< ホセア書 11 >

1 イスラエルの幼かりしとき我これを愛しぬ我わが子をエジプトより呼いだしたり
“Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; ani Gibxii ilma koo waameera.
2 かれらは呼るるに隨ひていよいよその呼者に遠ざかり且もろもろのバアルに犠牲をささげ雕たる偶像に香を焚り
Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, isaan narraa fagaachaa deeman. Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii fakkiiwwaniif ixaana aarsan.
3 われエフライムに歩むことををしへ彼等をわが腕にのせて抱けり然どかれらは我にいやされたるを知ず
Kan irree isaanii qabee Efreemin miillaan deemuu barsiise anuma; isaan garuu akka ani isaan fayyise hin hubanne.
4 われ人にもちゐる索すなはち愛のつなをもて彼等をひけり我がかれらを待ふは軛をその腮より擧のくるもののごとくにして彼等に食物をあたへたり
Ani funyoo gara laafina namaatiin, hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee isaan sooruuf gadan jedhe.
5 かれらはエジプトの地にかへらじ然どかれらがヱホバに歸らざるによりてアッスリヤ人その王とならん
“Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif Gibxitti hin deebiʼan; Asoor garuu isaan bulcha.
6 劍かれらの諸邑にまはりゆきてその關門をこぼち彼らをその謀計の故によりて滅さん
Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; karoora isaaniis ni fashaleessa.
7 わが民はともすれば我にはなれんとする心あり人これを招きて上に在るものに屬しめんとすれども身をおこすもの一人だになし
Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu inni gonkumaa ol isaan hin qabu.
8 エフライムよ我いかで汝をすてんやイスラエルよ我いかで汝をわたさんや我いかで汝をアデマのごとくせんや爭でなんぢをゼボイムのごとく爲んやわが心わが衷にかはりて我の愛憐ことごとく燃おこれり
“Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? Garaan koo na keessatti geeddarameera; gara laafinni ani siif qabu guddateera.
9 我わが烈しき震怒をほどこすことをせじ我かさねてエフライムを滅すことをせじ我は人にあらず神なればなり我は汝のうちにいます聖者なりいかりをもて臨まじ
Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu.
10 かれらは獅子の吼るごとくに聲を出したまふヱホバに隨ひて歩まんヱホバ聲を出したまへば子等は西より急ぎ來らん
Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu; inni akkuma leencaa aada; yommuu inni aadutti ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.
11 かれらエジプトより鳥のごとくアッスリヤより鴿のごとくに急ぎ來らん我かれらをその家々に住はしむべし是ヱホバの聖言なり
Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, akkuma gugee ollachaa Asoor irraa dhufu. Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Waaqayyo.
12 エフライムは謊言をもてイスラエルの家は詐僞をもて我を圍めりユダは神と信ある聖者とに屬きみつかずみ漂蕩をれり
Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo gowwoomsaadhaan na marse. Yihuudaanis Waaqatti, amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.

< ホセア書 11 >