< エレミヤ書 34 >

1 バビロンの王ネブカデネザルその全軍および己の手の下に屬するところの地の列國の人および諸の民を率てヱルサレムとその諸邑を攻めて戰ふ時ヱホバの言ヱレミヤに臨みていふ
Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe;
2 イスラエルの神ヱホバかくいふ汝ゆきてユダの王ゼデキヤに告ていふべしヱホバかくいひたまふ視よわれ此邑をバビロン王の手に付さん彼火をもてこれを焚べし
“Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba.
3 汝はその手を脱れず必ず擒へられてこれが手に付されん汝の目はバビロン王の目をみ又かれの口は汝の口と語ふべし汝はバビロンにゆくにいたらん
Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta.
4 然どユダの王ゼデキヤよヱホバの言をきけヱホバ汝の事につきてかくいひたまふ汝は劍に死じ
“‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu;
5 汝は安らかに死なん民は汝の先祖たる汝の先の王等の爲に香を焚しごとく汝のためにも香を焚き且汝のために嘆て嗚呼主よといはん我この言をいふとヱホバいひたまふ
garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina awwaala abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, “Wayyoo yaa Gooftaa!” jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo.’”
6 預言者エレミヤすなはち此言をことごとくヱルサレムにてユダの王ゼデキヤにつげたり
Ermiyaas raajichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime;
7 時にバビロン王の軍勢はヱルサレムおよび存れるユダの諸の邑を攻めラキシとアゼカを攻て戰ひをる其はユダの諸邑のうちに是等の城の邑尚存りゐたればなり
yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii.
8 ゼデキヤ王ヱルサレムに居る諸の民と契約を立てて彼らに釋放の事を宣示せし後ヱホバの言ヱレミヤに臨めり
Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
9 その契約はすなはち人をしておのおの其僕婢なるヘブルの男女を釋たしめその兄弟なるユダヤ人を奴隸となさざらしむる者なりき
Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu.
10 この契約をなせし牧伯等とすべての民は人おのおのその僕婢を釋ちて再び之を奴隸となすべからずといふをききて遂にそれに聽したがひてこれを釋ちしが
Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan.
11 後に心をひるがへしてその釋ちし僕婢をひきかへりて再び之を伏從はしめて僕婢となせり
Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan.
12 是故にヱホバの言ヱホバよりヱレミヤにのぞみて云
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
13 イスラエルの神ヱホバかくいふ我汝らの先祖をエジプトの地その奴隸たりし宅より導きいだせし時彼らと契約を立ていひけらく
“Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale;
14 汝らの兄弟なるヘブル人の身を汝らに賣たる者をば七年の終に汝らおのおのこれを釋つべし彼六年汝につかへたらば之を釋つべしと然るに汝らの先祖等は我に聽ず亦その耳を傾けざりし
‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine.
15 然ど汝らは今日心をあらためておのおの其鄰人に釋放の事を示してわが目に正とみゆる事を行ひ且我名をもて稱へらるる室に於て我前に契約を立たり
Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu.
16 然るに汝ら再び心をひるがへして我名を汚し各自釋ちて其心に任せしめたる僕婢をひき歸り再び之を伏從はしめて汝らの僕婢となせり
Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu.
17 この故にヱホバかくいひたまふ汝ら我に聽ておのおの其兄弟とその鄰に釋放の事を示さざりしによりて視よわれ汝らの爲に釋放を示して汝らを劍と饑饉と疫病にわたさん我汝らをして地の諸の國にて艱難をうけしむべし
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Waaqayyo; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha.
18 ヱホバこれを云ふ犢を兩にさきて其二個の間を過り我前に契約をたてて却つて其言に從はずわが契約をやぶる人々
Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha.
19 即ち兩に分ちし犢の間を過りしユダの牧伯等ヱルサレムの牧伯等と寺人と祭司とこの地のすべての民を
Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda,
20 われ其敵の手とその生命を索る者の手に付さんその屍體は天空の鳥と野の獸の食物となるべし
dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.
21 且われユダの王ゼデキヤとその牧伯等をその敵の手其生命を索むる者の手汝らを離れて去しバビロン王の軍勢の手に付さん
“Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna.
22 ヱホバいひたまふ視よ我彼らに命じて此邑に歸らしめん彼らこの邑を攻て戰ひ之を取り火をもて焚くべしわれユダの諸邑を住人なき荒地となさん
Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha Waaqayyo. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”

< エレミヤ書 34 >