< エレミヤ書 7 >

1 ヱホバよりヱレミヤにのぞめる言云ふ
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha;
2 汝ヱホバの室の門にたち其處にてこの言を宣て言へヱホバを拜まんとてこの門にいりしユダのすべての人よヱホバの言をきけ
“Balbala mana Waaqayyoo dura dhaabadhuutii akkana jedhii ergaa kana labsi: “‘Isin sabni Yihuudaa warri Waaqayyoon waaqeffachuuf balbalawwan kanneeniin ol seentan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
3 萬軍のヱホバ、イスラエルの神かくいひ給ふ汝らの途と汝らの行を改めよさらばわれ汝等をこの地に住しめん
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; anis akka isin iddoo kana jiraattan nan godha.
4 汝ら是はヱホバの殿なりヱホバの殿なりヱホバの殿なりと云ふ僞の言をたのむ勿れ
Isin dubbii sobaa amanattanii, “Kun mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti!” hin jedhinaa.
5 汝らもし全くその途と行を改め人と人との間を正しく鞫き
Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii,
6 異邦人と孤兒と寡を虐げず無辜者の血をこの處に流さず他の神に從ひて害をまねかずば
utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii,
7 我なんぢらを我汝等の先祖にあたへしこの地に永遠より永遠にいたるまで住しむべし
silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha.
8 みよ汝らは益なき僞の言を賴む
Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu.
9 汝等は盜み殺し姦淫し妄りて誓ひバアルに香を焚き汝らがしらざる他の神にしたがふなれど
“‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii,
10 我名をもて稱へらるるこの室にきたりて我前にたち我らはこれらの憎むべきことを行ふとも救はるるなりといふは何にぞや
ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu?
11 わが名をもて稱へらるる此室は汝らの目には盜賊の巢と見ゆるや我も之をみたりとヱホバいひたまふ
Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo.
12 汝等わが初シロに於て我名を置し處にゆき我がイスラエルの民の惡のために其處になせしところのことをみよ
“‘Mee gara Shiiloo iddoo ani jalqabatti iddoo jireenya Maqaa kootiif godhadhe sanaa dhaqaatii waan ani sababii hammina saba koo Israaʼeliif ishee godhe ilaalaa.
13 ヱホバいひたまふ今汝ら此等のすべての事をなす又われ汝らに語り頻にかたりたれども聽かず汝らを呼びたれども答へざりき
Waaqayyo akkana jedha: Yeroo isin waan kana hunda gootanitti, ani ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Ani isinan waame; isin garuu hin owwaanne.
14 この故に我シロになせしごとく我名をもて稱へらるる此室になさんすなはち汝等が賴むところ我汝らと汝らの先祖にあたへし此處になすべし
Kanaafuu ani waanan Shiilootti fide sana amma mana Maqaa kootiin waamamu, mana Qulqullummaa kan isin amanattan, iddoo ani isinii fi abbootii keessaniif kenne kanattis nan fida.
15 またわれ汝等のすべての兄弟すなはちエフライムのすべての裔を棄てしごとく我前より汝らをも棄つべし
Ani akkuman obboloota keessan jechuunis saba Efreem hunda fuula koo duraa ariʼe sana isiniinis nan ariʼa.’
16 故に汝この民のために祈る勿れ彼らの爲に歎くなかれ求むるなかれ又我にとりなしをなす勿れわれ汝にきかじ
“Kanaafuu ati saba kanaaf hin kadhatin; yookaan waaʼee isaaniitiif hin booʼin yookaan waammata hin dhiʼeessin; ani si hin dhagaʼuutii na hin kadhatin.
17 汝かれらがユダの邑とヱルサレムの街になすところを見ざるか
Ati waan isaan magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjetan hin argituu?
18 諸子は薪を拾め父は火を燃き婦は麺を搏ねパンをつくりて之を天后にそなふ又かれら他の神の前に酒をそそぎて我を怒らす
Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu.
19 ヱホバいひたまふ彼ら我を怒らするか是れおのが面を辱むるにあらずや
Garuu kan isaan dheekkamsaaf kakaasan anaa? jedha Waaqayyo. Isaan ofuma miidhanii qaanaʼan mitii?
20 是故に主ヱホバかくいひたまふ視よわが震怒とわが憤怒はこの處と人と獸と野の樹および地の果にそそがん且燃て滅ざるべし
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Aarii fi dheekkamsi koo iddoo kana irratti, namaa fi horii irratti, mukkeen diidaattii fi waan lafti baaftu irratti ni dhangalaʼa; inni inuma bobaʼa malee hin dhaamu.
21 萬軍のヱホバ、イスラエルの神かくいひたまふ汝らの犠牲に燔祭の物をあはせて肉をくらへ
“‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Aarsaa keessan kan gubamu qalma keessanitti dabalaatii foon nyaadhaa!
22 そはわれ汝等の先祖をエジプトより導きいだせし日に燔祭と犠牲とに就てかたりしことなく又命ぜしことなし
Ani yeroon biyya Gibxii abbootii keessan baasetti waaʼee aarsaa gubamuutii fi qalmaa isaanitti hin dubbanne yookaan isaan hin ajajne;
23 惟われこの事を彼等に命じ汝ら我聲を聽ばわれ汝らの神となり汝ら我民とならん且わが汝らに命ぜしすべての道を行みて福祉をうべしといへり
ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa.
24 されど彼らはきかず其耳を傾けずおのれの惡き心の謀と剛愎なるとにしたがひて行みまた後を我にむけて其面を向けざりき
Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne.
25 汝らの先祖がエジプトの地をいでし日より今日にいたるまでわれ我僕なる預言者を汝らにつかはし日々晨より之をつかはせり
Gaafa abbootiin keessan biyya Gibxii baʼanii jalqabee hamma ammaatti ani guyyuma guyyaan, ammumaa amma tajaajiltoota koo raajota isiniif ergeera.
26 されど彼らは我にきかず耳を傾けずして其項を強くしその列祖よりも愈りて惡をなすなり
Isaan garuu na hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne. Isaan mataa jabaatanii abbootii isaanii caalaa waan hamaa hojjetan.’
27 汝彼らに此等のすべてのことばを語るとも汝にきかずかれらを呼ぶとも汝にこたへざるべし
“Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan.
28 汝かく彼らに語れこれは其神ヱホバの聲を聽ずその訓を受ざる民なり眞實はうせてその口に絕たり
Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Sabni kun saba Waaqayyo Waaqa isaatiif hin ajajamne, kan adabbii isaa illee hin fudhannee dha. Dhugaan badeera; afaan isaanii keessaas dhabameera.
29 (シオンの女よ)汝の髮を剃りてこれを棄て山の上に哀哭の聲をあげよヱホバその怒るところの世の人をすててこれを離れたまへばなり
“‘Rifeensa mataa keetii of irraa cirii gati; iddoo ol kaʼaa qullaatti ol baʼii booʼi; Waaqayyo dhaloota dheekkamsa isaa jala jiru kana tuffatee gateeraatii.
30 ヱホバいひたまふユダの民は我前に惡を行へり即ちその憎むべき者を我名をもて稱へらるる室に置てこれを汚せり
“‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha Waaqayyo. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru.
31 又ベンヒンノムの谷に於てトペテの崇邱を築きてその子女を火に焚かんとせり我これを命ぜずまた斯ることを思はざりし
Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha.
32 ヱホバいひたまふ然ば視よ此處をトペテまたはベンヒンノムの谷と稱へずして殺戮の谷と稱ふる日きたらん其は葬るべき地所なきまでにトペテに葬るべければなり
Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha Waaqayyo.
33 この民の屍は天空の鳥と地の獸の食物とならんこれを逐ふものなかるべし
Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru.
34 その時われユダの邑とヱルサレムの街に欣喜の聲 歡樂の聲 新婿の聲 新婦の聲なからしむべしこの地荒蕪ればなり
Ani magaalaawwan Yihuudaa keessaa fi daandiiwwan Yerusaalem irra sagalee kolfaatii fi gammachuu, sagalee misirrichaatii fi misirrittii nan balleessa; biyyattiin ni ontiitii.

< エレミヤ書 7 >