< エレミヤ書 11 >

1 ヱホバよりヱレミヤにのぞめる言いふ
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
2 汝らこの契約の言をききユダの人とヱルサレムにすめる者に告よ
“Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.
3 汝かれらに語れイスラエルの神ヱホバかくいひたまふこの契約の言に遵はざる人は詛はる
Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.
4 この契約はわが汝らの先祖をエジプトの地鐵の爐の中より導き出せし日にかれらに命ぜしものなり即ち我いひけらく汝ら我聲をきき我汝らに命ぜし諸の事に從ひて行はば汝らは我民となり我は汝らの神とならん
Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.
5 われ汝らの先祖に乳と蜜の流るる地を與へんと誓ひしことを成就んと即ち今日のごとしその時我こたへてアーメン、ヱホバといへり
Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” Anis “Ameen, Yaa Waaqayyo” nan jedhe.
6 またヱホバ我にいひたまひけるは汝すべて此等の言をユダの諸邑とヱルサレムの衢にしめし汝ら此契約の言をききてこれを行へといふべし
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.
7 われ汝らの列祖をエジプトの地より導出せし日より今日にいたるまで切に彼らを戒め頻に戒めて汝ら我聲に遵へといへり
Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.
8 然ど彼らは遵はずその耳を傾けずおのおの其惡き心の剛愎なるにしたがひて歩めり故にわれ此契約の言を彼等にきたらす是はわがかれらに之を行へと命ぜしかども彼等がおこなはざりし者なり
Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’”
9 またヱホバ我にいひたまひけるはユダの人々とヱルサレムに住る者の中に叛逆の事あり
Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.
10 彼らは我言をきくことを好まざりしところのその先祖の罪にかへり亦他の神に從ひて之に奉へたりイスラエルの家とユダの家はわがその列祖たちと締たる契約をやぶれり
Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.
11 この故にヱホバかくいひ給ふみよわれ災禍をかれらにくださん彼らこれを免かるることをえざるべし彼ら我をよぶとも我聽じ
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.
12 ユダの邑とヱルサレムに住る者はゆきてその香を焚し神を龥んされど是等はその災禍の時に絕てかれらを救ふことあらじ
Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.
13 ユダよ汝の神の數は汝の邑の數のごとし且汝らヱルサレムの衢の數にしたがひて恥べき者に壇をたてたり即ちバアルに香を焚んとて壇をたつ
Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’
14 故に汝この民の爲に祈る勿れ又その爲に泣きあるひは求る勿れ彼らがその災禍のために我を呼ときわれ彼らに聽ざるべし
“Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.
15 わが愛する者は我室にて何をなすや惡き謀をなすや願と聖き肉汝に災を脱れしむるやもし然らば汝よろこぶべし
“Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? Foon qulqulleeffamee addaan baafame adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? Gaafa waan hamaa hojjettu, ati ni gammaddaatii.”
16 ヱホバ汝の名を嘉果ある美しき靑橄欖の樹と稱たまひしがおほいなる喧嚷の聲をもて之に火をかけ且その枝を折りたまふ
Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin ibidda itti qabsiisa; dameewwan isaas ni caccabsamu.
17 汝を植し萬軍のヱホバ汝の災をさだめ給へりこれイスラエルの家とユダの家みづから害ふの惡をなしたるによるなり即ちバアルに香を焚きてわれを怒らせたり
Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.
18 ヱホバ我に知せたまひければ我これを知るその時汝彼らの作爲を我にしめしたまへり
Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.
19 我は牽れて宰られにゆく羔の如く彼らが我をそこなはんとて謀をなすを知ず彼らいふいざ我ら樹とその果とを共に滅さんかれを生る者の地より絕てその名を人に忘れしむべしと
Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan natti malatan ani hin hubannen ture.
20 義き鞫をなし人の心腸を察りたまふ萬軍のヱホバよ我わが訴を汝にのべたればわれをして汝が彼らに仇を報すを見せしめたまへ
Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, ani dhimma koo sitti kennadheeraatii ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi.
21 是をもてヱホバ、アナトテの人々につきてかくいひたまふ彼等汝の生命を取んと索めて言ふ汝ヱホバの名をもて預言する勿れ恐らくは汝我らの手に死んと
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.
22 故に萬軍のヱホバかくいひ給ふみよ我かれらを罰すべし壯丁は劍に死にその子女は饑饉にて死なん
Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.
23 餘る者なかるべし我災をアナトテの人々にきたらしめわが彼らを罰するの年をきたらしめん
Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’”

< エレミヤ書 11 >