< Faarfannaa 2 >

1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? 2 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; 3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. 4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa. 5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa; 6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha. 7 Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera. 8 Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. 9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” 10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa. 11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa. 12 Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.

< Faarfannaa 2 >