< 歴代誌Ⅱ 25 >

1 アマジヤは二十五歳の時位に即きヱルサレムにて二十九年の間世を治めたりその母はヱルサレムの者にして名をヱホアダンといふ
Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2 アマジヤはヱホバの善と視たまふ事を行なひしかども心を全うしてこれを爲ざりき
Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti.
3 彼國のおのが手に堅く立つにおよびてその父王を弑せし臣僕等を殺せり
Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
4 然どその子女等をば殺さずしてモーセの書の律法に記せるごとく爲り即ちヱホバ命じて言たまはく父はその子女の故によりて殺さるべからず子女はその父の故によりて殺さるべからず各々おのれの罪によりて殺さるべきなりと
Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Musee keessatti kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne.
5 アマジヤ、ユダの人を集めその父祖の家にしたがひて或は千人の長に附屬せしめ或に百人の長に附屬せしむユダとベニヤミンともに然り且二十歳以上の者を數へ戈と楯とを執て戰闘に臨む倔強の士三十萬を得
Amasiyaa saba Yihuudaa walitti waamee akkuma maatii isaaniitti ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa guutummaa Yihuudaa fi Beniyaam keessatti ramade. Sana booddees warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe walitti qabee akka namoonni duulaaf qophaaʼan kanneen eeboo fi gaachana qabachuu dandaʼan kuma dhibba sadii taʼan argate.
6 また銀百タラントをもてイスラエルより大勇士十萬を傭へり
Akkasumas Israaʼel keessaa loltoota jajjaboo kuma dhibba tokko meetii taalaantii dhibba tokkoon ni qaxarate.
7 時に神の人かれに詣りて言けるは王よイスラエルの軍勢をして汝とともに往しむる勿れヱホバはイスラエル人すなはちエフライムの子孫とは偕にいまさざるなり
Garuu namni Waaqaa tokko isa bira dhufee akkana jedheen; “Yaa mootii, sababii Waaqayyo Israaʼel wajjinis taʼu namoota Efreem kam iyyuu wajjin hin jirreef loltoonni Israaʼel kunneen si wajjin hin duulin.
8 汝もし往ば心を強くして戰闘を爲せ神なんぢをして敵の前に斃れしめたまはん神は助くる力ありまた倒す力あるなり
Yoo ati sodaa malee lola dhaqxe illee Waaqni fuula diinota keetii duratti si kuffisa; Waaqni gargaaruufis kuffisuufis humna qabaatii.”
9 アマジヤ神の人にいひけるは然ば已にイスラエルの軍隊に與へたる百タラントを如何にすべきや神の人答へけるはヱホバは其よりも多き者を汝に賜ふことを得るなりと
Amasiyaa immoo, “Garuu taalaantiin dhibbi ani loltoota Israaʼeliif baase sun maal haa taʼu ree?” jedhee nama Waaqaa sana ni gaafate. Namni Waaqaa sun immoo deebisee, “Waaqayyo waan sana caalu iyyuu siif kennuu ni dandaʼa” jedheen.
10 是においてアマジヤかのエフライムより來りて己に就る軍隊を分離してその處に歸らしめければ彼らユダにむかひて烈しく怒を發し火のごとくに怒りてその處に歸れり
Kanaafuu Amasiyaa loltoota biyya Efreemii isa bira dhufan sana akka isaan biyya isaaniitti deebiʼaniif gad dhiise. Isaanis Yihuudaatti aaranii akka malee dheekkamaa gara biyya isaaniitti deebiʼan.
11 かくてアマジヤは力を強くしその民を率ゐて鹽の谷に往きセイル人一萬を撃殺せり
Amasiyaa humna isaa jabeeffatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti erge; achittis namoota Seeʼiir kuma kudhan ni fixe.
12 ユダの子孫またこの外に一萬人を生擒て磐の頂に曳ゆき磐の頂よりこれを投おとしければ皆微塵に碎けたり
Loltoonni Yihuudaas namoota kuma kudhan biraa boojiʼan; fiixee kattaa tokkoottis ol baasanii achi irraa gad isaan dadarbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan.
13 前にアマジヤが己とともに戰闘に往べからずとして歸し遣たる軍卒等サマリアよりベテホロンまでのユダの邑々を襲ひ人三千を撃ころし物を多く奪ふ
Loltoonni Amasiyaa akka isaan isa wajjin hin duulleef gara biyya isaaniitti deebisee erge sun garuu magaalaawwan Yihuudaa kanneen Samaariyaadhaa hamma Beet Horoonitti jiran ni dhaʼan. Isaanis namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu baayʼee fudhatanii deeman.
14 アマジヤ、エドム人を戮して歸る時にセイル人の神々を携さへ來り之を安置して己の神となしその前に禮拝をなし之に香を焚り
Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse.
15 是をもてヱホバ、アマジヤにむかひて怒を發し預言者をこれに遣はして言しめたまひけるは彼民の神々は己の民を汝の手より救ふことを得ざりし者なるに汝なにとて之を求むるや
Waaqayyos akka malee Amasiyaatti aaree raajii tokko itti erge; raajiin sunis, “Ati maaliif waaqota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?” jedheen.
16 彼かく王に語れる時王これにむかひ我儕汝を王の議官となせしや止よ汝なんぞ撃殺されんとするやと言ければ預言者すなはち止て言り我知る汝この事を行びて吾諌を聽いれざるによりて神なんぢを滅ぼさんと決めたまふと
Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen.
17 斯てユダの王アマジヤ相議りて人をヱヒウの子ヱホアハズの子なるイスラエルの王ヨアシに遣し來れ我儕たがひに面をあはせんと言しめければ
Amasiyaa mootichi Yihuudaa erga gorsitoota isaatiin mariʼatee booddee, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosaa kana gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ni erge.
18 イスラエルの王ヨアシ、ユダの王アマジヤに言おくりけるはレバノンの荊蕀かつてレバノンの香柏に汝の女子を我子の妻に與へよと言おくりたること有しにレバノンの野獣とほりてその荊蕀を踏たふせり
Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
19 汝はエドム人を撃破れりと謂ひ心にたかぶりて誇る然ば汝家に安んじ居れ何ぞ禍を惹おこして自己もユダもともに亡びんとするやと
Ati, ‘Kunoo ati dhugumaan Edoomin moʼatteerta’ ofiin jettee amma of tuulaa jirta. Amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
20 然るにアマジヤ聽ことをせざりき此事は神より出たる者にて彼らをその敵の手に付さんがためなり是は彼らエドムの神々を求めしに因る
Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; sababii isaan waaqota Edoom duukaa buʼaniif Waaqni harka Yooʼaashitti dabarsee isaan kennuuf murteesseeraatii.
21 是においてイスラエルの王ヨアシ上りきたりユダのベテシメシにてユダの王アマジヤと面をあはせたりしが
Kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa biyya Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
22 ユダ、イスラエルに撃敗られて各々その天幕に逃かへりぬ
Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
23 時にイスラエルの王ヨアシはヱホアハズの子ヨアシの子なるユダの王アマジヤをベテシメシに執へてヱルサレムに携へゆきヱルサレムの石垣をエフライムの門より隅の門まで四百キユビト程を毀ち
Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalemitti isa fidee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
24 また神の室の中にてオベデエドムが守り居る一切の金銀および諸の器皿ならびに王の家の財寳を取りかつ人質をとりてサマリアに歸れり
Innis warqee fi meetii hunda, akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqaa keessatti argamu kan Oobeed Edoom eegaa ture hunda, qabeenya masaraa mootummaa fi namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
25 ユダの王ヨアシの子アマジヤはイスラエルの王ヱホアハズの子ヨアシの死てより後なほ十五年生存らへたり
Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
26 アマジヤのその餘の始終の行爲はユダとイスラエルの列王の書に記さるるにあらずや
Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
27 アマジヤ翻へりてヱホバに從がはずなりし後ヱルサレムにおいて黨を結びて彼に敵する者ありければ彼ラキシに逃ゆきけるにその人々ラキシに人をやりて彼を其處に殺さしめたり
Yeroo Amasiyaa Waaqayyoon duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
28 人衆これを馬に負せてきたりユダの邑にてその先祖等とともにこれを葬りぬ
Isaanis fardaan isa fidanii Magaalaa Yihuudaatti abbootii isaa biratti isa ni awwaalan.

< 歴代誌Ⅱ 25 >