keessa, humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira!
17 その尾の搖く樣は香柏のごとく その腿の筋は彼此に盤互ふ
Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama; ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha.
18 その骨は銅の管ごとくその肋骨は鐡の棒のごとし
Lafeen isaa akka ujummoo naasii ti; harkii fi miilli isaa immoo akka ulee sibiilaa ti.
19 これは神の工の第一なる者にして之を造りし者これに劍を賦けたり
Inni uumamawwan Waaqaa keessaa hangafa; garuu inni isa uume goraadee isaatiin isatti dhiʼaachuu dandaʼa.
20 山もこれがために食物を產出し もろもろの野獸そこに遊ぶ
Gaarran marga ni kennuuf; bineensonni hundi naannoo isaa ni burraaqu.
21 これは蓮の樹の下に臥し 葦蘆の中または沼の裏に隱れをる
Inni huuxxii qoraattii qabu jala ciisa; shambaqqoo lafa dhaqdhaqii keessa dhokata.
22 蓮の樹その蔭をもてこれを覆ひ また河の柳これを環りかこむ
Gaaddisni huuxxii qoraattii qabuu isa haguuga; alaltuun lagaas isa marsa.
23 たとひ河荒くなるとも驚ろかず ヨルダンその口に注ぎかかるも惶てず
Yommuu lagni cabsee yaaʼutti iyyuu kunoo, inni hin rifatu. Lagni Yordaanos afaan isaa irra garagalu iyyuu inni hin shishu.
24 その目の前にて誰か之を執ふるを得ん 誰か羂をその鼻に貫ぬくを得ん
Namni utuma inni arguu isa qabuu yookaan kiyyoodhaan isa qabee funyaan isaa uruu dandaʼu tokko iyyuu jiraa?

< ヨブ 記 40 >