< Vahiy 5 >

1 Tahtta oturanın sağ elinde iki yanı da yazılı, yedi mühürle mühürlenmiş bir tomar gördüm.
Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge.
2 Yüksek sesle, “Tomarı açmaya, mühürlerini çözmeye kim layıktır?” diye seslenen güçlü bir melek de gördüm.
Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.
3 Ama ne gökte, ne yeryüzünde, ne de yer altında tomarı açıp içine bakabilecek kimse yoktu.
Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye.
4 Acı acı ağlamaya başladım. Çünkü tomarı açıp içine bakmaya layık kimse bulunamadı.
Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe.
5 Bunun üzerine ihtiyarlardan biri bana, “Ağlama!” dedi. “İşte, Yahuda oymağından gelen Aslan, Davut'un Kökü galip geldi. Tomarı ve yedi mührünü O açacak.”
Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe.
6 Tahtın, dört yaratığın ve ihtiyarların ortasında, boğazlanmış gibi duran bir Kuzu gördüm. Yedi boynuzu, yedi gözü vardı. Bunlar Tanrı'nın bütün dünyaya gönderilmiş yedi ruhudur.
Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.
7 Kuzu gelip tahtta oturanın sağ elinden tomarı aldı.
Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate.
8 Tomarı alınca, dört yaratıkla yirmi dört ihtiyar O'nun önünde yere kapandılar. Her birinin elinde birer lir ve kutsalların duaları olan buhur dolu altın taslar vardı.
Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.
9 Yeni bir ezgi söylüyorlardı: “Tomarı almaya, Mühürlerini açmaya layıksın! Çünkü boğazlandın Ve kanınla her oymaktan, her dilden, Her halktan, her ulustan İnsanları Tanrı'ya satın aldın.
Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii.
10 Onları Tanrımız'ın hizmetinde Bir krallık haline getirdin, Kâhinler yaptın. Dünya üzerinde egemenlik sürecekler.”
Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.”
11 Sonra tahtın, yaratıkların ve ihtiyarların çevresinde çok sayıda melek gördüm, seslerini işittim. Sayıları binlerce binler, on binlerce on binlerdi.
Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.
12 Yüksek sesle şöyle diyorlardı: “Boğazlanmış Kuzu Gücü, zenginliği, bilgeliği, kudreti, Saygıyı, yüceliği, övgüyü Almaya layıktır.”
Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”
13 Ardından gökte, yeryüzünde, yer altında ve denizlerdeki bütün yaratıkların, bunlardaki bütün varlıkların şöyle dediğini işittim: “Övgü, saygı, yücelik ve güç sonsuzlara dek Tahtta oturanın ve Kuzu'nun olsun!” (aiōn g165)
Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. (aiōn g165)
14 Dört yaratık, “Amin” dediler. İhtiyarlar da yere kapanıp tapındılar.
Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.

< Vahiy 5 >