< ホセア書 10 >

1 イスラエルは果をむすびて茂り榮る葡萄の樹その果の多くなるがままに祭壇をましその地の饒かなるがままに偶像を美しくせり
Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.
2 かれらは二心をいだけり今かれら罪せらるべし神はその祭壇を打毀ちその偶像を折棄てたまはん
Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.
3 かれら今いふべし我儕神を畏れざりしに因て我らに王なしこの王はわれらのために何をかなさんと
Ergasii isaan akkana jedhu; “Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu inni silaa maal nuuf godha?”
4 かれらは虚しき言をいだし偽の誓をなして約をたつ審判は畑の畝にもえいづる茵蔯のごとし
Isaan waan hedduu waadaa galu; kakuu sobaas seenanii walii galtee uummatu; kanaafuu seera dhabeeyyiin akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.
5 サマリヤの居民はベテアベンの犢の故によりて戰慄かんその民とこれを悦ぶ祭司等はその榮のうせたるが爲になげかん
Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. Sabni ishee isheedhaaf booʼa. Luboonni ishee ejjitoonni warri ulfina isheetiin gammadan sunis sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.
6 犢はアッスリヤに携へられ禮物としてヤレブ王に献げらるべしエフライムは羞をかうむりイスラエルはおのが計議を恥ぢん
Jabbichis akka harka fuudhaatti Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. Efreem ni salphifama; Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.
7 サマリヤはほろびその王は水のうへの木片のごとし
Samaariyaa fi mootiin ishee akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.
8 イスラエルの罪なるアベンの崇邱は荒はてて荊棘と蒺藜その壇のうへにはえ茂らんその時かれら山にむかひて我儕をおほへ陵にむかひて我儕のうへに倒れよといはん
Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; kunis cubbuu Israaʼel. Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee iddoo aarsaa isaanii haguuga. Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.
9 イスラエルよ汝はギベアの日より罪ををかせり彼等はそこに立り邪惡のひとびとを攻たりし戰爭はギベアにてかれらに及ばざりき
“Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu; ammas achumatti haftaniirtu. Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee jalʼoota hin fixuu?
10 我思ふままに彼等をいましめん彼等その二の罪につながれん時もろもろの民あつまりて之をせめん
Ani yoon fedhe isaan nan adaba; sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
11 エフライムは馴されたる牝牛のごとくにして穀をふむことを好むされどわれその美しき頸に物を負しむべし我エフライムに軛をかけんユダは耕しヤコブは土塊をくだかん
Efreem goromsa leenjifame kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; kanaafuu ani morma ishee irra waanjoo nan kaaʼa. Ani Efreemin nan oofa; Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.
12 なんぢら義を生ずるために種をまき憐憫にしたがひてかりとり又新地をひらけ今はヱホバを求むべき時なり終にはヱホバきたりて義を雨のごとく汝等のうへに降せたまはん
Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; yeroon kun yeroo hamma inni dhufee qajeelummaa isinitti roobsutti Waaqayyoon barbaaddataniitii.
13 なんぢらは惡をたがへし不義を穫をさめ虚偽の果をくらへりこは汝おのれの途をたのみ己が勇士の數衆きをたのめるに縁る
Isin garuu hammina facaafattanii jalʼina haammattan; isin ija sobaa nyaattaniirtu. Sababii ati jabina keetii fi loltoota kee baayʼee sana abdatteef,
14 この故になんぢらの民のなかに擾亂おこりて汝らの城はことごとく打破られんシャルマンが戰門の日にベテアルベルを打破りしにことならず母その子とともに碎かれたり
akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.
15 なんぢらの大なる惡のゆゑによりてべテル如此なんぢらに行へるなりイスラエルの王はあしたに滅びん
Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, wanni akkasii sittis ni dhufti. Gaafa guyyaan sun bariʼutti mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

< ホセア書 10 >