< エゼキエル書 21 >

1 ヱホバの言われにのぞみて言ふ
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人の子よ汝の面をヱルサレムに向け聖き處々にむかひて言を垂れイスラエルの地にむかひて預言し
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;
3 イスラエルの地に言ふべしヱホバかく言ふ視よ我汝を責め吾刀を鞘より拔はなし義者と惡者とを汝の中より絕ん
akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.
4 我義者と惡者とを汝の中より絕んとすればわが刀鞘より脱出て南より北までの凡て肉ある者を責ん
Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.
5 肉ある者みな我ヱホバのその刀を鞘より拔はなちしを知らん是は歸りをさまらざるべし
Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’
6 人の子よ腰の碎くるまでに歎き彼らの目のまへにて痛く歎け
“Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.
7 人汝に何て歎くやと言ば汝言べし來るところの風聞のためなり心みな鎔け手みな痿え魂みな弱り膝みな水とならん視よ事いたれりかならず成ん主ヱホバこれを言ふ
Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
8 ヱホバの言我にのぞみて言ふ
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
9 人の子よ預言して言ふべしヱホバかく言ふ劍あり研ぎ且磨きたる劍あり
“Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: “‘Goraadee! Goraadee! Goraadee qaramee cululuqfame,
10 是は大に殺す事をなさんがために研てあり光り閃かんがために磨きてあり我子の杖は萬の樹を藐視ずとて我等喜ぶべけんや
kan ajjeesuuf qarame, akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! “‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata.
11 是を手に執んために與へて磨かしむ是劍は殺す者の手に付さんために之を研かつ磨かしむるなり
“‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf cululuqfamuuf ramadameera; harka warra nama qaluutti kennamuuf qaramee cululuqfameera.
12 人の子よ叫び哭け其は是わが民の上に臨みイスラエルの諸の牧伯等の上に臨めばなり彼らはわが民とともに劍に仆る故に汝腿を撃べし
Yaa ilma namaa, kun saba kootti, ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, iyyii wawwaadhu. Isaan saba koo wajjin goraadeedhaaf kennamaniiru. Kanaafuu ati laphee kee rukuti.
13 その試すでに成る若かの藐視ずるところの杖きたらずば如何ぞや主ヱホバこれを言ふ
“‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’
14 人の子よ汝預言し手を拍べし劍人を刺透すところの劍三倍に働かん是は人を刺透し大なる者を殺すところの劍にして彼らを責る者なり
“Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; harka kees walitti rurrukuti. Goraadeen yeroo lama, yeroo sadiis haa dhaʼu. Goraadeen kun goraadee nama fixu, goraadee akka malee nama fixu, kan qixa hundaan isaan marsuu dha.
15 彼らの心を鎔し礙く物を増んがために我拔身の劍をその諸の門に立つ嗚呼是は光ひらめき脱いでて人を殺さんとす
Kunis akka onneen baqxee hedduun isaanii barbadeeffamaniif ani balbala isaanii hunda dura ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; inni nama ajjeesuuf cululuqfame.
16 汝合して右に向へ進んで左に向へ汝の刃の向ふところに隨ヘ
Yaa goraadee, kallattii qara keetii hundaan karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti.
17 我また吾手を拍ちわが怒を靜めん我ヱホバこれを言ふなり
Anis harka koo walitti nan rurrukuta; dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. Ani Waaqayyo dubbadheeraa.”
18 ヱホバの言また我にのぞみて言ふ
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
19 人の子よバビロンの王の劍の由て來るべき二の途を設けよ其二の途を一の國より出しめて道標の記號を畵き邑の途の首處にこれを畵くべし
“Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.
20 汝またアンモンの子孫のラバとユダの堅き城の邑ヱルサレムとに劍のきたるべき途を設けよ
Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.
21 バビロンの王その道の首處その途の岐處に止りて占卜をなし箭を搖りテラピムに問ひ肝を察べをるなり
Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
22 彼の右にヱルサレムといふ占卜いづ云く破城槌を備へ口をひらきて喊き殺し聲をあげて吶喊を作り門にむかひて破城槌を備へ壘をきづき雲梯を建べしと
Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.
23 是はかれらの目には虛僞の占考と見ゆ聖き誓言かれらに在ばなり然れども彼罪を憶ひおこさしむ即ちかれらは取るべし
Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.
24 是故に主ヱホバかく言ふ汝ら旣にその罪を憶おこさしめて汝らの愆著明になりたれば汝らの罪その諸の行爲に顯る汝ら旣に憶いださるれば必ず手に執へらるべし
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.
25 汝刺透さるる者罪人イスラエルの君主よ汝の罪その終を來らしめて汝の罰せらるる日至る
“‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,
26 主ヱホバかく言ふ冕旒を去り冠冕を除り離せ是は是ならざるべし卑き者は高くせられ高き者は卑くせられん
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.
27 我顚覆をなし顚覆をなし顚覆を爲ん權威を持べき者の來る時まで是は有ことなし彼に我之を與ふ
Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’
28 人の子よ汝預言して言べし主ヱホバ、アンモンの子孫とその嘲笑につきて斯言ふと即ち汝言べし劍あり劍あり是殺すことのために拔てあり滅すことのために磨きありて光ひらめくなり
“Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: “‘Goraadee, goraadee, kan ajjeesuuf luqqifame, akka fixuu fi akka calaqqisuuf kan haxaaʼame!
29 人なんぢに虛淨を預言し汝に假僞の占考を示して汝をその殺さるる惡人の頸の上に置んとす彼らの罪その終を來らしめて彼らの罰せらるる日いたる
Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, inni morma hamoota ajjeefamuu qaban kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, warra yeroon adabbii isaanii gaʼe irra ni kaaʼama.
30 これをその鞘にかへし納めよ汝の造られし處なんぢの生れし地にて我汝を鞫き
Goraadee manʼee isaatti deebisi; iddoo ati itti dhalattetti, biyya akaakayyuu keetiitti, ani sitti nan mura.
31 わが怒を汝に斟ぎ吾憤恨の火を汝にむかひて燃し狂暴人滅すことに巧なる者の手に汝を付すべし
Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti dabarsee sin kenna.
32 汝は火の薪となり汝の血は國の中にあらん汝は重ねて憶えらるることなかるべし我ヱホバこれを言ばなり
Ati qoraan ibiddaa taata; dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; siʼachi hin yaadatamtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii.’”

< エゼキエル書 21 >