< エレミヤ書 38 >

1 マツタンの子シパテヤ、パシユルの子ゲダリヤ、シレミヤの子ユカル、マルキヤの子パシユル、ヱレミヤがすべての民に告たるその言を聞り
Shefaaxiyaa ilmi Mataan, Gedaaliyaas ilmi Phaashihuur, Yuukaal ilmi Shelemiyaatii fi Phaashihuur ilmi Malkiyaa waan Ermiyaas akkana jedhee saba hundatti hime dhagaʼan;
2 云くヱホバかくいひたまふこの邑に留まるものは劍と饑饉と疫病に死べし然どいでてカルデヤ人に降る者は生んすなはちその生命をおのれの掠取物となして生べし
“Waaqayyo akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeen, beelaan yookaan dhaʼichaan ni duʼa; namni gara Baabilonotaatti baqatu kam iyyuu garuu ni jiraata. Inni lubbuu isaatiin ni baʼa; ni jiraatas.’
3 ヱホバかくいひたまふこの邑は必ずバビロン王の軍勢の手に付されん彼之を取べしと
Waaqayyo akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan dabarfamtee harka waraana mootii Baabilonitti ni kennamti; innis ishee qabata.’”
4 是をもてかの牧伯等王にいひけるは請ふこの人を殺したまへ彼はかくの如き言をのべて此邑に遺れる兵卒の手と民の手を弱くす夫人は民の安を求めずして其害を求むるなりと
Kana irratti qondaaltonni sun mootichaan akkana jedhan; “Namichi kun ajjeefamuu qaba. Inni waan isaanitti dubbatuun loltoota magaalaa kana keessatti hafanii fi namoota hunda onnee dhabsiisa. Namichi kun saba kanaaf badiisa malee waan gaarii hin hawwu.”
5 ゼデキヤ王いひけるは視よ彼は汝らの手にあり王は汝らに逆ふこと能はざるなりと
Zedeqiyaa Mootichi immoo, “Inni harkuma keessan keessa jira; mootiin isiniin mormee homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
6 彼らすなはちヱレミヤを取て獄の庭にあるハンメレクの子マルキヤの阱に投いる即ち索をもてヱレミヤを縋下せしがその阱は水なくして汚泥のみなりければヱレミヤは汚泥のなかに沈めり
Kanaafuu isaan Ermiyaasin fuudhanii boolla bishaanii kan Malkiyaa ilma mootichaa keessa buusan; boolli bishaanii sunis oobdii eegumsaa keessa ture. Isaan funyoodhaan Ermiyaasin boolla sana keessa buusan; boolli sun dhoqqee malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee keessa dhidhime.
7 王の室の寺人エテオピア人エベデメレク彼らがヱレミヤを阱になげいれしを聞り時に王ベニヤミンの門に坐しゐたれば
Garuu Ebeed-Melek qondaalli Itoophiyaa kan masaraa mootii keessa ture sun akka isaan Ermiyaasin boolla bishaanii keessa buusan dhagaʼe. Utuma mootichi Karra Beniyaam bira taaʼee jiruus,
8 エベデメレク王の室よりいでゆきて王にいひけるは
Ebeed-Melek masaraadhaa baʼee dhaqee akkana isaan jedhe;
9 王わが君よかの人々が預言者ヱレミヤに行ひし事は皆好らず彼らこれを阱になげ入たり邑の中に食物なければ彼はその居るところに餓死せん
“Yaa gooftaa koo mooticha, jarri kun waan Ermiyaas raajicha godhan hundaan waan hamaa hojjetaniiru. Isaan akka inni beelaan duʼuuf yeroo buddeenni tokko iyyuu magaalaa keessa hin jirretti boolla bishaanii keessa isa buusan.”
10 王エテオピヤ人エベデメレクに命じていひけるは汝ここより三十人を携へゆきて預言者ヱレミヤをその死ざる先にを阱より曳あげよ
Mootichis ergasii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan, “Nama soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii utuu inni hin duʼin Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa baasi” jedhee ajaje.
11 エベデメレクすなはちその人々を携へて王の室の庫の下にいり其處より破れたる舊き衣の布片をとり索をもてこれをを阱にをるヱレミヤの所に縋下せり
Kanaafuu Ebeed-Melek namoota sana fudhatee gara kutaa mankuusaa masaraa mootichaa keessaatiin jala jiru sanaa dhaqe. Innis darsaa fi wayyaa moofaa achii fudhatee funyoon gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buuse.
12 而してエテオピア人エベデメレク、ヱレミヤに告て汝この破れたる舊き衣の布片を汝の腋の下にはさみて索に當よと云ければヱレミヤ然なせり
Ebeed-Melek namichi Itoophiyaa sunis Ermiyaasiin, “Akka funyoon si hin luqqisneef darsaa fi wayyaa moofaa bobaa kee jala kaaʼadhu” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe;
13 彼らすなはち索をもてヱレミヤを阱より曳あげたりヱレミヤは獄の庭にをる
isaanis funyoo sanaan ol harkisanii boolla bishaanii keessaa isa baasan. Ermiyaasis oobdii eegumsaa keessa ture.
14 かくてゼデキヤ王人を遣はして預言者ヱレミヤをヱホバの室の第三の門につれきたらしめ王ヱレミヤにいひけるは我汝に問ことあり毫もわれに隱す勿れ
Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasitti nama ergee gara balbala sadaffaa mana qulqullummaa Waaqayyootti isa fichisiise. Mootichis Ermiyaasiin, “Ani waa sin gaafadha; ati waan tokko illee na hin dhoksin” jedhe.
15 ヱレミヤ、ゼデキヤにいひけるは我もし汝に示さば汝かならず我を殺さざらんや假令われ汝を勸むるとも汝われに聽じ
Ermiyaasis Zedeqiyaadhaan, “Yoo ani deebii siif kenne, ati na hin ajjeeftuu? Yoo ani si gorse iyyuu ati na hin dhageessu” jedhe.
16 ゼデキヤ王密にヱレミヤに誓ひていひけるは我らにこの靈魂を造りあたへしヱホバは活く我汝を殺さず汝の生命を索むる者の手に汝を付さじ
Zedeqiyaa Mootichi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jireenya nuu kenne sanaa ani si hin ajjeesu; warra lubbuu kee balleessuu barbaadanittis dabarsee si hin kennu” jedhee kakuu kana dhoksaatti Ermiyaasiif kakate.
17 ヱレミヤ、ゼデキヤにいひけるは萬軍の神イスラエルの神ヱホバかくいひたまふ汝もしまことにバビロン王の牧伯等に降らば汝の生命活んまた此邑は火にて焚れず汝と汝の家の者はいくべし
Kana irratti Ermiyaas deebisee Zedeqiyaadhaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni, inni Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennatte lubbuun kee duʼa ni oolfamti; magaalaan kunis hin gubamtu; atii fi maatiin kee ni jiraattu.
18 然ど汝もし出てバビロンの王の牧伯等に降らずば此邑はカルデヤ人の手に付されん彼らは火をもて之を焚ん汝はその手を脱れざるべし
Garuu yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennachuu baatte magaalaan kun dabarfamtee Baabilonotatti ni kennamti; isaanis ishee gubu; ati mataan kee iyyuu isaan jalaa hin baatu.’”
19 ゼデキヤ王ヱレミヤに云けるは我カルデヤ人に降りしところのユダ人を恐る恐くはカルデヤ人我をかれらの手に付さん彼ら我を辱しめん
Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasiin, “Ani Yihuudoota Baabilonotatti galan nan sodaadha; Baabilononni dabarsanii isaanitti na kennanii isaan immoo natti taphatuutii” jedhe.
20 ヱレミヤいひけるは彼らは汝を付さじ願くはわが汝に告しヱホバの聲に聽したがひたまへさらば汝祥をえん汝の生命いきん
Ermiyaasis akkana jedhee deebise; “Isaan dabarsanii si hin kennan; ati waan ani sitti himu gochuudhaan Waaqayyoof ajajami. Yoos ati milkooftee lubbuun kees duʼa oolfamti.
21 然ど汝もし降ることを否まばヱホバこの言を我に示し給ふ
Garuu yoo ati harka kennachuu didde, Waaqayyo waan kana naa ibseera:
22 すなはちユダの王の室に遺れる婦は皆バビロンの王の牧伯等の所に曳いだされん其婦等いはん汝の朋友等は汝を誘ひて汝に勝り汝の足は泥に沈む彼らは退き去る
Dubartoonni mana mootii Yihuudaa keessatti hafan hundi gara qondaaltota mootii Baabilonitti geeffamu. Dubartoonni sunis akkana jedhu: “‘Michoonni kee kanneen ati amanatte sun, si gowwoomsanii; si moʼatan. Miilli kee dhoqqee keessa lixe; michoonni kees si dhiisanii deeman.’
23 汝の妻たちと汝の子女等はカルデヤ人の所に曳出されん汝は其手を脱れじバビロンの王の手に執へられん汝此邑をして火に焚しめん
“Niitonni keetii fi ijoolleen kee hundi Baabilonotatti geeffamu. Ati mataan kee iyyuu mootii Baabiloniin qabamta malee isaan harkaa hin baatu; magaalaan kunis ni gubamti.”
24 ゼデキヤ、ヱレミヤにいひけるは汝この事を人に知する勿れさらば汝殺されじ
Zedeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii nu amma dubbanne kana namni tokko iyyuu hin beekin; yoo kanaa achii ati ni duutaa.
25 もし牧伯等わが汝と語りしことを我儕に告げよ我らに隱す勿れ然ば我ら汝を殺さじ又王の汝に語りしことを告よといはば
Yoo qondaaltonni akka ani si wajjin haasaʼe dhagaʼanii si bira dhufanii, ‘Waan ati mootiidhaan jettee fi waan mootiin siin jedhe nutti himi; nu hin dhoksin; yoo kanaa achii nu si ajjeefnaa’ siin jedhan,
26 汝彼らに答へて我王に求めて我をヨナタンの家に歸して彼處に死しむること勿れといへりといふべし
‘Ani akka inni gara mana Yoonaataanitti deebisee na ergee anis achitti hin duuneef mooticha kadhachaa ture’ jedhiin.”
27 かくて牧伯等ヱレミヤにきたりて問けるに彼王の命ぜし言のごとく彼らに告たればその事露はれざりき是をもて彼ら彼とものいふことを罷たり
Ergasii qondaaltonni hundi dhufanii Ermiyaasin gaafatan; innis waan mootichi akka inni dubbatu isa ajaje hunda isaanitti hime. Sababii namni waan inni mooticha wajjin dubbate dhagaʼe tokko iyyuu hin turiniif, jarri waan kana caalaa homaa isatti hin dubbanne.
28 ヱレミヤはヱルサレムの取るる日まで獄の庭に居りしがヱルサレムの取れし時にも彼處にをれり
Ermiyaasis hamma gaafa Yerusaalem qabamteetti oobdii eegumsaa sana keessa ture.

< エレミヤ書 38 >