< エレミヤ書 6 >

1 ベニヤミンの子等よヱルサレムの中より逃れテコアに箛をふきベテハケレムに合圖の火をあげよそは北より災と大なる敗壞のぞめばなり
“Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.
2 われ美しき窈窕なるシオンの女を滅さん
Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha.
3 牧者は其群を牽て此處にきたりその周圍に天幕をはらん群はおのおのその處にて草を食はん
Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
4 汝ら戰端を開きて之を攻べし起よわれら日午にのぼらん嗚呼惜かな日ははや昃き夕日の影長くなれり
“Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera.
5 起よわれら夜の間にのぼりてその諸の殿舍を毀たん
Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”
6 萬軍のヱホバかくいひたまへり汝ら樹をきりヱルサレムに向ひて壘を築けこれは罰すべき邑なりその中には唯暴逆のみあり
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii.
7 源の水をいだすがごとく彼その惡を流すその中に暴逆と威虐きこゆ我前に憂と傷たえず
Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.
8 ヱルサレムよ汝訓戒をうけよ然らざれば我心汝をはなれ汝を荒蕪となし住む人なき地となさん
Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”
9 萬軍のヱホバかくいひたまふ彼らは葡萄の遺餘を摘みとるごとくイスラエルの遺れる者を摘とらん汝葡萄を摘取者のごとく屢手を筐に入るべし
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
10 我たれに語り誰を警めてきかしめんや視よその耳は割禮をうけざるによりて聽えず彼らはヱホバの言を嘲りこれを悦ばず
Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan.
11 ヱホバの怒わが身に充つわれ忍ぶに倦むこれを衢街にある童子と集れる年少者とに泄すべし夫も婦も老たる者も年邁し者も執へらるるにいたらん
Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.
12 その家と田地と妻はともに佗人にわたらん其はわれ手を擧てこの地に住る者を撃ばなりとヱホバいひたまふ
Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo.
13 夫彼らは少さき者より大なる者にいたるまで皆貪婪者なり又預言者より祭司にいたるまで皆詭詐をなす者なればなり
“Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
14 かれら淺く我民の女の傷を醫し平康からざる時に平康平康といへり
Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
15 彼らは憎むべき事を爲て恥辱をうくれども毫も恥ずまた愧を知らずこの故に彼らは傾仆るる者と偕にたふれん我來るとき彼ら躓かんとヱホバいひたまふ
Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo.
16 ヱホバかくいひたまふ汝ら途に立て見古き徑に就て何か善道なるを尋ねて其途に行めさらば汝らの靈魂安を得ん然ど彼らこたへて我儕はそれに行まじといふ
Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
17 我また汝らの上に守望者をたて箛の聲をきけといへり然ど彼等こたへて我儕は聞じといふ
Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.
18 故に萬國の民よきけ會衆よかれらの遇ところを知れ
Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.
19 地よきけわれ災をこの民にくださんこは彼らの思の結ぶ果なりかれら我言とわが律法をきかずして之を棄るによる
Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
20 シバより我許に乳香きたり遠き國より菖蒲きたるは何のためぞやわれは汝らの燔祭をよろこばず汝らの犠牲を甘しとせず
Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.”
21 故にヱホバかくいひたまふみよ我この民の前に躓礙をおく父と子とそれに蹶き隣人とその友偕に滅ぶべし
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”
22 ヱホバかくいひたまふみよ民北の國よりきたる大なる民地の極より起る
Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira.
23 彼らは弓と槍をとる殘忍にして憫なしその聲は海の如く鳴るシオンの女よかれらは馬に乗り軍人のごとく身をよろひて汝を攻めん
Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
24 我儕その風聲をききたれば我儕の手弱り子をうむ婦のごとき苦痛と劬勞われらに迫る
Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.
25 汝ら田地に出る勿れまた路に行むなかれ敵の劍と畏怖四方にあればなり
Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa.
26 我民の女よ麻衣を身にまとひ灰のうちにまろび獨子を喪ひしごとくに哀みていたく哭けそは毀滅者突然に我らに來るべければなり
Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii.
27 われ汝を民のうちに立て金を驗る者のごとくなし又城のごとくなすこは汝をしてその途を知しめまた試みしめんためなり
“Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera.
28 彼らは皆いたく悖れる者なり歩行て人を謗る者なり彼らは銅のごとく鐵のごとし皆邪なる者なり
Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.
29 韛は火に焚け鉛はつき鎔匠はいたづらに鎔す惡者いまだ除かれざればなり
Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii.
30 ヱホバ彼らを棄たまふによりて彼等は棄られたる銀と呼ばれん
Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”

< エレミヤ書 6 >