< 列王記Ⅱ 25 >

1 茲にゼデキヤの代の九年の十月十日にバビロンの王ネブカデネザルその諸軍勢を率てヱルサレムに攻きたりこれにむかひて陣を張り周圍に雲梯を建てこれを攻たり
Kanaafuu bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti, Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule. Innis magaalattiin ala qubatee naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marse.
2 かくこの邑攻かこまれてゼデキヤ王の十一年にまでおよびしが
Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
3 その四月九日にいたりて城邑の中饑ること甚だしくなりその地の民食物を得ざりき
Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
4 是をもて城邑つひに打破られければ兵卒はみな王の園の邊なる二箇の石垣の間の途より夜の中に逃いで皆平地の途にしたがひておちゆけり時にカルデア人は城邑を圍みをる
Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
5 茲にカルデア人の軍勢王を追ゆきヱリコの平地にてこれに追つきけるにその軍勢みな彼を離れて散しかば
loltoonni Baabilon garuu mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban. Loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
6 カルデア人王を執へてこれをリブラにをるバビロンの王の許に曳ゆきてその罪をさだめ
innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaatti geeffamee achittis itti murame.
7 ゼデキヤの子等をゼデキヤの目の前に殺しゼデキヤの目を抉しこれを鋼索につなぎてバビロンにたづさへゆけり
Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan.
8 バビロンの王ネブカデネザルの代の十九年の五月七日にバビロンの王の臣侍衛の長ネブザラダン、ヱルサレムにきたり
Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii torbaffaa jiʼa shanaffaatti, Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa, qondaalli mootii Baabilon sun gara Yerusaalem dhufe.
9 ヱホバの室と王の室を燒き火をもてヱルサレムのすべての室と一切の大なる室を燒り
Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise. Manneen gurguddaa hundas ni gube.
10 また侍衛の長とともにありしカルデア人の軍勢ヱルサレムの四周の石垣を毀てり
Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan diigan.
11 侍衛の長ネブザラダンすなはち邑に遺されし殘餘の民およびバビロンの王に降りし降人と群衆の殘餘者を擄へうつせり
Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota magaalaa keessatti hafanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
12 但し侍衛の長その地の或貧者をのこして葡萄をつくる者となし農夫となせり
Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
13 カルデア人またヱホバの家の銅の柱と洗盤の臺と銅の海をくだきてその銅をバビロンに運び
Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana immoo Baabilonitti geessan.
14 また鍋と火鏟と燈剪と匙および凡て役事に用ふる銅の器を取り
Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
15 侍衛の長また火盤と鉢など金銀にて作れる物を取り
Ajajaan eegumsaa sunis girgiraawwanii fi waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan kanneen hundi isaanii warqee qulqulluu irraa yookaan meetii irraa hojjetaman fudhatee deeme.
16 またソロモンがヱホバの室に造しところの二の柱と一の海と臺とを取り此もろもろの銅の重は量るべからず
Ulfinni naasii kan Solomoon ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
17 この柱は高さ十八キユビトにしてその上に銅の頂ありその頂の高は三キユビトその頂の四周に網子と石榴とありて皆銅なり他の柱とその網子もこれに同じ
Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheerata ture. Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma sadii ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis sibiila isaa kan wal keessa loofamee tolfame wajjin kanuma fakkaata ture.
18 侍衛の長は祭司の長セラヤと第二の祭司ゼパニヤと三人の門守を執へ
Ajajaan eegumsaa sun, Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
19 また兵卒を督どる一人の寺人と王の前にはべる者の中邑にて遇しところの者五人とその地の民を募る軍勢の長なる書記官と城邑の中にて遇しところの六十人の者を邑より擄へされり
Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii shan fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota isaa kanneen magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
20 侍衛の長ネブザラダンこれらを執へてリブラにをるバビロンの王の許にいたりければ
Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
21 バビロンの王ハマテの地のリブラにてこれらを撃殺せりかくユダはおのれの地よりとらへ移されたり
Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. Yihuudaanis akkasiin boojiʼamtee biyya isheetii baate.
22 かくてバビロンの王ネブカデネザルは自己が遺してユダの地に止らしめし民の上にシヤパンの子なるアヒカムの子ゲダリヤをたててこれをその督者となせり
Nebukadnezar mootichi Baabilon akka inni namoota Yihuudaatti hambise sana bulchuuf Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ilma Shaafaan sana muude.
23 茲に軍勢の長等およびこれに屬する人々みなバビロンの王がゲダリヤを督者となせしことを聞しかばすなはちネタニヤの子イシマエル、カレヤの子ヨナハン、ネトバ人タンホメテの子セラヤおよび或マアカ人の子ヤザニヤならびに彼らに屬する人々ミヅパにきたりてゲダリヤの許にいたれり
Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaasin bulchaa kutaa biyyaa godhee muude dhagaʼanitti Gedaaliyaas bira Miisphaa dhufan; isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaan ilma Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti namicha Netoof sanaa, Yaazaniyaa ilma namicha Maʼakaatii fi namoota isaanii turan.
24 ゲダリヤすなはち彼等とかれらに屬する人々に誓ひてこれに言けるは汝等カルデア人の僕となることを恐るるなかれこの地に住てバビロンの王につかへなば汝等幸福ならんと
Gedaaliyaasis, “Qondaaltota Baabilon hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii” jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate.
25 然るに七月に王の血統なるエリシヤマの子ネタニヤの子なるイシマエル十人の者とともに來りてゲダリヤを撃ころし又彼とともにミヅパにをりしユダヤ人とカルデア人を殺せり
Garuu jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalate sun namoota kudhan wajjin dhufee Gedaaliyaas, namoota Yihuudaatii fi namoota Baabilon kanneen isa wajjin Miisphaa turan fixe.
26 是において大小の民および軍勢の長等みな起てエジプトにおもむけり是はカルデヤ人をおそれたればなり
Kana irratti namni hundi xinnaa fi guddaan, Baabilonota sodaatee ajajjoota waraanaa wajjin gara Gibxitti baqate.
27 ユダの王ヱホヤキムがとらへ移れたる後三十七年の十二月二十七日バビロンの王エビルメロダクその代の一年にユダの王ヱホヤキムを獄より出してその首をあげしめ
Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii torbaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mootii Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiise.
28 善言をもて彼をなぐさめその位をバビロンにともに居るところの王等の位よりも高くし
Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
29 その獄の衣服を易しめたりヱホヤキムは一生のあひだつねに王の前に食をなせり
Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
30 かれ一生のあひだたえず日々の分を王よりたまはりてその食物となせり
Mootichis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.

< 列王記Ⅱ 25 >