< İbraniler 6 >

1 Bunun için, ölü işlerden tövbe etmenin ve Tanrı'ya inanmanın temelini,
Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu;
2 vaftizler, elle kutsama, ölülerin dirilişi ve sonsuz yargıyla ilgili öğretinin temelini yeni baştan atmadan Mesih'le ilgili ilk öğretileri aşarak yetkinliğe doğru ilerleyelim. (aiōnios g166)
akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu. (aiōnios g166)
3 Tanrı izin verirse, bunu yapacağız.
Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona.
4 Bir kez aydınlatılmış, göksel armağanı tatmış ve Kutsal Ruh'a ortak edilmiş,
Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan,
5 Tanrı sözünün iyiliğini ve gelecek çağın güçlerini tatmış oldukları (aiōn g165)
warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii (aiōn g165)
6 halde yoldan sapanları yeniden tövbe edecek duruma getirmeye olanak yoktur. Çünkü onlar Tanrı'nın Oğlu'nu adeta yeniden çarmıha geriyor, herkesin önünde aşağılıyorlar.
ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
7 Üzerine sık sık yağan yağmuru emen ve kimler için işleniyorsa onlara yararlı bitkiler üreten toprağı Tanrı bereketli kılar.
Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti.
8 Ama dikenli bitki, devedikeni üreten toprak yararsızdır; lanetlenmeye yakındır, sonu yanmaktır.
Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.
9 Size gelince, sevgili kardeşler, böyle konuştuğumuz halde, durumunuzun daha iyi olduğuna, kurtuluşa uygun düştüğüne eminiz.
Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra.
10 Tanrı adaletsiz değildir; emeğinizi ve kutsallara hizmet etmiş olarak ve etmeye devam ederek O'nun adına gösterdiğiniz sevgiyi unutmaz.
Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.
11 Umudunuzdan doğan tam güvenceye kavuşmanız için her birinizin sona dek aynı gayreti göstermesini diliyoruz.
Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
12 Tembel olmamanızı, vaat edilenleri iman ve sabır aracılığıyla miras alanların örneğine uymanızı istiyoruz.
Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.
13 Tanrı İbrahim'e vaatte bulunduğu zaman, üzerine ant içecek daha üstün biri olmadığı için kendi üzerine ant içerek şöyle dedi:
Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate.
14 “Seni kutsadıkça kutsayacağım, Soyunu çoğalttıkça çoğaltacağım.”
Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa” jedha.
15 Böylece İbrahim sabırla dayanarak vaade erişti.
Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
16 İnsanlar kendilerinden üstün biri üzerine ant içerler. Onlar için ant, söyleneni doğrular ve her tartışmayı sona erdirir.
Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha.
17 Tanrı da amacının değişmezliğini vaadin mirasçılarına daha açıkça belirtmek istediği için vaadini antla pekiştirdi.
Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse.
18 Öyle ki, önümüze konan umuda tutunmak için Tanrı'ya sığınan bizler, Tanrı'nın yalan söylemesi olanaksız olan bu iki değişmez şey aracılığıyla büyük cesaret bulalım.
Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.
19 Canlarımız için gemi demiri gibi sağlam ve güvenilir olan bu umut, perdenin arkasındaki iç bölmeye geçer.
Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
20 Melkisedek düzeni uyarınca sonsuza dek başkâhin olan İsa oraya uğrumuza öncü olarak girdi. (aiōn g165)
iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera. (aiōn g165)

< İbraniler 6 >