< エレミヤ書 49 >

1 アンモン人の事につきてヱホバかくいひたまふイスラエルに子なからんや嗣子なからんや何なれば彼らの王ガドを受嗣ぎ彼の民その邑々に住や
Waaʼee Amoonotaa: Waaqayyo akkana jedha: “Israaʼel ilmaan hin qabuu? Inni nama isa dhaalu hin qabuu? Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
2 ヱホバいひたまふ是故に視よわが戰鬪の號呼をアンモン人のラバに聞えしむる日いたらんラバは荒垤となりその女等は火に焚れんその時イスラエルはおのれの嗣者となりし者等の嗣者となるべしヱホバこれをいひたまふ
Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana ariitee biyyaa ni baafti,” jedha Waaqayyo.
3 ヘシボンよ咷べアイは滅びたりラバの女たちよ呼はれ麻布を身にまとひ嗟て籬のうちに走れマルカムとその祭司およびその牧伯等は偕に擄へ移されたり
“Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; dallaa keessa asii fi achi fiigaa; Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatamaatii.
4 汝何なれば谷の事を誇るや背ける女よ汝の谷は流るるなり汝財貨に倚賴みていふ誰か我に來らんと
Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
5 主なる萬軍のヱホバいひたまふ視よ我畏懼を汝の四周の者より汝に來らしめん汝らおのおの逐れて直にすすまん逃る者を集むる人無るべし
Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
6 然ど後にいたりてわれアンモン人の擄移されたる者を返さんとヱホバいひたまふ
“Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
7 エドムの事につきて萬軍のヱホバかくいひたまふテマンの中には智慧あることなきにいたりしや明哲者には謀略あらずなりしやその智慧は盡はてしや
Waaʼee Edoom: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? Hubattoota duraa gorsi badeeraa? Ogummaan isaanii sameeraa?
8 デダンに住る者よ逃よ遁れよ深く竄れよ我エサウの滅亡をかれの上にのぞませ彼を罰する時をきたらしむべし
Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; ani yeroo Esaawun adabutti badiisa isatti nan fidaatii.
9 葡萄を斂むる者もし汝に來らば少許の果をも餘さざらんもし夜間盜人きたらばその飽まで滅さん
Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa qarmii wayii hin hambisanii? Hattuun yoo halkan dhufte, Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
10 われエサウを裸にし又その隱處を露にせん彼は身を匿すことをえざるべしその裔も兄弟も隣舍も滅されん而して彼は在ずなるべし
Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; akka inni itti hin daʼanneef ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; innis siʼachi hin jiraatu.
11 汝の孤子を遺せわれ之を生存へしめん汝の嫠は我に倚賴むべし
‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; anatu isaan jiraachisaatii. Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’”
12 ヱホバかくいひ給ふ視よ杯を飮べきにあらざる者もこれを飮ざるをえざるなれば汝まつたく罰を免るることをえんや汝は罰を免れじ汝これを飮ざるべからず
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.
13 ヱホバいひたまふ我おのれを指して誓ふボズラは詫異となり羞辱となり荒地となり呪詛とならんその諸邑は永く荒地となるべし
Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
14 われヱホバより音信をきけり使者遣されて萬國にいたり汝ら集りて彼に攻めきたり起て戰へよといへり
Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera: Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; “Ishee loluuf walitti qabamaa! Waraanaafis baʼaa!”
15 視よわれ汝を萬國の中に小者となし人々の中に藐めらるる者となせり
“Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
16 磐の隱場にすみ山の高處を占る者よ汝の恐ろしき事と汝の心の驕傲汝を欺けり汝鷹のごとくに巢を高き處に作りたれどもわれ其處より汝を取り下さんとヱホバいひたまふ
Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee fiixee tulluu qabattee jirtu, sodaan ati odeessituu fi of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
17 エドムは詫異とならん凡そ其處を過る者は驚きその災害のために笑ふべし
“Edoom waan sodaa taati; namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
18 ヱホバいひたまふソドムとゴモラとその隣の邑々の滅しがごとく其處に住む人なく其處に宿る人の子なかるべし
Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” jedha Waaqayyo, “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
19 視よ敵獅子のヨルダンの叢より上るがごとく堅き宅に攻めきたらんわれ直に彼を其處より逐奔らせわが選みたる者をその上に立てん誰か我のごとき者あらん誰か我爲に時期を定めんや孰の牧者か我前にたつことをえん
“Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
20 さればエドムにつきてヱホバの謀りたまひし御謀とテマンに住る者につきて思ひたまひし思をきけ群の弱者はかならず曳ゆかれん彼かならずかれらの住宅を滅すべし
Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate, waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
21 その傾圮の響によりて地は震ふ號咷ありその聲紅海にきこゆ
Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
22 みよ彼鷹のごとくに上り飛びその翼をボズラの上に舒べんその日エドムの勇士の心は子を產む婦の心の如くならん
Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. Bara sana keessa garaan loltota Edoom akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
23 ダマスコの事 ハマテとアルパデは羞づそは凶き音信をきけばなり彼らは心を喪へり海の上に恐懼あり安き者なし
Waaʼee Damaasqoo: “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
24 ダマスコは弱り身をめぐらして逃んとす恐懼これに及び憂愁と痛劬子を產む婦にあるごとくこれにおよぶ
Damaasqoon dadhabdeerti; isheen baqachuuf gara galteerti; sodaan guddaan ishee qabateera; akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
25 頌美ある邑我欣ぶところの邑を何なれば棄さらざるや
Magaalaan beekamaan, magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
26 さればその日に壯者は街に仆れ兵卒は悉く滅されんと萬軍のヱホバいひたまふ
Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” jedha Waaqayyo.
27 われ火をダマスコの石垣の上に燃しベネハダデの殿舍をことごとく焚くべし
“Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
28 バビロンの王ネブカデネザルが攻め撃たるケダルとハゾルの諸國の事につきて/ヱホバかくいひたまふ汝ら起てケダルに上り東の衆人を滅せ
Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: Waaqayyo akkana jedha: “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
29 その幕屋とその羊の群は彼等これを取りその幕とその諸の器と駱駝とは彼等これを奪ひとらん人これに向ひ惶懼四方にありと呼るべし
Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; golgaawwan isaanii miʼaa fi gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ jedhanii iyyu.
30 ヱホバいひたまふハゾルに住る者よ逃よ急に走りゆき深き處に居れバビロンの王ネブカデネザル汝らをせむる謀略を運らし汝らをせむる術計を設けたればなり
“Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” jedha Waaqayyo. “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; inni daba isinitti yaadeera.
31 ヱホバいひ給ふ汝ら起て穩なる安かに住める民の所に攻め上れ彼らは門もなく關もなくして獨り居ふなり
“Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” jedha Waaqayyo.
32 その駱駝は擄掠とせられその多の畜は奪はれん我かの毛の角を剪る者を四方に散しその滅亡を八方より來らせんとヱホバいひたまふ
“Gaalawwan isaanii ni hatamu, horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee gama hundaan balaa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
33 ハゾルは山犬の窟となり何までも荒蕪となりをらん彼處に住む人なく彼處に宿る人の子なかるべし
“Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, lafa bara baraan onte taati. Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
34 ユダの王ゼデキヤが位に即し初のころヱホバの言預言者ヱレミヤに臨みてエラムの事をいふ
Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
35 萬軍のヱホバかくいひたまふ視よわれエラムが權能として賴むところの弓を折らん
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo ani madda jabina isaanii, iddaa Eelaam nan cabsa.
36 われ天の四方より四方の風をエラムに來らせ彼らを四方の風に散さんエラムより追出さるる者のいたらざる國はなかるべし
Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa bubbee afran Eelaamittan fida; ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; sabni baqattoonni Eelaam itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
37 ヱホバいひたまふわれエラムをしてその敵の前とその生命を索むるものの前に懼れしめん我災をくだし我烈しき怒をその上にいたらせんまたわれ劍をその後につかはしてこれを滅し盡すべし
Ani fuula diinota isaanii, fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti Eelaamin nan barbadeessa; ani balaa isaanittan fida; dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” jedha Waaqayyo.
38 われ我位をエラムに居ゑ王と牧伯等を其處より滅したたんとヱホバいひたまふ
“Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” jedha Waaqayyo.
39 然ど末の日にいたりてわれエラムの擄移されたる者を返すべしとヱホバいひたまふ
“Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.

< エレミヤ書 49 >