< エレミヤ書 9 >

1 ああ我わが首を水となし我目を涙の泉となすことをえんものを我民の女の殺されたる者の爲に晝夜哭かん
Akka ani halkanii guyyaa, saba koo dhume sanaaf booʼuuf, maaloo utuu mataan koo madda bishaanii iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!
2 嗚呼われ曠野に旅人の寓所をえんものを我民を離れてさりゆかん彼らはみな姦淫するもの悖れる者の族なればなり
Ani akkan saba koo dhiisee biraa fagaadhuuf, maaloo utuu gammoojjii keessaa lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee! Hundi isaanii sagaagaltoota, tuuta saba hin amanamne tokkoo ti.
3 彼らは弓を援くがごとく其舌をもて僞をいだす彼らは此地において眞實のために強からず惡より惡にすすみまた我を知ざるなりとヱホバいひたまふ
“Isaan soba darbachuuf arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; isaan biyyattii keessatti dhugaadhaan hin moʼanne. Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; anaanis hin beekan” jedha Waaqayyo.
4 汝らおのおの其隣に心せよ何の兄弟をも信ずる勿れ兄弟はみな欺きをなし隣はみな讒りまはればなり
“Michoota keessan irraa of eegaa; obboleessa hin amaninaa. Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, michuun hundis maqa balleessituudhaatii.
5 彼らはおのおの其隣を欺きかつ眞實をいはず其舌に謊をかたることを敎へ惡をなすに勞る
Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru.
6 汝の住居は詭譎の中にあり彼らは詭譎のために我を識ことをいなめりとヱホバいひたまふ
Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha Waaqayyo.
7 故に萬軍のヱホバかくいひたまへり視よ我かれらを鎔し試むべしわれ我民の女の事を如何になすべきや
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa?
8 彼らの舌は殺す矢のごとしかれら詭をいふまた其口をもて隣におだやかにかたれども其心の中には害をはかるなり
Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.
9 ヱホバいひたまふ我これらの事のために彼らを罰せざらんや我心はかくのごとき民に仇を復さざらんや
Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, haaloo hin baʼuu ree?”
10 われ山のために泣き咷び野の牧場のために悲むこれらは焚れて過る人なしまたここに牛羊の聲をきかず天空の鳥も獸も皆逃てさりぬ
Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa; lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa. Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu; marʼachuun looniis hin dhagaʼamu. Simbirroonni samii achii baqataniiru; bineensonnis godaananiiru.
11 われヱルサレムを邱墟とし山犬の巢となさんまたユダの諸の邑々を荒して住む人なからしめん
“Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi boolla waangoo nan godha; akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
12 智慧ありてこの事を曉る人は誰ぞやヱホバの口の言を受てこれを示さん者は誰ぞやこの地滅されまた野のごとく焚れて過る者なきにいたりしは何故ぞ
Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni Waaqayyoon qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte?
13 ヱホバいひたまふ是彼ら我その前に立しところの律法をすて我聲をきかず之に從はざるによりてなり
Waaqayyo akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune.
14 彼らはその心の剛愎なるとその列祖たちがおのれに敎へしバアルとに從へり
Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.”
15 この故に萬軍のヱホバ、イスラエルの神かくいひたまふ視よわれ彼等すなはち斯民に茵蔯を食はせ毒なる水を飮せ
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha.
16 彼らもその先祖たちもしらざりし國人のうちに彼らを散しまた彼らを滅し盡すまで其後に劍をつかはさん
Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.”
17 萬軍のヱホバかくいひたまふ汝らよく考へ哭婦をよびきたれ又人を遣して智き婦をまねけよ
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Mee qalbeeffadhaa! Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa; isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti nama ergaa waamsisaa.
18 彼らは速にきたりて我儕のために哭哀しみ我儕の目に涙をこぼさせ我儕の目蓋より水を溢れしめん
Isaan dafanii dhufanii hamma iji keenya imimmaan yaasee bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti iyyanii nuuf haa booʼan.
19 シオンより哀の聲きこゆ云く嗚呼われら滅され我ら痛く辱めらる我らは其地を去り彼らはわが住家を毀ちたり
Sagaleen booʼichaa kan, ‘Nu hammam badneerra! Qaaniin keenyas hammam guddaa dha! Sababii manneen keenya diigamaniif nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.”
20 婦たちよヱホバの言をきけ汝らの耳に其口の言をいれよ汝らの女に哭ことを敎へおのおのその隣に哀の歌を敎ふべし
Yaa dubartoota, egaa dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa. Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa; faaruus wal barsiisaa.
21 そは死のぼりてわれらの窓よりいり我らの殿舍に入り外にある諸子を絕し街にある壯年を殺さんとすればなり
Duuti foddaa keenyaan ol lixeera; daʼannoowwan keenyas seeneera; innis daandiiwwan irraa ijoollee oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera.
22 ヱホバかくいへりと汝云ふべし人の屍は糞土のごとく田野に墮ちんまた收穫者のうしろに殘りて斂めずにある把のごとくならんと
Ati akkana jedhi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Reeffi namootaa akkuma kosii diidatti gatamee, akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’”
23 ヱホバかくいひたまふ智慧ある者はその智慧に誇る勿れ力ある者は其力に誇るなかれ富者はその富に誇ること勿れ
Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
24 誇る者はこれをもて誇るべし即ち明哲して我を識る事とわがヱホバにして地に仁惠と公道と公義とを行ふ者なるを知る事是なり我これらを悦ぶなりとヱホバいひたまふ
namni boonu garuu, akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu, kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; ani waan kanatti nan gammadaatii,” jedha Waaqayyo.
25 ヱホバいひたまひけるは視よわれすべて陽の皮に割禮をうけたる者すなはちエジプトとユダとエドムとアンモンの子孫とモアブと野にをりてその鬚を剃る者とを罰する日きたらんそはすべて異邦人は割禮をうけずまたイスラエルの家も心に割禮をうけざればなり
Waaqayyo akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis:
26 ヱホバいひたまひけるは視よわれすべて陽の皮に割禮をうけたる者すなはちエジプトとユダとエドムとアンモンの子孫とモアブと野にをりてその鬚を剃る者とを罰する日きたらんそはすべて異邦人は割禮をうけずまたイスラエルの家も心に割禮をうけざればなり
Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.”

< エレミヤ書 9 >