< エゼキエル書 22 >

1 ヱホバの言われに臨みて言ふ
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人の子よ汝鞫かんとするや此血を流すところの邑を鞫かんとするや汝これにその諸の憎むべき事を示して
“Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi;
3 言へ主ヱホバかく言ふ己の中に血を流してその罰せらるる時を來らせ己の中に偶像を作りてその身を汚すところの邑よ
akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu,
4 汝はその流せる血によりて罪を得その作れる偶像をもて身を汚し汝の日を近づかせすでに汝の年にいたれり是故に我汝を國々の嘲とならしめ萬國の笑とならしむべし
ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa.
5 汝に近き者も遠き者も汝が名の汚れたると混亂の多きとを笑はん
Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu.
6 視よイスラエルの君等各その力にしたがひて血を流さんと汝の中にをる
“‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali.
7 彼ら汝の中にて父母を賤め汝の中にて他國の人を虐げ汝の中にて孤兒と寡婦を惱ますなり
Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman.
8 汝わが聖き物を賤めわが安息日を汚す
Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite.
9 人を譖づる者血を流さんと汝の中にあり人汝の中にて山の上に食をなし汝の中にて邪淫をおこなひ
Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru.
10 汝の中にてその父の妻に交り汝の中にて月經のさはりに穢れたる婦女を犯す
Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru.
11 又汝の中にその鄰の妻と憎むべき事をおこなふものあり邪淫をおこなひてその嫁を犯すものありその父の女なる己の姊妹を犯すものあり
Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa.
12 人汝の中にて賄賂をうけて血を流すことをなすなり汝は利と息を取り汝の隣の物を掠め取り又我を忘る主ヱホバこれを言ふ
Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan.
13 見よ我汝が掠めとる事をなし且血を汝の中に流すによりて我手を拍つ
“‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta.
14 我が汝を攻る日には汝の心堅く立ち汝の手強くあることを得んや我ヱホバこれを言ひこれをなすなり
Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha.
15 我汝を異邦の中に散し國々の中に播き全く汝の汚穢を取のぞくべし
Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa.
16 汝は己の故によりて異邦人の目に汚れたる者と見えん而して汝我のヱホバなるを知べし
Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.’”
17 ヱホバの言また我にのぞみて言ふ
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 人の子よイスラエルの家は我に渣滓のごとくなれり彼等は凡て爐の中の銅錫鐵鉛のごとし彼らは銀の渣滓のごとく成れり
“Yaa ilma namaa, manni Israaʼel udaan sibiilaa natti taʼeera; hundi isaanii naasii, qorqorroo, sibiilaa fi dilaalii boolla ibiddaa keessatti dhiifame natti taʼaniiru. Isaan udaanuma meetiiti malee homaa miti.
19 此故に主ヱホバかく言ふ汝らは皆渣滓となりたれば視よ我なんぢらをヱルサレムの中に集む
Kanaafuu Waaqayyo gooftaan akkana jedha: ‘Sababii hundi keessan udaan sibiilaa taataniif, ani Yerusaalem keessatti walittan isin qaba.
20 人の銀銅鐵鉛錫を爐の中に集め火を吹かけて鎔すが如く我怒と憤をもて汝らを集め入て鎔すべし
Akkuma namoonni meetii, naasii, sibiila, dilaalii fi qorqorroo baqsuuf jedhanii boolla ibiddaatti guuran sana, anis aarii fi dheekkamsa kootiin walitti isin qabee magaalaa keessatti isinan baqsa.
21 即ち我汝らを集め吾怒の火を汝らに吹かけん汝らはその中に鎔ん
Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis ishee keessatti ni baqfamtu.
22 銀の爐の中に鎔るがごとくに汝らはその中に鎔け我ヱホバが怒を汝らに斟ぎしを知にいたらん
Akkuma meetiin boolla ibiddaa keessatti baqfamu sana, isinis ishee keessatti ni baqfamtu; akka ani Waaqayyo dheekkamsa koo isinitti roobses ni beektu.’”
23 ヱホバの言われに臨みて言ふ
Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
24 人の子よ是に言ふべし汝は怒の日に日も照らず雨もふらざる地なり
“Yaa ilma namaa biyya sanaan, ‘Ati biyya hin qulqulleeffamin yookaan kan bara dheekkamsaa keessa bokkaan itti hin roobinii dha’ jedhi.
25 預言者等の徒黨その中にありその食を撕くところの吼ゆる獅子のごとくに彼らは靈魂を呑み財寶と貴き物を取り寡婦をその中に多くす
Ilmaan mootota ishee akkuma leenca waan adamsate ciccirachaa aaduu ti; isaan saba nyaatu; qabeenyaa fi miʼoota gatii guddaa saamuudhaan dubartoota hedduu dhirsa malee hambisu.
26 その祭司等はわが法を犯しわが聖き物を汚し聖きと聖からざるとの區別をなさず潔きと穢たるとの差別を敎へずその目を掩ひてわが安息日を顧みず我はかれらの中に汚さる
Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu.
27 その中にある公伯等は食を撕くところの豺狼のごとくにして血をながし靈魂を滅し物を掠めとらんとす
Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu.
28 その預言者等は灰砂をもて是等を塗り虛浮物を見僞の占卜を人になしヱホバの告あらざるに主ヱホバかく言たまふと言ふなり
Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma Waaqayyo hin dubbatin, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhu.
29 國の民は暴虐をおこなひ奪ふ事をなし難める者と貧き者を掠め道に反きて他國の人を虐ぐ
Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu.
30 我一箇の人の國のために石垣を築き我前にあたりてその破壞處に立ち我をして之を滅さしめざるべき者を彼等の中に尋れども得ざるなり
“Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne.
31 主ヱホバいふ是故に我わが怒を彼らに斟ぎわが憤の火をもて彼らを滅し彼らの行爲をその首に報ゆ
Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< エゼキエル書 22 >