< エステル 記 4 >

1 モルデカイ凡てこの爲れたる事を知しかばモルデカイ衣服を裂き麻布を纒ひ灰をかぶり邑の中に行て大に哭き痛く號び
Mordekaayi yeroo waan hojjetame sana hunda beeketti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee, daaraa ofitti firfirsee, sagalee guddaadhaan wawwaachaa hiqqifatees booʼaa gara walakkaa magaalaatti gad baʼe.
2 王の門の前までも斯して來れり 其は麻布をまとふては王の門の内に入ること能はざればなり
Inni garuu sababii namni uffata gaddaa uffate tokko iyyuu akka ol seenu hin eeyyamamneef hamma karra mootichaa qofatti deeme.
3 すべて王の命とその詔書と到れる諸州にてはユダヤ人の中におほいなる哀みあり斷食哭泣號呼おこれり また麻布をまとふて灰の上に坐する者おほかりき
Kutaalee biyyaa hunda iddoo ajajnii fi labsiin mootichaa gaʼetti gaddi guddaan, soomni booʼichii fi wawwaannaan Yihuudoota gidduu ture; baayʼeen isaanii uffata gaddaa uffatanii daaraa keessa ciisan.
4 ここにエステルの侍女およびその侍從等きたりてこれを告ければ后はなはだしく憂ひ衣服をおくり之をモルデカイにきせてその麻布を脱しめんとしたりしがうけざりき
Yeroo dubartoonni tajaajiltoonni Asteerii fi xuʼaashiiwwan dhufanii waaʼee Mordekaayi isheetti himanitti Asteer akka malee gaddite. Isheenis qooda uffata gaddaa wayyaa inni uffatu ergiteef; inni garuu isaan harkaa fudhachuu dide.
5 ここをもてエステルは王の侍從の一人すなはち王の命じて己に侍らしむるハタクといふ者を召しモルデカイの許に往きてその何事なるか何故なるかを知きたれと命ぜり
Kana irratti Asteer xuʼaashiiwwan mootichaa keessaa Hataak isa ishee tajaajiluuf ramadame sana waamtee akka inni Mordekaayi bira deemee, rakkoo uumamee fi rakkoon sun maaliif akka uumame beekuuf ajajje.
6 ハタクいでて王の門の前なる邑の廣場にをるモルデカイにいたりしに
Kanaafuu Hataak gara oobdii magaalattii kan karra mootichaa duraa sanaatti Mordekaayiitti baʼe.
7 モルデカイおのれの遇たるところを具にこれに語りかつハマンがユダヤ人を滅ぼす事のために王の府庫に秤りいれんと約したる銀の額を告げ
Mordekaayi waan isa irra gaʼe hunda, maallaqa Haamaan Yihuudoota balleessuudhaaf mankuusa qabeenya mootichaatti galchuuf waadaa gale isatti hima.
8 またその彼等をほろぼさしむるためにシユシヤンにおいて書て與へられし詔書の寫本を彼にわたし之をエステルに見せかつ解あかし また彼に王の許にゆきてその民のためにこれに矜恤を請ひその前に願ふことを爲べしと言つたへよと言り
Akkasumas Mordekaayi akka inni Asteeritti argisiisee isheedhaaf ibsuuf garagalcha barreeffama labsii kan isaan balleessuudhaaf Suusaa keessatti labsame sana isatti kenne; akka inni akka isheen mooticha bira dhaqxee itti boossee saba isheetiif araara kadhattu itti himuufis isa ajaje.
9 ハタクかへり來りてモルデカイの言詞をエステルに告ければ
Hataak deebiʼee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime.
10 エステル、ハタクに命じモルデカイに言をつたへしむ云く
Asteer immoo akka inni akkana jedhee Mordekaayiitti himu isa ajajje;
11 王の諸臣がよび王の諸州の民みな知る男にもあれ女にもあれ凡て召れずして内庭に入て王にいたる者は必ず殺さるべき一の法律あり されど王これに金圭を伸れば生るを得べし かくて我此三十日は王にいたるべき召をかうむらざるなり
“Qondaaltonni mootichaa hundii fi sabni kutaalee biyyaa mootichaa akka mootichi yoo namni kam iyyuu dhiiras taʼu dubartiin utuu hin waamamin kutaa manaa isa gara keessaa ol seenee fuula mootichaa duratti dhiʼaate akka mootichi seera tokko qofa qabu jechuunis akka ajjeefamu ni beeku. Namni tokko yoo mootichi bokkuu mootummaa kan warqee sana diriirseef qofa ajjeefamuu oola. Ani mataan koo iyyuu guyyoota soddomman kana keessaa akkan fuula mootichaa duratti dhiʼaadhuuf waamamee hin beeku.”
12 エステルの言をモルデカイに告げけるに
Yommuu dubbiin Asteer Mordekaayiitti himametti,
13 モルデカイ命じてエステルに答へしめて曰く 汝王の家にあれば一切のユダヤ人の如くならずして免かるべしと心に思ふなかれ
inni akkana jedhee deebii kana erge: “Ati sababii mana mootichaa keessa jirtuuf Yihuudoota hunda keessaa waan ati qofti baraaramtu hin seʼin.
14 なんぢ若この時にあたりて默して言ずば他の處よりして助援と拯救ユダヤ人に興らんされど汝どなんぢの父の家は亡ぶべし 汝が后の位を得たるは此のごとき時のためなりしやも知るべからず
Yoo ati yeroo kanatti calʼifte gargaarsaa fi furamni Yihuudootaa iddoo biraatii ni dhufa; atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Maaltu beeka? Ati taayitaa mootummaa qabachuun kee yeroo akkanaatiif taʼaatii.”
15 エステルまたモルデカイに答へしめて曰く
Kana irratti Asteer akkana jettee deebii kana Mordekaayiitti ergite:
16 なんぢ往きシユシヤンにをるユダヤ人をことごとく集めてわがために斷食せよ 三日の間夜晝とも食ふことも飮むこともするなかれ 我とわが侍女等もおなじく斷食せん しかして我法律にそむく事なれども王にいたらん 我もし死べくば死べし
“Dhaqiitii Yihuudoota Suusaa keessa jiran hunda walitti qabiitii naa soomaa. Bultii sadii, guyyaa yookaan halkan illee homaa hin nyaatinaa yookaan homaa hin dhuginaa. Anii fi dubartoonni tajaajiltoonni koo iyyuu akkuma keessan ni soomna. Yoo akkas taʼe wanni kun seeraan ala taʼu illee ani gara mootichaa nan dhaqa. Ani yoon bades nan bada.”
17 ここにおいてモルデカイ往てエステルが凡ておのれに命じたるごとく行なへり
Kanaafuu Mordekaayi deemee waan Asteer isa ajajje hunda hojii irra oolche.

< エステル 記 4 >