< 耶利米书 46 >

1 耶和华论列国的话临到先知耶利米。
Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
2 论到关乎埃及王法老尼哥的军队:这军队安营在幼发拉底河边的迦基米施,是巴比伦王尼布甲尼撒在犹大王约西亚的儿子约雅敬第四年所打败的。
Waaʼee Gibxi: Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:
3 你们要预备大小盾牌, 往前上阵。
“Gaachana keessan xinnaa fi guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!
4 你们套上车, 骑上马! 顶盔站立, 磨枪贯甲!
Fardeen feʼadhaa; isaan yaabbadhaas! Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii iddoo iddoo keessan qabadhaa. Eeboo keessan qaradhaa; qomee sibiilaa illee uffadhaa!
5 我为何看见他们惊惶转身退后呢? 他们的勇士打败了, 急忙逃跑,并不回头; 惊吓四围都有! 这是耶和华说的。
Ani maal argaan jira? Isaan naʼanii jiru; dugda duubatti deebiʼaa jiru; gootonni isaanii moʼatamaniiru. Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu; qixa hundaanuu gooliitu jira” jedha Waaqayyo.
6 不要容快跑的逃避; 不要容勇士逃脱; 他们在北方幼发拉底河边绊跌仆倒。
“Fiigaan baqachuu hin dandaʼu; yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu. Isaan karaa kaabaatiin Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.
7 像尼罗河涨发, 像江河之水翻腾的是谁呢?
“Kan akka Abbayyaa, akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?
8 埃及像尼罗河涨发, 像江河的水翻腾。 他说:我要涨发遮盖遍地; 我要毁灭城邑和其中的居民。
Gibxi akkuma Abbayyaa, akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati. Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga; magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.
9 马匹上去吧! 车辆急行吧! 勇士,就是手拿盾牌的古实人和弗人, 并拉弓的路德族,都出去吧!
Yaa fardeen, isin garmaamaa! Yaa gaariiwwan, isinis guulaa! Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan, yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii fuula duratti qajeelaa.
10 那日是主—万军之耶和华报仇的日子, 要向敌人报仇。 刀剑必吞吃得饱, 饮血饮足; 因为主—万军之耶和华 在北方幼发拉底河边有献祭的事。
Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, kan Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha. Goraadeen hamma quufutti, hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata. Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.
11 埃及的民哪, 可以上基列取乳香去; 你虽多服良药, 总是徒然,不得治好。
“Yaa Gibxi durba qulqullittii, Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu. Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta; garuu hin fayyitu.
12 列国听见你的羞辱, 遍地满了你的哀声; 勇士与勇士彼此相碰, 一齐跌倒。
Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu; booʼichi kee lafa guuta. Goonni tokko goota kaanitti gufata; isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.”
13 耶和华对先知耶利米所说的话,论到巴比伦王尼布甲尼撒要来攻击埃及地:
“Dubbiin Waaqayyo akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha:
14 你们要传扬在埃及,宣告在密夺, 报告在挪弗、答比匿说: 要站起出队,自作准备, 因为刀剑在你四围施行吞灭的事。
“Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi; Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa: ‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’
15 你的壮士为何被冲去呢? 他们站立不住; 因为耶和华驱逐他们,
Gootonni kee maaliif kufanii diriiru? Sababii Waaqayyo gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.
16 使多人绊跌; 他们也彼此撞倒,说: 起来吧!我们再往本民本地去, 好躲避欺压的刀剑。
Isaan ammumaa amma gufatu; wal irrattis kukkufu. Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa jalaa baanee gara saba keenyaattii fi biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.
17 他们在那里喊叫说: 埃及王法老不过是个声音; 他已错过所定的时候了。
Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa; inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.
18 君王—名为万军之耶和华的说: 我指着我的永生起誓: 尼布甲尼撒来的势派 必像他泊在众山之中, 像迦密在海边一样。
“Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun “kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu, inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.
19 住在埃及的民哪, 要预备掳去时所用的物件; 因为挪弗必成为荒场, 且被烧毁,无人居住。
Ati kan Gibxi keessa jiraattu, waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi; Memfiis ontee diigamtee jiraattota malee haftiitii.
20 埃及是肥美的母牛犊; 但出于北方的毁灭来到了!来到了!
“Gibxi goromsa bareedduu dha; garuu qarxaasaan biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.
21 其中的雇勇好像圈里的肥牛犊, 他们转身退后, 一齐逃跑,站立不住; 因为他们遭难的日子、 追讨的时候已经临到。
Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis akkuma jiboota cocoomanii ti. Sababii guyyaan badiisaa, yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef isaanis garagalanii walumaan ni baqatu; iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.
22 其中的声音好像蛇行一样。 敌人要成队而来,如砍伐树木的手拿斧子攻击他。
Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti; isaan akkuma namoota muka muraniitti qottoo qabatanii isheetti dhufu.
23 耶和华说: 埃及的树林虽然不能寻察, 敌人却要砍伐, 因他们多于蝗虫,不可胜数。
Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu, isaan bosona ishee ciranii balleessu” jedha Waaqayyo. “Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu; lakkaaʼamuus hin dandaʼan.
24 埃及的民必然蒙羞, 必交在北方人的手中。
Intalli Gibxi ni qaaneffamti; dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.”
25 万军之耶和华—以色列的 神说:“我必刑罚挪的亚扪和法老,并埃及与埃及的神,以及君王,也必刑罚法老和倚靠他的人。
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida.
26 我要将他们交付寻索其命之人的手和巴比伦王尼布甲尼撒与他臣仆的手;以后埃及必再有人居住,与从前一样。这是耶和华说的。”
Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha Waaqayyo.
27 我的仆人雅各啊,不要惧怕! 以色列啊,不要惊惶! 因我要从远方拯救你, 从被掳到之地拯救你的后裔。 雅各必回来,得享平靖安逸, 无人使他害怕。
“Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel atis hin naʼin. Ani lafa fagootii sin baasa; sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
28 我的仆人雅各啊,不要惧怕! 因我与你同在。 我要将我所赶你到的那些国灭绝净尽, 却不将你灭绝净尽, 倒要从宽惩治你, 万不能不罚你。 这是耶和华说的。
Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin; anis si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo. “Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti balleesse iyyuu ani guutumaan guutuutti si hin balleessu. Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan; akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.”

< 耶利米书 46 >