< Iyyoob 7 >

1 “Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii? 2 Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo, 3 jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman. 4 Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala. 5 Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira. 6 “Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma. 7 Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; iji koo lammata waan gaarii hin argu. 8 Iji amma na argu siʼachi na hin argu; ati na barbaadda; garuu ani hin jiru. 9 Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus namni awwaalame hin deebiʼu. (Sheol h7585) 10 Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; iddoon isaas siʼachi isa hin beeku. 11 “Kanaafuu ani cal hin jedhu; ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma. 12 Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo yookaan bineensa galaanaa ti? 13 Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti, 14 ati abjuu keessa na sodaachifta; mulʼataanis na rifachiifta. 15 Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra of hudhee duʼuu nan filadha. 16 Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii. 17 “Akka ati isa leelliftuuf, akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali? 18 Ati ganama ganama isa xiinxaltee yeroo yerootti isa qorta. 19 Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu? 20 Yaa isa nama eegdu, yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? Ani baʼaa sitti taʼeeraa? 21 Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”

< Iyyoob 7 >