< 耶利米哀歌 1 >

1 先前满有人民的城, 现在何竟独坐! 先前在列国中为大的, 现在竟如寡妇; 先前在诸省中为王后的, 现在成为进贡的。
Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun akkamitti ontee hafte! Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun amma garbittii taateerti.
2 她夜间痛哭,泪流满腮; 在一切所亲爱的中间没有一个安慰她的。 她的朋友都以诡诈待她, 成为她的仇敌。
Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. Michoota ishee hunda keessaa kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; isaan diinota ishee taʼaniiru.
3 犹大因遭遇苦难, 又因多服劳苦就迁到外邦。 她住在列国中,寻不着安息; 追逼她的都在狭窄之地将她追上。
Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. Isheen saboota gidduu jiraatti, lafa itti boqottu illee hin arganne. Warri ishee ariʼan hundi rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
4 锡安的路径因无人来守圣节就悲伤; 她的城门凄凉; 她的祭司叹息; 她的处女受艰难,自己也愁苦。
Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii. Karrawwan ishee hundi onanii jiru; luboonni ishee ni aadu; shamarran ishee ni gaddu, isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
5 她的敌人为首; 她的仇敌亨通; 因耶和华为她许多的罪过使她受苦; 她的孩童被敌人掳去。
Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; diinota isheetti toleera. Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif Waaqayyo gadda itti fideera. Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
6 锡安城的威荣全都失去。 她的首领像找不着草场的鹿; 在追赶的人前无力行走。
Intala Xiyoon irraa miidhaginni hundi fudhatameera. Ilmaan mootota ishee akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; isaan dadhabbiidhaan fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
7 耶路撒冷在困苦窘迫之时, 就追想古时一切的乐境。 她百姓落在敌人手中,无人救济; 敌人看见,就因她的荒凉嗤笑。
Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa Yerusaalem qabeenya bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. Diinonni ishee ishee ilaalanii badiisa isheetti kolfan.
8 耶路撒冷大大犯罪, 所以成为不洁之物; 素来尊敬她的,见她赤露就都藐视她; 她自己也叹息退后。
Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; akkasiinis xuroofte. Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; isheen mataan ishee guungumtee of irra garagalti.
9 她的污秽是在衣襟上; 她不思想自己的结局, 所以非常地败落, 无人安慰她。 她说:耶和华啊,求你看我的苦难, 因为仇敌夸大。
Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; kufaatiin ishee nama rifachiisa; kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. “Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali; diinni moʼateeraatii!”
10 敌人伸手,夺取她的美物; 她眼见外邦人进入她的圣所— 论这外邦人,你曾吩咐不可入你的会中。
Qabeenya ishee hundatti diinni harka isaa diriirseera; isheen Namoota Ormaa warra ati akka isaan waldaa kee hin seenne dhowwite sana utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
11 她的民都叹息,寻求食物; 他们用美物换粮食,要救性命。 他们说:耶和华啊,求你观看, 因为我甚是卑贱。
Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.”
12 你们一切过路的人哪,这事你们不介意吗? 你们要观看: 有像这临到我的痛苦没有— 就是耶和华在他发烈怒的日子使我所受的苦?
“Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? Naannoo keessan ilaalaatii argaa. Rakkinni akka rakkina koo kan ani ittiin rakkadhe, kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
13 他从高天使火进入我的骨头, 克制了我; 他铺下网罗,绊我的脚, 使我转回; 他使我终日凄凉发昏。
“Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; ibidda sana lafee koo keessa seensisa. Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee dugda duubatti na deebise; inni kophaatti na hambisee guyyaa guutuu na dadhabsiise.
14 我罪过的轭是他手所绑的, 犹如轭绳缚在我颈项上; 他使我的力量衰败。 主将我交在我所不能敌挡的人手中。
“Cubbuun koo waanjootti hidhameera; isaan harka isaatiin walitti foʼaman. Isaan morma kootti rarraafaman; gooftaan humna koo dadhabsiise. Inni warra ani of irraa deebisuu hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
15 主轻弃我中间的一切勇士, 招聚多人攻击我, 要压碎我的少年人。 主将犹大居民踹下, 像在酒榨中一样。
“Gooftaan gootota na keessatti argaman hunda gateera; inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii waammate. Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
16 我因这些事哭泣; 我眼泪汪汪; 因为那当安慰我、救我性命的, 离我甚远。 我的儿女孤苦, 因为仇敌得了胜。
“Wanni ani booʼee iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. Sababii diinni humna argateef ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
17 锡安举手,无人安慰。 耶和华论雅各已经出令, 使四围的人作他仇敌; 耶路撒冷在他们中间像不洁之物。
Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera; Yerusaalemis gidduu isaaniitti waan xuraaʼaa taateerti.
18 耶和华是公义的! 他这样待我,是因我违背他的命令。 众民哪,请听我的话, 看我的痛苦; 我的处女和少年人都被掳去。
“Waaqayyo qajeelaa dha; taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; rakkina koos ilaalaa. Dargaggoonnii fi shamarran koo boojiʼamanii fudhatamaniiru.
19 我招呼我所亲爱的, 他们却愚弄我。 我的祭司和长老正寻求食物、救性命的时候, 就在城中绝气。
“Ani tumsitoota koo nan waammadhe; isaan garuu na ganan. Luboonni koo fi maanguddoonni koo utuu lubbuu isaanii oolfachuuf nyaata barbaadatanuu magaalaa keessatti dhuman.
20 耶和华啊,求你观看, 因为我在急难中。 我心肠扰乱; 我心在我里面翻转, 因我大大悖逆。 在外,刀剑使人丧子; 在家,犹如死亡。
“Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali! Ani keessa kootti dhiphadheera; garaa koo keessatti raafameera; ani nama akka malee fincilun tureetii. Alaa goraadeen nama qala; mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
21 听见我叹息的有人; 安慰我的却无人! 我的仇敌都听见我所遭的患难; 因你做这事,他们都喜乐。 你必使你报告的日子来到, 他们就像我一样。
“Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; kan na jajjabeessu garuu hin jiru. Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; isaan waan ati gootetti gammadaniiru. Akka isaan akkuma koo taʼaniif maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
22 愿他们的恶行都呈在你面前; 你怎样因我的一切罪过待我, 求你照样待他们; 因我叹息甚多,心中发昏。
“Hamminni isaanii hundinuu fuula kee duratti haa dhiʼaatu; waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif natti fidde sana isaanitti illee fidi! Aaduun koo baayʼateeraatii; onneen koos dadhabdeerti.”

< 耶利米哀歌 1 >